Kaabii Laamee: Hojjataa warshaa duraanii amma urjii TikTok ta'e

Kaabii Laamee

Madda suuraa, khaby.lame/tiktok/getty

Namichi addunyaarratti bakkalcha TikTok ta'e kun akka warra kaanii TikTok irratti osoo shubbisuu hin mul'atu. Qaamnisaayyuu shubbisaaf kan abboomamuuf hin fakkaatu.

Asoosama ykn diraamaa barreessee hojjetee agarsiisun qalbii hawwachuufis hin carraaqu. Sagaleefi akkaataa itti diraamaa warra kaan hojjetan akkeessuufis nama kufee ka'u miti.

Akkuma qoosaatti calliseedhuma gocha wal xaxaa dhala namaa qeeqa. Namoota addunyaarratti bakkalcha TikTok ta'an hunda caalaa sadarkaa lammaffaa irratti argama.

Hordoftoota miiliyoona 100 qaba. Lakkoofsi kunis Awurooppaatti tokkoffaa isa taasisa. Viidiyoowwan TikTok irratti maxxansuus baayyee salphaafi gabaaboodha.

Qeeqsi isaas kan haasaan guutaman miti, gochaan agarsiisa.

Viidiyoowwan namoota karaa walxaxaa ta'een hojii salphaa raawwatan agarsiisuun, ofiisaatiif wantuma sana karaa salphaa ta'een mul'isa.

Isaan booda harkasaa facaasuufi mormasaa sochoosuun xumura.

Kaabii Laamee

Madda suuraa, khaby.lame/tiktok

Hordooftoota miliyoona 100

Kaabii Laamee miidiyaalee hawaasaa irratti Chaarlii D Amiiliiyootti aanuun dargaggoo hordooftoota hedduu horateedha.

Akkaawwuntiin TikTok isaas hordoftoota miiliyoona 100 kan qabuufi yeroo biiliyoona 1.3 kan (Like) jaalatameedha.

Lakkoofsi kun osoo sadarkaa biyyaatiin ilaalamee lammiilee Yunaatidi Kingdamiitiin ol jechuudha.

Namoonni tokko tokkoos tarii sadarkaa Chaarliin qabate fudhachuu danda'a jechuun tilmaamu.

Nami kun eenyu? Maaliifis hammana beekame?

Kaabii Laamee kan dhalate biyya lixa Afriikaa taatee Seenegaaliitti. Amma kan jiraatu Xaaliyaan keessa.

Dargaggoon umurii waggaa 21 Kaabiin, TikTok fayyadamu kan eegale baatii Bitooteessaa 2020 keessa ture. Wayita Covid addunyaa mudate ture innis TikTok jalqabe.

Wayita Covid-19 mudateetti warshaa keessa hojjataa ture irraa gaggeeffame. Isaan boodas Kaabiin kallattiin gara maatiisaatti qajeele.

Hojii biraa barbaada jedhamee eegamulleen, inni garuu guyyaa guyyaan TikTok irratti viidiyoo maxxansuu eegale.

Yeroo sana viidiyoowwan nama kofalchiisan yoo qoodu, akka ammaa kanatti addunyaarratti beekkamtiin ittiin argadha jedhee waan yaade hinfakkaatu.

Viidiyoowwan inni qooduus maaliif namoonni dhimmoota baayyee salphaa ta'a akka walxaxaa taasisan kan mul'isuudha.

Akka inni jedhutti namoonni addunyaa guutuutti argaman viidiyoowwan isaa jaalachuun kan kolfaniif, sochii fuula isaa irraa kan ka'e akka ta'e hima.

Kan biraa ammoo yaada isaa hubachuuf afaan beekuu ykn dubbachuun gonkumaa kan hinbarbaachifne ta'u dubbata.

Kaabii dinqisiifataa kubbaa miilaa yoo ta'u, viidiyoowwan irrattis Tishartiiwwan kilaboota ispoortii uffachuun mul'ata.

Deeggaraa Juuveentas kan ta'e Kaabiin, urjiiwwan Hooliiwuud keessaas Eedii Marfii fi Wiil Isimiiz baayyee dinqisiifata.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Shamarree taatoo dhiiraafi dubartii hojjachuun dandeettii ishee hubatte

Ammatti hordoftoota hedduu qabaachuun kan isa dursu Chaarlii D Amiiliiyoodha. Hordooftoota miiliyoona 120 qaba. Kaabii Laameen ammoo hordoftoota miiliyoona 100 ol qaba.

Addiisan Reey miiliyoona 80 akkasumas Zaak Kiingi miliyoona 61 oliin tartiibaan addunyaarratti TikTok irratti dursaa jiru.

Kaabii ammoo sadarkaa Chaarlii Di Amiiliyoon yeroo dhiyootti ni fudhata jedhamee eegama.

Wallakkeessa Hagayyaatiin as qofa hordooftoota miliyoona 20 ol argachuun dursaa ta'eera.

Chaarliin garuu yeroodhuma walfakkaataa sanatti hordoftoota miiliyoona 2.6 qofa horate.

Kanaafuu, lakkoofsi hordoftoota Kaabii saffisa kanaatiin yoo itti fufe addunyaarratti TikTok dhaan dursaa ta'a jechudha.