Kaansarii gadameessa sanyii hidda dhaloota abbaatii ijoollee durbuu mala jedhame

Abbaa fi hintala

Madda suuraa, Getty Images

Daballi mudannoo kaanseerii gadameessa sanyii (Ovarian) dubartootaa hidda sanyii abba irraa gara ijoollee dubaraatti akka darbu kan taasisuu jijjirama qaccee sanyii haaraa (new gene mutation) adda baasanii isaanii saayintistoonni Ameerikaa dubbatan.

Dhaalaan sanyiin karaa X-chroomoosoome kan darbu kun, dubartoota balaa kanaaf saaxiluu jehdamanii ifatti kan beekamaniifi yeroo hunda qoratamanii ilaalaman irraa adda ta'uunsaas beekameera.

Eenyummaa qaccee sanyii kanaafi akkaata itti hojjatu mirkaneefachuuf qorannoon dabalataa barbaachisaadha jechuunis oggeeyiin dubbataniiru.

Argamtiin qorannoo haaraa kun barruu ykn joornaalii PLoS Genetiks jedhamurratti maxxanfamuun kan as baheedha.

Gaaga'ama maatiin dhufu

Yeroo ammaa, dubartiin seenaan kaansarii cimaa maatii ishee keessa qabdu qaccee sanyii 'BRCA' kan carraa kaansarii harmaa fi kaansarii gadameessa sanyii qabamuu dubartii sana daran dabaluu qoratamti.

Anjeelaa Joolii BRCA1 haadha isheerra dhaalte - carraan kaansarii harmaan qabamuu maluu ishee %87 akkasumas carraan kaansarii gadameessa sanyiin qabamu %50 akka ta'u malu doktoorota isheen waan itti himameef baqaqsanii hodhuu ittisaa (preventive surgery) godhatte.

Haa ta'u malee, darbee darbee kan mul'atu kaansariin gadameessa sanyii kan abboota irraa gara ijoollee durbaatti sanyiin (dhaalaan) dhufuun rakkataan jiraachuu malu jechuun qorattoonni amanu. - muraasni karaa X chromoosoome abba irra dhaalu.

Anjeeliinaa Joolii

Madda suuraa, AFP/getty

Ibsa waa'ee suuraa, Anjeelaa Joolii baqsanii hodhuu ittisaa bara 2013 keessa godhamte

Dhiirri X chromosoomii tokko mucaa durbaaf dabarsa.

Dr. Keeviin Eng fi wayiloon isaanii Inistituutii Kaansar Roosweel Paark keessa hojjetanis, jiinii shakkamaa MAGE3 jedhamuufi kan X chromoosomi abbaa irraa dhuferratti xiyyeefatan.

Kaansariin gadameessa sanyii kan abbaa yookiin akkasumas haadha abbaa irraa dhaalamu kun kan karaa haadha ofii dhufurra kan adda isa godhu yoo jiraate, inni abbaa irraa dhaalamu dafee ijoollummaan dhufa. Akkasumas abbaafi ilmi carraan kaansarii qaama saala dhiiraa (prostate cancer)n qabamuu isaanii olaanaa ta'ee argama.

Akka Roosweel Paark giddu galeessa olaanaa kaansarii Niiwu Yoorktti qorataa muummee kan ta'an Keeviin Inigi jedhaniitti: Argamtiin qorannoo kun akkamitti maatii X waliin hidhata qaban itti argachuu dandeenyu ilaalchisee, marii hedduu gartuu keenya gidduutti akka uumamu godheera. Kanatti aansuun waanti nuti gochuu mallu yoo jiraate, maatiwwan addaa addaa dabalataan qorachuun qacce sanyii isa sirri ta'e qabaachuu keenya siriitti baruudha.

Akkaatan deemsa gosa kaanseerii kanaas ''hundumaa qabuu ykn tasauma qabuu dhiisuu: Maatiin tokko ijoollee durbaa sadi kan hunduu kaanseerii qaban yoo ta'e kaanseeriin sun jijjirama BRCA'n kan dhufe utuu hinta'in irra caalaatti jijjiramaa X 'rra kan dhufeedha.''