'Kaansariin akka itti dhalatu' baruun maaliif barbaachisa?

Kaansarii seelii harmaa

Madda suuraa, Francis Crick Institute

Saayintistoonni Biriteeniifi Ameerikaa waliin ta'uun mallattoo duraa kaansariin dursee agarsiisu qorataa jiru. Kunis, dhukkubichi osoo hin dagaagin dafanii yaaluuf yaadameeti.

Qorattoonni kunneen laaboraatorii keessa kaansarii ''uumuun, ''guyyaa jalqabaa'' maal akka fakkaatu karoorfatan.

Kanaafis, qorannoon kaansarii UK, Yunivarsiitii Kaambiriij, Maanchistar, Yunivarsiitii Kollejjii Landan akkasumas Yunivarsiitii Oregoniifi Istaanford jiran walitti dhufuun yaada, tekinolojii akkasumas beekumsa damee kana irratti qaban walitti fiduun qorachuu yaadan.

Saayintistoonni qorannoo adda addaa taasisuun yeroo kaansariin dhalatu qorannoon irra gahuf yaadanis kuni ''akka cidii keessa lilmoo barbaaduuti'' jedhameera.

Qorannoon isaan amma eegalan waggoota 30's fudhachuu danda'a.

''Rakkoon guddaa yeroo kaansariin qaama namaa keessa dhalatu arguu hin dandeenyu,'' jedhu qorannoo kaansarii UK irraa Dr Deevid Kiroosbii.

''Yeroo dhukkubichi argamu, inni qaata hundee godhate,'' jedhu.

Kanaafuu, qorattoonni kaansarii qoratan akka jedhanitti qaccee sanyii namoonni qabaatani dhalatan akkasumas naannoo isaan keessatti guddatan irratti xiyyeeffachuun carraa namni tokko dhukkuba kanaaf saaxilamu qorachuu hedan.

Hanga yoonaa, saayintistoonni akka jedhanitti qorannoon dursanii irra gahuf taasifamu xiqqaafi kan tumsa gareewwan garaa garaa waliin taasisan miti. Kunimmoo, ummata baay'ee keessa waan jiru baruu dhorkeera.

Kanaafuu, qorattoonni walta'un isaanii kuni faayidaa guddaa akka qabu amanu.

Ragaaleen akka agarsiisanitti yoo dhukkubni kaansarii harmaa sadarkaa tokkoffaa irratti wal'aansa argate dhukkubsattoonni kaansarii harmaa 98% ta'an waggoota shaniifi isaa ol jiraachuu danda'u.

Seelii kaansarii qaama saala dhiiraa

Madda suuraa, LRI EM unit

Yoo sadarkaa 4ffaa irratti wal'aansa argatan garuu 26% qofa lubbuun jiraachuu danda'u.

Yeroo ammaa garuu dhukkubsattoota kaansarii harmaa 44% qofatu sadarkaa duraa irratti wal'aansa kan argataa jiran.

Gama kaaniin dhukkuboota kaansarii hundaaf meeshaaleen itti dursanii qoratanii hubachuun danda'amu hin jiru.

Qorannoon Kaansarii UK qorannoo wal ta'umsaan taasifamu kanaaf waggoota dhufan shan keessatti dolaara miiliyoona 50 baasuuf kaayyeffate.

Giddugalli Kaanaarii Yunivarsiitii Istaanford jiruufi Inistitiyuutin kaansarii Oregoon, Ameerikaa jiru immoo dolaara miiliyoona 20 ramadan.