'Wal'aansa dhibee kaansarii argachuuf jedheen waanan qabu hunda gurgure'

Awa Filorensi Senegaal magaalaa Daakaar keessa jiraatti. Hojjettuu mootummaati. Dhibee kaansarii gadameessatiin qabamuushee bara darbe barte.
"Baay'ee qaaliidha. Qabamuu kiyya wayitan baru yaalamuuf waanan qabu hundan gurgure. Homaa wanti na hafe hin jiru. Abbaan manaakoo na dhiiseera. Fuulduraaf waanan ittiin yaalamu hin qabu'' jetti.
Kaansariin Afriikaa Afriikaa keessatti dhibee balaafamaa saffisaan tatamsa'aa jiruudha.
Biyyoota Afriikaa keessaa Senegaal hospitaalota mootummaa keessatti tajaajila 'keemooteraappii' bilisaan kennuudhaan sadarkaa fooyya'aarra jirti.
Akka mootummaan jedhutti dubartoota dhibee kaansarii gadameessaa qabaniif dawaan bilisaan kennamuu qaba.
Akkasumas dhibee kaasnarii biraaf ammoo dawaan hanga dhibbeentaa 60 akka hir'atu murtaa'eera.
Daarektarri Hospitaalota mootummaa Senegaal Khady Mbaye Sylla dawaan barbaachisaan tajaajila 'keemooteraappii' waliin fudhatamu haala salphaan akka dhukkubsattoota bira ga'uufis mootummaan haala mijeesseera jedhan.
'Kaansariin wal'aansa tokko qofaan hin fayyamu'
Dhibeen kaansarii wal'aansa 'keemooteraappii' qofaan hin fayyamu, wal'aansa dabalataa barbaada, kunimmoo baasii dabalataa gaafata.

Akka ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti biyyoota Afriikaa Sahaaraan gadii keessatti dhibeewwan kaansarii lubbuu galaafatan keessaa kaansariin gadameessaa fi kaansarii harmaa isaan balaafamoodha.
Haata'u malee garuu dhibeewwan kunneen haga yeroo dhiyoo kanaatti dhibeen kaansarii kun xiyyeeffannaa argatee hin beeku.

Dhibee Kaansarii Senegaal keessatti:
- Dhibeewwan kaansarii baay'inaan mudatan: Kaansarii gadameessaa(17.8%); Kaansarii harmaa (16.7%); Kaansarii tiruu (10.2%); Kaansarii cidhaanii (9.1%); Kaansarii garaachaa (5.2%)
- Namoota dhiyeenya kana dhibee kaansariitiin qabaman (2018): 10,549 - baay'ina uummataa miiliyoona 16 keessaa.
- Namoota dhibee kaansariitiin du'an (2018): 7,571
Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa

Hanqinni sona soorataa, sochii qaamaa hojjechuu dhiisuun, dhugaatii alkoolii dhuguu fi tamboo xuuxuun biyyoota Afriikaa keessatti sababoota dhala namaa kaansariif saaxilaa jiraniidha.
Ogeessi fayyaa dhimma madaa'uu qaamaarratti hojjetu kan magaalaa Daakaar keessa jiraatu BBCtti akka himetti sababa dhibee kaansariitiin du'uun hir'achaa jiraatullee garuu ammallee wal'aansaa fi ittisa isaarratti hojii guddaatu hafa jedheera.
"Baasii wal'aansa dhibee kaansarii hundayyuu mootummaan kaffaluu qaba. Tajaajila 'keemooteraappii qofa osoo hin taane wal'aansa guutuu ta'e kennuu qaba. Tajaajila murteessa ta'e kanneen akka 'Hormono therapy fi radiotherapy' argachuu qabu''

Senegaal keessatti tajaajila raadiyooteraappii argachuuf doolaara Ameerikaa 250 kaffaluun dirqama. Wal'aansa baqaqsanii yaaluuf ammoo doolaara 330.
Kunumtuu erga dhukkubsataan qorannoo wal'aansa duraa gaggeesseen boodadha, qorannoon wal'aansa duraa walumaa galatti doolaara Ameerikaa 1,600 gaafata.
Namoota akka Awa Florence ji'aan mindaa doolaara Ameerikaa 80 argataniif tajaajila akkanaa argachuun waan yaadamu miti.
Awa Florence fooyya'iinsa tajaajila wal'aansaa mootummaan taasiseen abdii horattullee ammallee wayita wal'aanamtu naga'een kaffaltii irra deddeebiin itti dhufa.
Kunimmoo dhibee ishee caalaa akkaan ishee yaaddessa.

Mootummaan tajaajila wal'aansa dhibee kaansarii walabaan haa labsuyyuu malee namoonni hedduun giddu gala biyyaarraa fagaatanii argaman ammallee dhibee kanaan dhiphachaa jiru, wal'aansa argachuun hafee dhibee kanaan qabamuusaaniillee osoo hin barin ittiin du'aa jiru.
Biyyoota guddataa jiran keessatti carraab dhibee kaansarii irraa fayyuu harka 10 hanga 20 hin caalu, biyyoota guddatan keessatti garuu 80 hanga 90 ta'a.
Kanaaf sababa kan ta'a:
- Odeeffannoo waa'ee dhibee kaansarii dhabuu
- Erga kaansariin namarratti cimee yaalamuu
- Bakka yaalii fooyya'aa dhabuu
- Fageenya giddu gala wal'aansaa irraa
- Baasii guddaa kan barbaadu ta'uu
- Tajaajilli wal'aansaa gadi bu'aa ta'uu
(Maddi: Dhaabbata Fayyaa Addunyaa)
Dhibee kaansarii ilaalchiseeqQormaati guddaan ardii Afriikaa hanqina ragaa ykn data'ti.
Kunimmoo imaammata baasanii irratti hojjechuuf gufuu ta'eera.
Ogeeyiin akka jedhanitti hudhaawwan dhibee kaansarii ittisuu keessatti mudatan osoo furamanii harka 75 kaansarii irraa fayyuun ni danda'ama.
Mootummoonni biyyoota Afriikaa muraasni wantoota dhibee kaansarii namatti fidan kanneen akka tamboo xuuxuu hambisuurratti hojjechuu eegalaniiru.
Waa'ee kaansarii irratti hubannoo hawaasaa cimsuun ammoo dhimma ijoo ta'eera.
Kaansariin gadameessaa biyyoota Afriikaa kanneen akka Botiswaanaa, Afriikaa Kibbaa, Senegaal, Itoophiyaa fi Maalaawwii daran kan mul'atu yoo ta'u, mootummoonni biyyoota kanneenii talaallii kennuun ittisuuf tarkaanfii eegalaniiru.















