Namichi TikTok irratti fuula dhokfatee namoota jibba barreessan saaxilu, eenyu?

Madda suuraa, The Great Londini
Hordoftoota hedduu kan qabu Gireet Loondini (Great Londini ) namoota TikTok irratti jibba barreesan lolaa jira - kun garuu hojii TikTok mitii?
“Miidiyaa hawaasummaa namoota nama cunqursan, kanneen daa’imman adamsan, nama gowwomsan fi jibba raabsan irraa deebisne fudhachaa jirra,” jedha.
Namichi wayyaa gurraachaa fi haguuggaa fuulaa uffate kun sagale isaa elektirooniksiin jijjirameen kallattiin kaameeratti haasa’a. Sagalee fi bifi isaa fiilmii sodaachisaa keessa kan ba’e fakkaata.
Garuu kayyoon isaa sodaachiisu miti, yoo nama eenyummaakee dhoksuun intarneeta irratti jibba barreessitu taate malee. Yoo akkas ta’e namni kun sodaakee isa guddaa ta’a.
Viidiyoo isaa tokko keessatti, barreeffama hamaa fuula TikTok dubaartii tokkoo jalatti barreeffame irratti dubbata.
“Namni ati hin beekne tokko wanta jette kana mucaakee haadhakee, obboleettikee ykn haadha warrakeen osoo jeedhe maal goota?, tapha fokkisaaf, badhaasa fokkisaa jenna.”

Madda suuraa, Getty Images
Kun dhaaddannoo Gireet Loondiinii, kan sochii interneetaa TikTok irratti beekkamtii argatee fi ji’oota muraasa keessatti hordoftoota miiliyoona lama qabudha.
Taphni kun jibba intarneetarraati, badhaasni isaa ammoo Gireet Londiiniin qorate eenyummaakee adda baasa jechuudha.
Yoon nama eenyummaakee dhoksitee interneeta irratti jibba dubbattu taate akkaawuntii eenyummaakee hin ibsine duuba nagaan dhokachuu danda’a jettee yaadda ta’a. Londiiniin garuu eenyummaakee salphaatti saaxiluun hojjata.
Yoo ijoollee taate, akka ati intarneeta irratti namootatti jibbaan haasa’aa jirtu maatiikee fi mana barumsaa keetti himuu yaala.
Yoo ga’eessa taate – tarii nama viidiyoo ijoollee irratti wa’ee wal qunnamtii saalaa dorsiisu barressite ta’u- kallattiin saaxila si baasa. Kana jechuun bakka hojiikee ykn poolisii nannookeetti si saaxila jechuudha.
Kun gootummaa ammayyaadha, kan fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa ofii isaanii jibba appiirra jiru qulqulleessuuf hojjatanidha.
Kun garuu TikTok waan gammachiise miti. Gireet Londiinii jalaa akkaawuntin sagal guutummaatti haqamee, akkawuntiin isaa kurnaffaan ammoo yeroo hedduu dhorkiin irra ka’ameera.

