Ugaandaan fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa gibira guyyuu kaffalchiisuuf jetti

Haraka bilbila tuttuqaa jiru

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaalee hawaasaa 'hamiif' warra fayyadaman gibiran kaffalchiisa jedhu pireezidantiin Ugaandaa

Ugaandaan gibira guyyuu fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa baatii Waxabajjii irraa kaasee kaffalchiisuu kan karoorfatte, galiimootummaa dabaluufi jechuun Ministirri Faayinaansiii biyyatti Maatiyaa Kaasaayijaa Rooyitarsitti himaniiru.

"Gochi kun yaalii bal'aa bilisummaa dubbachuu daangeessuuf godhamu keessaa isa tokko,'' jechuun rogeessi falmataa mirgaa Roosbeel Kaagumiree yaadicha qeeqeera.

Gaazexaan dhuunfaa biyyattii Deeyilii Monitar jedhamu, Pireesedant Yuuweerii Muuseeveenii ganna 30 oliif aangoo irra jiran fayyadamtooti miidiyaalee hawaasaa hamii irra oolan gibira kaffalchiisuu qaban jechuun xalayaa isaan qondaala biraaf barreessan caqasuun jalqaba baatii kanaarratti barreessee ture.

''Namoota intarneeta barumsaaf, qorannoofi caqasaaf fayyadamanirratti yaada gibira kaffalchiisuu hin qabu,' jechuun dubbataniiru

Akka gabaasa Rooyitarsitti gibirri kuni bilbila fayyadamtoota Whatsapp, Facebook fi Twitter tokkon tokkoon ilaala.

Hammi kaffalamu ifaa yoo ta'uu baateyyuu, Rooyitars ministara faayinaansii biyyatti caqasuun akka jedhetti hanga shilingii Ugaandaan 200 gahuu danda'a.

'Nuti nagaa biyyatti eegsiisuufi fayyadama ibsaa elektiriikaa dabaluuf qarshii barbaanna, yeroos isinis miidiyaa hawaasaa akka feetan fayyadamtu.' jechuun ministrichi dubbataniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X