'Wal'aansaan du'uu': Dubartii Awustiraaliyaa seera 'Wal'aansaan du'uu' yeroo jalqabaaf fayyadamte

Madda suuraa, GO GENTLE AUSTRALIA
Dubartiin Awustiraaliyaa seera haaraa 'wal'aansaan du'uu' fayyadamuun nama jalqabaa taatetti jechuun, dhaabbati tola oolaa Go Gentle Australia jedhamu ibse.
Keerii Roobart-san nama ganna 61 yoo taatu manatti otuma wal-aanamtuu dha baatii Adoolessaa keessa Viiktooriyaatti luubbuunshee kan darbe.
Seerri 'wal'aansaan du'uu,' (assisted dying) wal-falmisiisaa tahe kuni naannoo Viktooriyaatti kan hayyamame yoo tahu naannoleen kaanittis hojiirra ooluuf yaadamaa jira, Keeriif adeemsa guyyaa 26 booda hayyamameef.
Maatiinshee ''du'a ulfinaa barbaadaa turte argatte,'' jedhan.
Aadde Keeriin bara 2010tti kaansarii harmaa akka qabdu barame. Dhukkubichi boodarra gara lafee, sombaafi sammuusheetti tamsa'eera.
Wal'aansa kiimooteeraappiifi raadeshinii jedhaman dandamachuu dadhabnaan baatii Bitotessaa keessa dhaabde.
Seerri Adooolessa darbe Viktooriyaatti hojii irra oole dhukkubsattoota fayyuu hin dandeenyeefi ulaagaawwan muraasa guutan qorichi lubbuu isaanii dabarsuu danda'u akka kennamuuf hayyama.
''Ishee biratti naannofnee turre, Deevidis duubaa haasa'aa ture, jaalalaan marafamtee, jecha ishee dhumaas ulfinaan dubbatteetti'' jechuun intalli Keerii ibsa dhaabbata tola oolaa Go Gentle Australia irratti dubbatteetti.
''Anaaf waanti guddaan, kana gochuun keenyi jireenyatti gaammadduufi duuti immoo mijuu akka isheef tahu,'' dhas jette.
Seerichi eenyuuf hayyamama
Seerichi mirgoota kabaju 68 kan qabu yoo tahu namoota dhukkubbii jabaa keessa jiraniif bahe.
Dhukkubsataan tokko hayyama 'wal'aansa du'uu' kana argachuuf hakiimota leenjii qabaniif al-sadii gaaffii dhiyeessuu qaba. Umuriin 18 tahuufi jireenyaaf yeroo baatii jahaa qabaachuun dirqama.

Madda suuraa, GO GENTLE AUSTRALIA
Seerri kuni bara 2017tti falmii sa'atii 100f paarlaamaa keessatti taasifameen booda ragga'e.
Maatiin Keerii, ''gaafuma seerri kuni hojii irra oole akka isheef raawwatamuuf gaafatte,'' jedhan.
Naannoleen dhiha Awustraaliyaafi Kuwiinslaand illee seera wal-fakkaataa qabaachuuf haala ilaallachaa jiru.













