Oboloota UK dhibee kaansariif jedhanii garaacha ofirraa muran

Sophia Ahmed, Omar Khan , Tahir Khan

Madda suuraa, Sophia Ahmed

Ibsa waa'ee suuraa, Soofiyaa, Omar fi Xaahir qacceen sanyii isaanii kaansarii qabaachuu erga baranii booda garaacha of keessaa muranii baasan.

UK keessatti obboloonni sadi qacceen sanyiisaanii dhibee kaansarii qabaachuu erga baranii booda garaachasaanii muranii of keessaa baasan.

Haatii fi obboleettiin isaanii kaansarii garaachaatiin erga du'anii boodadha obboloonni kunneen murtee kanarra ga'an.

Xaahir Khan, Soofiyaa Ahmad fi Omar Khan umuriin isaanii walduraa duubaan waggaa 44, 39 fi 27 yoo ta'u Hospitaala Kaambiriij keessatti argamu Addenbrooke keessatti wal'aanamaa erga turanii booda garaacha irra muranii baasan.

Haala kanaan garaacha muranii baasuun jireenya keenya du'a jalaa baraareera jedhu Obboloonni kunneen.

Haa ta'u malee ammas intalli Xaahir kaansarii garaachaatiin qabamuun dhagahameera.

Harmeen obboloota kanneenii waggaa 16 dura umurii waggaa 49tti kaansariidhaan qabamtee ji'a ja'atti duute.

Obboleettiin isaaniimmoo waggaa ja'a dura umurii waggaa 32tti duute.

Obboloota kanneeniif wal'aansa fayyaa taasisuun , garaacha muranii baasuun waggaa tokkoo hanga waggaa sadii fudhateera.

Harmee obbolootaa fi obboleettii kan kaansariidhaan du'an

Madda suuraa, Sophia Ahmed

Ibsa waa'ee suuraa, Harmee obbolootaa fi obboleettii kan kaansariidhaan du'an

Garaacha akkamiin murtee baasta?

Dhaabbati Qorannoo Kaansarii UK akka jedhutti qaccee sanyii kaansariidhaan faalameef yaaliin taasifamu jira.

Dhiiga qorachuu fi raajii kaasuun hojii duraati

Wal'aansi garaacha muranii baasuu kun 'gastrectomy' jedhama.

Wayita garaachu bakki rakkoo qabu muramu toorri nyaatni keessa taru garaacha isa hafetti qabsiifama.

Kana jechuun qaamni nama kanaa ammallee sirna nyaataa ni raawwata jechuudha. Akka duraanii garuu hin ta'u.

Namoonni garaachi isaanii muramee ba'e dafanii dafanii soorata muraasa muraasaan nyaachuuu qabu.

Nyaata hedduu fi guddisanii afaan kaawwachuu hin qaban.

Ujummoo yaalii
Ibsa waa'ee suuraa, Yaalii waggaa tokoo hanga waggaa sadiitti obboloowwan kaansarii garaachaa qabaniif taasifame