'Facebook' fi Instagram' waan ittiin turtii daangessan kalaqan

Mobaayilii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Wanti ittiin yeroo daangessan kalaqame kun ogeyyii fayyaa sammuu waliin walta'iinsan kalaqame.

'Facebook' fi 'Instagram' yeroo fayyadamtoonni marsaalee hawaasaa kanneen irratti dabarsan waan daangessuu danda'u kalaqanii jiru.

Wanta kana kan kalaqan yeroo dheeraa marsaalee hawaasaa irratti dabarsuun fayyaa sammuu miidhuu danda'a yaaddoo jedhuun booda.

Amma booda fayyadamtoonni hagam Facebook irra akka turan baruu, hangi turuu barbaadan yoo gahu yaadachiisa argachuufi yeroo murtaa'eef maaltu ta'aa akka jiru akka hin agarre gochuu danda'u.

Haa ta'u malee kun jijjiirama guddaa hin fidu jedhu.

"Kun akkaata namoonni marsaalee hawaasaa fayyadaman irratti jijjiirama guddaa fida jechuu hin danda'u," jedhu Giraant Bilaank Inistiitiyuutii Intarneetii Oksifoord irraa.

Namoonni yeroo dheeraa marsaalee hawaasaa irratti akka dabarsan osuma beekani godhu waan ta'eef hagam wanti kun jijjiirama fida kan jedhus gaaffii birooti.

Facebook irraa kan fudhatame

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, App Facebook keessan irratti 'Setting' keessatti "Your Time on Facebook" kan jedhu jalatti argattu.

Yeroo dheeraaf marsaalee kanneen irra turuun miidha fayyaa irratti qabu Facebook bara 2017 beeksisee ture.

Akka addunyaatti yeroo dheeraa marsaalee hawaasaa irratti dabarsuun yaaddoo guddaa ta'aa jira.

Namni guyyaatti sa'aatii tokkoo ol marsaalee hawaasaa irratti dabarsu irra deebi'ee yaaduu qaba jedhu.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Odeeffannoo dhuunfaa 'Facebook' irraa qabdan akkamiin tikfachuu dandeessu?