TikTok akkawuntii ijoollee umriin isaanii banachuuf hin eeyyamneefi mil. 7 ol haqe

Ijoollee

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Ijoollee

TikTok akkaawuntii ijoollee umriin isaanii gargaaramuuf hin eeyyamamne miliyoona 7.3 nuusa waggaa tokko keessatti haquu beeksise.

TikTok karaa viidiyoo qooduuf gargaaru wayita ta’u, fayyadamtoota sadarkaa addunyaatti qabu keessaa kan haqame %1 gadi jedheera.

Appilikeeshiniin ijoollee ol adeeman biratti akkaan jaallatamaa ta'e kun, Ijoollee umriin isaanii ganna13 fi isaa ol jiraniif qofa eeyyamama.

TikTok hojiirra oolmaa qajeelfama itti fayyadama isaa keessatti namoota hangas heddummaatan haquu beeksisuun kan jaqabaati.

Gabaasni bahe akka jedhutti, waa’ee fayyadamtoota TikTok umriin isaanii hin geenyee ibsuun‘’dhaabbaticha nageeenya fayyadamtoota eeguuf itti gaafatamummaafi iftoomina uumuuf gargaara’’

Kana malee viidiyoowwan 61,951,327 seera appii kana cabsuun haqame, Viidiyoon haqaman kun kanneen appii kanarratti gadhiifaman keessa%1 gadi.

Viidiyoowwan% 82 otoo hin daawwatamiin haqaman, isaan keessaa %91 kanneen ta’an otoo maamiltoonni TikTok hin gabaasiin haqaman.

Beeksisawwan1,921,900 imaammatafi qajeelfama barbaachisu hin guuttanne dhorkamaniiru.

Walumaagalatti akkawuuntiwwan 11,149,514 qajeelfama darban haqamaniiru.

Tiktok tarkaanfiwwan ijoollee ol guddataa jiran ittiin eegu heddu kan hojiirra oolche wayita ta’u, tamsaasa kallattii fayyadamuufi dhaamsa karaa keessoon dhuunfaatti walii barreessuu namoota umriin isaaanii ganna 16 fi isaa ol ta’aniif eeyyame.

Amajjii jalqaba bara kanaarratti ijoollee ol guddataa jiran, kanneen umriin isaanii ganna 16 hin guunne akkawuntii isaanii hordoftoota eeyyamaniif qofatti akka mul’atu taasifameera.

‘’Ijoollee umriin isaanii Tiktok fayyadamuuf hin eeyyamne eeguuf tarkaanfii fudhannu ifoomsuuf fayyada’’jechuun hogganaa nageenyaafi amanummaa Tiktokii eegu, Korman Kiinan himaniiru.

Appilikeeshiin Chaayinaa kun ijoollee ol guddataa jiran birattti jaalatamaadha, taatullee lakkoofsi ijjoollee TikTok fayyadamuun hin eeyyamamneef guddachaa jiraachuutu sodaa uume.

Ragaan Niwu yoork Taayimsi bara darbe baase akka akeekutti, Ameerikaatti fayyadamtoonni TikTok keessaa sadii keessaa harki tokko ijoollee umriin isaanii ganna14fi isaa gadi jirani.

Mamiltoota TikTok fayyadamuuf umriin daangessu

BarreessaanTikTok Buum’ Kiriis Istoki-Wooker jedhaman, gufuu TikTok akkuma miidyaalee hawaasaa birootti mudatu‘’umrii maamiltootaa adda baasudha’’jedhan.

‘Teeknoloojii sanatti gargaaramuun garuu eeyyama hedduu kan gaafatufi namoota kan mufachiisu ta’u danda’a,‘’ jedhan.

Akkaataa TikTok ragaalee ijoollee sassaabuufi itti gargaaramu ilaallaturratti himannaan irratti dhiyaateera.

Himannaan kun ijoollee miliyoonaan lakka’aman kanneen UK fi Gamtaa Awurooppaa keessa jiraatan bu’uureffachuunTikTok irratti dhiyaate.

Dhaabbanni teeknolojii kun garuu bu’uurri seeraa himannaaf geessisu hin jiru jechuun, ijoolleen umriin isaanii hin geenye akka itti hin gargaaramne gochuurratti akka hojjatu kaase.