Instagram miseensota haaraa umuriidhaan daangessuufi

Madda suuraa, Reuters
Miidiyaan hawaasummaa suura waliif qooduudhaaf gargaaru Instagram ijoolleen umuriin isaanii xiqqaa ta'e akka hin fayyadamne daangessuudhaaf umurii galmeessuuf murteesse.
Fuula Instagram fayyadamuudhaaf namoonni haaraa galmaa'an guyyaa dhaloota isaanii galmeessuun irraa eegama. Kun ammoo karoora "namoonni isaanii umurii sirrii " akka fayyadaman gochuufi
Neetwoorkiin ittiin suura waliif dabarsan kun fuula Instagram banachuudhaaf umuriin fayyadamaa yoo xiqqaate waggaa 13 guutuun irraa eegama.
Kaampaniin kun miseensota haaraa galmeessuuf yeroo barbaadutti guyyaa dhalootaa gaafachuun isaa beeksisawwan umuriidhaan daangeffamanis daa'imman akka hin qaqqabne dhorkuuf ni gargaara jedhameera.
Haata'u malee jijjiirama kanaaf sababiin beeksisa miti jedheera.
"Odeeffannoo [guyyaa dhalootaa] gaafachuun namoota umuriin isaanii xiqqaa ta'e akka Instagram hin fayyadamne dhorkuuf gargaara.
Kun ammoo ijoolleen ol-adeemoo ta'an akka nagaa qabaataniifi walumaa galatti namni umuriinsaa fayyadamuuf ga'aa ta'e keessa gale akka fayyadamu taasisuudhaaf," jechuun kaampaanichi fuula isaarratti barreeffama baaseen ibseera.
"Nuti odeeffannoo guyyaa dhalootaa isin nuuf qooddan muuxannoo sirriitti fayyadamuu tolchuuf itti gargaaramna, kunis sadarkaa barnootaafi umurii beekuun waan Instagram irratti raawwatu to'achuuf, akkasumas icciitii dhuunfaa namoota ol-adeemoo ta'aniif eegamuu maluuf gorsa dabarsuufi."
Odeeffannoon kun Instagram beeksisawwan dargaggootarratti xiyyeeffachuun hojjetaman kanneen akka [qumaaraa, alkooliifi ulfa ittisuu akka ijoolleen hin ilaalle gochuuf gargaara.
Kaampaanichi torbeewwan itti aanan keessas tolfata icciitii (privacy settings) akka banataniif ni jajjabeessa.
"Namoonni umuriin isaanii meeqa akka ta'e hubachuun hojii keenya keessatti baayyee nu gargaara.
Yeroo ammaatti, namoonni Instagram fayyadaman umurii isaanii himuun irraa hin eegamu sababiin isaa Instagram icciitii mirga waan dhuunfaatti seenuu gatii hin barbaanneef ture.
Karoora kana qeequun, dhaabbanni eegumsa daa'immaniif taasisu NSPCC jedhamu akka jedhutti: "Fayyadamtoonni guyyaa dhalootaa hin mirkanaa'iin akka dhiyeessan gaafachuun qabiyyee umurii ilaalcha keessa hin galchine daa'immanirraan miidhaa akka hin geessisne dhorkuudhaaf waan gargaaru hin qabu."
Dhimma kanarratti Feesbuukiin: "Namni hundinuu akka umurii isaa sirrii hin kennine ni beekna. Umurii sirrii walitti qabachuufi mirkaneeffachuun rakkoo industiriin kun furuuf fala barbaadaa jirudha. kanaaf, fala waara'aa barbaaduudhaaf industiriifi mootummaa waliin taanee itti fufnee hojjenna."
Fuula Instagram isaaniirratti namni kamiyyu guyyaa dhalootaa isaanii sirrii akka hundaaf ifa ta'u hin barbaadan.
Instagram - kaampanii michuu Feesbuukii gatii taheef- fayyadamtoonni umuriin isaanii waggaa 13 gadi ta'uu qaba kan jedhu hojiirra oolchuu akka dhiisu komiin baayyee irratti ka'aa jira.
Ijoolleen umuriin isaanii 13 hin guutiin miliyoonaan lakkaa'aman Instagram fi Feesbuukii akka fayyadaman ni yaadama.
Instagram yeroo daa'immaniif eegumsa gochuuf jecha, seera haaraa kanaan akka guyyaa dhalootaa dhiyeessan gaafatus, akkamiin akka umuriin daa'imman himatan sirrii ta'uu mirkaneeffachuu danda'u garuu lafa hin kawwanne.














