TikTok bara 2020 keessa aappii namni hedduun buufate ta'e

Madda suuraa, Reuters
Aappiin Chaayinaa TikTok bara 2020 keessa aappiiwwan si'a hedduu buufaman keessaa sadarkaa jalqabaarra jiraachuu kaampaaniin App Annie jedhamu beeksise.
Miidiyaalee hawaasummaa bara 2020 keessa namni itti fayyadamuuf hedduu buufate shan keessaa TikTok qofatu kaampaanii Feesbuuk jalatti hin hoogganamu.
Aappiin viidiyoo gaggabaabduu qooduun jaalatamaa ta'e kun Chaayinaa keessatti appii kan biraa viidiyoo qooduuf gargaaru kan afaan Chaayinaan hojjetu Douyin waliin gabaa guddaa argate.
Pireezidantiin duraanii US Doonaald Tiraamp Ameerikaa keessatti aappiin kun akka ugguramu yaalanis ergasiiyyuu jaalatamummaan aappii kanaa biyyattii keesatti akkaan dabaleera.
Aappiiwwan kaampanii Feesbuuk jala jiran erga dhaabbati amma qorannoo kana ifa godhe bara 2018 hundaa'ee, sadarkaa aappiiwwan hedduu buufamanii bara baraan ibsamu to'atanii jiru.
Aappiiwwan Maark Zuukerberg WhatsApp, Instagram, Feesbuuk Mesenjer fa'a baroota darbanis sadarkaa hanga shan jiru to'ataa turan.
Bara darbe Donaald Tiraamp ajaja dabarsii turaniin aappii TikTok buufachuun akka dhorkamu labsanii turan.
Sababni ammoo aappiin kun yaaddoo nageenya biyyaalessaa uuma kan jedhu ture. Akka Tiraamp jedhanitti mootummaan Chaayinaa odeeffannoowwan maamiltoota Ameerikaa aappii kanarraa fudhachuun itti fayyadama. Ta'uus kaampaniin Chaayinaa kun himannaa kana fudhatama dhabsiiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Pireezidantiin haarofni US Joo Baayidan kan Amajjii darbe aangoo qabatan garuu labsii Tiraamp kana fudhatama dhabsiisaniiru.
TikTok torban darbe kana akkuma Isnaapchaat, Feesbuukiifi Inistaagiraam kiliippiiwwan viidiyoo takkaa mul'atanii badan hojiirra oolchuuf yaalaa ture.
Istooriiwwan TikTok fayyadamtootni qabiyyee namni hordofan maxxanse osoo hin haqamiin sa'aa 24 dura arguu akka danda'an ni hayyama.
WhatsApp hojimaata haaraa maamiltootni isaa suuraafi viidiyoo erga ilaalamee booda badu akka maxxansan hayyamu hojiirra oolcheera.













