Tarkiin lammilee Siiriyaa maaliif sababii qoosaa muuziitiif biyyaa ariiti?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiheenya kana lammieen Siiriyaa Tarkii keessaatti osoo kolfaafi qoosaa muuzii nyaataa miidiyaa hawaasaa irratti mul'atan balaa hin eegamneef saaxilamuutu dhagahame.
Waraabbii viidiyoo qoosaa toora TikTok irratti gadhiifameen, Siiriyaanoonni muraasni osoo muuzii nyaataniifi hiriyyoonni isaanis akka nyaataniif jajjabeessan mul'atu.
Viidiyoon kun miidhaa omaa kan qabu hin fakkaata ture. Haata'u malee, booda keessa bal'inaan qodamuunsaa lammiilee Siiriyaa muraasa rakkinaaf saaxile.
Dhiheenya kanas qondaaltonni Tarkii lammilee Siiriyaa muuzii nyaachuudhaan ''jibba jajjabeessan'' jechuun himatan. Kanaan walqabatees lammiee Siiriyaa hedduun to'atamuun biyyaa ari'ataman.
Haala jibba hawaasa baqattoota Siiriyaa gara Tarkii dhaqaa jiraniirratti dabalaa dhufe keessatti, muuziin mallattoo adda qoodamuuti.
Kanaaf, viidiyoowwan muuzii sana duuba seenaa attamiitu jira?
'Bitachuu hin danda'u'
Viidiyoon dorgommiin muuzii nyaachuu ture kunis, marii jibba waa'ee haala rakkina dinagdee Tarkii keessaa irratti lammilee Siiriyaafi Tarkii jidduutti baayee qodame.
Dinagdeen Tarkii qaala'insa olaanaa sadarkaalee jireenyaa garmalee miidhaniin hubameera.
Viidiyicha keessattis, yaadawwan wal morman kan qoodaman yoo ta'u, shamarran Siiriyaa afaan Tarkish sirrii ta'een, hojii baqattootaaf wayita morman dhagahamu.
Kanaaf, deebii kennuuf ammoo lammileen Tarkii aaran lammileen Siiriyaafi Afgaanistaan carraa hojii isaan jalaa akka fudhatan himan.
Yaadawwan akkasi kunis Tarkii keessatti waan haaraa miti. Tarkiin lammilee Siiriyaa dabalatee baqattoota sadarkaa addunyaatti olaanaa jedhamu miiliyoona 3.6 keessummeesiti.
Qondaaltota siyaasaa Tarkiitiin hedduun akka dhorkaa cimaan kaa'amu duula gaggeessuu dabalatee, biyyattii keessatti ilaalchi jibba baqattootaa dabalaa jira.
Haata'u malee, kan viidiyoon kun baayyee akka qoodamu taasisees waan namtichi Tarkii tokko jedhedha: ''Siiriyaanonni wayita baazaarii irratti muuzii kilowwaniin bitataniin arge, ani garuu bitachuuf hin danda'u.''

Madda suuraa, Getty Images
Komiin hawaasa Siiriyaa Tarkii keessatti argaman jidduutti shakkii uumee kunis, battalumaan gara toora viidiyoo TikTok hojjachuutti geedarame.
Lammileen Siiriyaas osoo muuzii nyaatanuufi warra kaaniif qooduu eegalan dubbiidhaan dhiiroota warra Tarkii xuquuf.
Qosaan muuzii kunis gammachuu karaa onlaayinii irraatiif hojjatamulleen, garuu hunda gammachisuu hin dandeenye.
Keessattuu, suuraan alaabaa Tarkii kan muuziin bakka buusee tokko kan dubbii kaase ta'e.
Paartiin injifannoo biyyaaleessa dhiheenya hundeeffame tokko fayyadamtoota TikTok kan ta'an lammilee Siiriyaa irratti himannaa bane. Himannaa isaatinis ''ummataafi alaabaa Tarkii arrabisan,'' jedhe.
Qeeqaan gara biraa ammoo miidiyaa hawaasaa irratti, ''viidiyoowwan kunneen haala rakkoo dinagdee cimaa Tarkiin mudatetti,'' kan qooduudha jedha.
Wayita rakkoo dinagdee kanatti viidiyoowwan muuzii dhugaatti qondaaltoota Tarkiis akka aaran taasiseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1

Kamisa darbe, miidiyaaleen biyya keessa poolisiin Siiriyaanoota 11 kanneen viidiyoowwan muuzii sana maxxansan to'achuu himan. Jarreen kunneenis ''jibba kakkaastanii jirtu,'' jedhamuun himataman.
Abbaan Taayitaa Baqattoota Tarkii, ''erga waraqaan barbaachisu hojjatameef booda gara biyyatti akka deebisu,'' hime.
''Maxxansawwan dubbi barbaachaa hundumtu'' erga adda baafamanii booda ''namoota duula kana keessatti hirmaatan hunda irratti tarkanfiin ni fudhatamas,'' jedhan Daarektarri Olaanaan Baqattootaa Tarkii.
Achinis guyyaa Dilbataa qondaaltoonni Tarkii gaazexessaa Siiriyaa Maajed Shamaa kan waa'ee dorgommii muuzii Istaambul keessaa irratti gabaasa TV hojjate to'atan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

'Nuti Tarkiitti hin qoosne'
Namoonni siyaasaa Tarkii muraasni hidhaa kan deeggaran. Barreeffama tiwitaraa tokkoon, namni Ilaay Aksooy jedhaman Paartii Gaarii biyyaaleessaa irraa, ''kanneen muuzii nyaataa turanis nutti qoosuun alaabaa keenya arrabsan,'' jedhan.
Haata'u malee, Paartiin warra lakkoofsaan gadaanaaf falmu 'Peoples' Democratic Party' hidhaan raawwatame ''loogii sanyiiti,'' jedhan.
Haata'u malee, miseensi diyaasporaa Siiriiyaa Tarkii tokko ammoo, lakkii ''nuti Tarkiitti qosaa hin jirru. Nuti loogii sanyiitti qoosne malee. Kufaatiin dinaagdee hunduma keenya miidhaa jira'' jechuun waakkattan.
Gaazexeessaan Siiriyaa kan Istaambul keessa jiraattu Deemaa Shullaar, viidiiyoowwan hundinu qoosaa malee miidhaa kamuu hin qaban jechuun BBCtti himte.
Ta'us garuu muraasni isaanii tarii ''kan nama aarsaniifi miidhaa kan qaban'' fakkaachuu malu jette.
Tarkii keessatti seera arrabsoo biyya, alaabaafi pirezideentii dhorku cimaatu jira.
Namoonni viidiyoowwan kanneen hojjatanis seera kana jalatti himatamu jetti Ms Shullar.
Tarii Siiriyaanoonni baayyeen gara biyya isaanii, kan waggoota kudhaniif wal waraana irratti argamtuutti deebiifamuu malu sodaan jedhu jiraachuu himti.
''Balleessaan karaa baayyee badaa ta'een hiimu danda'a. Tarii maxxansawwan Facebook gubbaa haala ta'een hiikamuun lammilee Siiriiyaa gara biyyaatti deebifamuu danda'u,'' jetti.
Gochaa gara biyyaatti deebisu kanaanis ''gochaa dorsiisoo'' mootummaa Tarkii jechuun waamti.
Viidiyoowwan muuzii kunneenis xiyyeeffannaa rakkina baqattootaafi rakkoolee dinagdee Tarkii irraa kaasuun amma hundumtuu akka ''xiyyeeffannaan isaanii viidiyoowwan TikTok sanarra kaa'u taasiseera,'' jetti.
















