Nike 'Kophee Seexanaa' dhiiga namaa qabu irratti himata bane

Satan Shoes

Madda suuraa, MSCHF

Dhimma ‘Kophee Seexanaa’ kan dhiiga namaa of keessaa qabuun walqabatee Nike dhabbata MSCHF irratti himata bane.

Kopheen doolaara 1,018 (birri 42,218) gurgurame kun, mallattoo fannoo gadi galagalee, mallattoo urjii (pentagiramii) fi luqqisii macaafa qulqulluu “Luqaas 10:18” ofirraa kan qabu yoo ta’u, kophee Nike Air Max 97 jedhamu gegeeddaruun omishame.

Dhabbati MSCHF Wiixata kopheewwan 666 ta’an raapparii Lil Nas X waliin irratti hojjachuun kan gadhiise yoo ta’u, daqiiqaa tokko gaditti kopheen hundi gurguramee akka dhumes hima.

Nike kopheen kun mallattoo daldalaa keenya seeraan ala itti fayyadame jechuun himata.

Kopheen haalluu guraachaa fi diimaa qabu kun Wiixata MSCHF kan gadhiifame, sirbi artistii Lil Nas X haaraa Montero (Call Me By Your Name) jedhu Jimaata YouTube irratti erga gadhiifamee booda.

Viidiyoon sirba kanaa yeroo weellisaan kun yeroo jannata irraa gara si’oolitti kophee kana uffatee shubbisaa gadi bu’u mul’isa.

Qabiyyeen viidiyoo fi kophee kanaa luqqisii Macaafa qulqulluu Luqaas 10:18 – “Seexanni akka bakakkaatti yommuu samii irraa kufu ani argeera,” jedhu kan eerudha.

Kopheen tokko tokkoon isaa bakka faanni luka ejjetu irratti dhangala’aa halluu diimaa fi dhiiga bicuu miseensota dhaabbata artii kanaan gummachame of keessaa qaba.

Wiixata kopheen Seexanaa Lil Nas X fi MSCHF daqiiqaa tokko gaditti gurguramee xumurame

Madda suuraa, MSCHF

Ibsa waa'ee suuraa, Wiixata kopheen Seexanaa Lil Nas X fi MSCHF daqiiqaa tokko gaditti gurguramee xumurame

Dhaabbatii kophee ispoortii oomishu Nike himata Mana Murtii US Bulchiinsa Niiw Yoork jirutti dhiyeesse irratti Kophee Seexanaa kana kana akka hin eeyyamne ykn simmanne ibseera.

MSCHF’n kophee kana gurguruu fi dizaayinii mallattoo kophee isaa fayyadamuu akka dhaabu akka godhuuf Nike mana murtii gaafachaa jira.

“MSCHF fi Kopheen Seexanaa eeyyama malee ba’e kun oomisha MSCHF fi Nike gidduu hidhate waan jiru fakkeessuun doggogora uumuu danda’a,” jechuun himata kana irratti Nike ibseera.

“Dogoggorri akkanaa ammumaan umamaa jiraachuu isaaf ragaan jira, mormii Kophee Seexanaa kana irratti ka’een ilaalcha dogoggoraa Nike omisha kana eeyyameera jedhuun Nike qeeqamaa jira.”

Bulchituu Dakootaa Kibbaa Kiristii Noyem dabalatee namootni siyaasa tokko tokkoofi hordoftoonni amantaa tokko tokko kophee kana balaaleffachuun Tiwiitara gubbaatti Lil Nas X fi MSCHF qeeqaniiru.

Wiixata irratti Lil Nas X qeeqa irra ga’eefi himata Nike’f deebii kan kenne Tiwiitara gubbaatti fakkiiwwan baacoo adda addaa maxxansuuni.