Madda suuraa, Reuters
Miidiyaan hawaassummaa kun Londiiniin seera hedduu cabseera jedha – kan akka jibbaa fi qoccollaa, darbeeyyu fiinxaalessummaa hokkora qabuun himatameera. Londiniin garuu himata kana hunda ni morma.
“Hanga warri jibba sanyummaa, qoccollaa fi namoota waliin dhahan appii kanarra jiran hundi badanitti, nuti eesayyu hin deemnu,” jedha viidiyoo isaa tokko irratti.
“Nuti mormitoota warra jibba raabsaniiti,” jedha.
Kanaaf namni maaskii kana duuba jiru eenyu?
Liyoo jedhamuun beekama. Kun maqaa isaa isa sirrii miti, yeroo hedduu dorsisi si ajjeesna jedhu waan isa qaqqabuuf eenyummaan isaa sirritti kan dhokatedha.
Takka takka garuu Liyoon tamsaasa kallattii TikTok isaa kan deeggartootaa fi falmitoota isaa falmii barbaadan wajjiin haasa’u irratti maaskii isaa ofirraa ni baasa.
Dhugaan jiru ochii tola oltota humna waraanaa, eegumsa interneeta fi hakiingii naamusaa irraa uumameef Liyoon akka fuula namaatti dhiyaatuudha.
Gazexeessituu BBC Soofiyaa Simiiz Galeer waliin US keessaa iddoo hin beekamne taa’uun gaaffii fi deebii taasiseen “nuti mormiitota haasaa jibba intarneetarraati.
Ta’us garuu haasa jibbaa akkasii ittisuun hojii TikTok mitii?
“Isa hojjachaa hin Jirani,” jedha Liyoon.
“Wanta hunda TikTok’tti ni gabaasna. Odeeffannoo hunda TikTok’f ni ergina, akkawuntii sanas ni himanna.”
Fayyadamtootaaf eegumsa kennuuf TikTok cimee akka hojjatu hima, akkasumas mala haara itti fayyadamtoonni eenyu akka viidiyoo isaani jalatti barreesuu danda’u filatanii fi jechoota viidiyoo isaanii jalatti akka hin barreeffamneef dhorkuu danda’an qopheesseera.
“Dhimma fayyadamtoota keenya eeguu irratti xumurri akka hin jirre beekna, kanaaf TikTok hawaasa keenyaaf bakka naga qabeessa akka ta’uuf gartulee, omishaa fi maloota keenya irratti hojjachuu itti fufneerra,” jedha dubbi himaan TikTok.
Hojii haasaa jibbiinsaa adda baasuu fi to’achuu irratti hojiin miidiyaa hawaassummaa kana eeggattu guddaadha.
Akka gabaasa TikTok ofii baasetti, jalqaba wagga 2021tti viidyoota miiliyoona 61 haqaniiru, isaan keessa %91 ammoo fayyadamaan tokkollee utuu hin gabaasiin kaafamani.
Gadda irraa madde
Sochiin Londiinii kanneen jibba hasa’aniif nama cunqursan mormuu kan eegale gadda irraadha. Bara darbe ilmi hiriyaa Liyoo ganna 14 kan ootistik ta’e of ajjeese.
“Hiriyyaankoo yeroo muraasa booda gadda isaa booda, nu qunnamee mucaankoo kan bay'ee dhippachaa ture sababni isaa tokko jibbaa fi qoccollaa hedduu miidiyaa hawaassummaa irratti irra ga’eedha nuun jedha.”

Madda suuraa, The Great Londini
Iyyata abba kanaan, Liyoo fi hiriyyonnii isaa hedduun namoota of dhoksanii ilma isaa qoccolaa turan adamsanii adda baasani.
“Odeeffannoo kana kennineefi, odeeffannoo kanaan wanta barbaadde gochuu dandeessa jenneen. Innimmoo maatii isaanii qunnamee amma tokko gadda ilma isaa dhabuu irraatti jajjabina argate.”
Hiriyyoonni kun kanumaan hin dhaabne. Maqaa Gireet Londini (Great Londini) jedhuun TikTok irratti xiyyeeffachuun hojii isaani itti fufuuf murteessani.
Deeggartoonni Gireet Londiinii hojii isaa waan jallataniif yaadaa fi viidiyoo maxxanfamu jalatti isa beeksisu, nama hojii hamaa hojjatu biraa inni fi hiriyyoonni isaa akka adamsan abdachuun itti ergu.
Deeggartooti kun takka takka gatii nama baasisa. Sochiin kun takka takka gocha isa mormu ofii deebi’ee hojjachuu mala.
Deeggartoonni tokko tokko keessa darbanii ofii isanii kanneen nama qoccolan ta’u – kun ammo seera Gireet Londiini kan cabsudha – akkasumas qajeelfama Hawaasa TikTok.
BBC’n fayyadamtuu TikTok tokko kan erga Gireet Londiniin vidiyoo ishee tokko qeeqee booda qoccollaa interneetaa irra ga’e haasofsiiseera.
Haasaan jibbaa hedduu akka ergameef kan dubbatu Liiz, hedduun isaanii fayyadamtoota maqaa Londinii fayyadaman of ajjeesii akka isheen jedhanii fi hogganaa hojii ishee duraanii qunnamuun hojiirra ishee ariisisuuf akka yaalan himti.
Londiiniin fayyadamtoota seeraa gartuu fi Liyoo – kan hojjataa humna waraanaa US ture- cabsan networkii isaanii keessa baasuun isaani wanta Liiz irra ga’eef hanga tokko akka deebiidha.
“Kaka’umsii isaanii naa gala, garuu fakkeenyaan dursuu yaalla. Ishee hin qoccollu- dubartii kanaaf wanta garii malee hawwii biraa hin qabu,” jedha.














