Dubbiin dargaggoon TikTok beekamaan Ispeen waa'ee kondomii dubbate mufii guddaa kaase

Madda suuraa, TikTok/@naimdarrechi
Dargaggoon beekamaa lammii Ispeen weellisaa ta'eefi TikTok gubbaa hordoftoota miiliyoona 26 qabu waa'een kondomii wanti inni dubbate mufii guddaa kaaseera.
Naim Darrechi, ganna 19, dubartootatti dhalchuu hin danda'u jedhee kondomii akka hin fayyadamne ifatti dubbatuu isaatu komii guddaa kaase.
Dubartoonniifi shamarran hedduu Tiwiitara gubbaafi miidiyaa kaanirra bahuun isa balaaleeffataniiru.
Boodarra Inistaagiraama gubbaa bahuun ''Baay'een gadda... wantin dubbadhe maraatummaadha,'' jechuun hime. Wanti dargaggoon kuni jalqaba dubbate baay'ee qoodamee ture.
Ministirri Walqixxummaa Ispeen Abbaan Alangee dargaggoo kana akka qoratu gaafataniiru.
Irenee Monteroon Darrechin wanti inni dubbate dhugaa ta'uu isaafi yoo dhugaa ta'e jiraatemmoo dubartoonni gowwomfaman akka adda baafaman gaafatan.
Kunis, seera Ispeeniin adabsiisa. Seerri Ispeen haaraa saalqunnamtiin of eeggannoo malee raawwate akka haleellaatti ilaala, jechuun ibsan.
Dubbiin dargaggoo kanaa jalqaba kan dhagahame yeroo inni nama Yuutubii gubbaa dalaguufi Mostopapi jedhamutti ''Kondomiitin na rakkisa, kanaaf takkaa fayyadamee hin beeku,'' jechuun dubbateetti.
Akka inni jedhutti dubartoonni inni saalqunnamtii waliin raawwate tokkoyyuu hin ulfoofne jechuun ''rakkoo akkan qabu yaaduun eegale,'' ''Kanaaf hin yaadda'inaa, dhalchuu hin danda'u. Dhugaadha,'' jechuun kolfaa dubbate.
Boodarra Inistaagiraama irratti bahuun dhiifama erga gaafate booda silaa dubbiin isaa citee keessa bahe gaarii ture jechuun hime.
Waan raawwate kana irratti BBC'n yaada isaa gaafatus deebii hin kennine.
Ispeen haleellaa saalaan walqabsiisee seera waldhabsiisaa qabdi.
Kanneen waan Darrech raawwate qeeqan yeroo saalqunnamtii raawwatu dhukkuboota saalqunnamtiin dabarsa jechuun balaa akka qabu eeru.
Dargaggoon kuni baatii Caamsaa darbe ulfa baasuu balfuu isaatti ijoo dubbii ta'ee ture.














