Gageessaan amantaa duuka buutota isaa 700 jumlaan gubee ajjeese

Madda suuraa, .
Juudiit Arihoo ajjeechaa jumlaa waldaa kiristaanaa haadha ishee, obbolaan ishee lamaaniifi firoota ishee biroo afur dabalatee yoo xiqqaate namoonni 700 keessatti dhuman yeroo yaadattu imimmaan ija isheetti hin dhufu.
Waggaa 20 har'aa dura ture, kutaa kibba-lixaa Yugaandaa Kaanunguu jedhamu keessatti karraafi foddaan karaa diidaa itti cufamee ibiddi itti qabsiifame.
Waggaa 20 boodallee, dagachuudhaaf hedduu yaaltullee taateen rifaasisaa Arihootiif baayyee rakisaadha.

Namoonni du'an kunneen miseensota waldaa Warraaqsa Abboommiiwwan Kurnan Waaqayyoo Deebisanii Cimsuu (Movement for the Restoration of the Ten Commandments of God) turan. Manni amantaa kun barri dhuma biyya lafaa jalqaba miliiyineemii kana irratti ta'a jedhanii warra amanan ture.
Akka kitaabni warreen kanaa jedutti, "Yeroon dhuma biyya lafaa amma" kan jedhu taatee sanaa booda ji'a lamaafi walakkaan booda Bitootessa 17, 2000 bahe.
Waggaa digdamaa booda namnni ajjeechaa jumlaa kana waliin walqabatee seeratti dhiyaate hin jiru. Gaggeessitoonni amantaa sanaas yoo lubbuun kan jiraatan ta'e namni arges hin jiru.

Annaa Kabe'irehoo waan waggoota digdama dura ta'e kan taajjabdu lubbuun jirtudha. Tabbi manni isheen keessa jiraattu ture lafa gaggeessaa amantaa sanaan qabame gadi ilaala. Isheenis, foolii gogeessa sana gaafa Jimaata ganama fudhate hin dagadhu jetti.
"Wanti martinuu haaraafi qaqaa gubataan aguugame. Fooliin foon namoota qubataniis safara guute. Fooliin sun kallattiimaan kan somba nama seenu namatti fakkaata," jechuun kan yaadattu dubbatti.
"Namni hundinuu gara gogeessa sanaatti fiige. Ta'us ibiddichi ittuma fufee gubaa ture. Hanga amanuun rakkisuun olitti reeffi namoota gubatee ni mul'ata ture.
"Foolii badaa ture ofirra dabarsuudhaaf jecha baala cirree funyaan keenyatti qabanne. Isaan booda ji'oota hedduudhaaf foon nyaachuu hin dandeenye."
Kanuunguu naannoo bajjiifi naga qabeessa ta'edha. Tabbawwan magariisa uffataniifi holqawwan gadi fagoo ta'an qaba. Qonnaawwan xixiqqoofi mandaraa darbee darbee ijaarramanis keessatti mul'atu.

Madda suuraa, BBC/Patience Atuhaire
Gogeessa magariisa waldaan amantaa sun yeroo sana keessa ture sana bira ga'uudhaaf irraan gadii miillaan bu'uu barbaachisa.
Gogeessa sana keessatti akkamitti hawaasni miseensa amantaa sanaa adda of baasanii osoo ijo hollaa isaaniitti hin mul'atiin jiraataa akka turan salphaatti argama.
Sagaleen simbirrootaa qe'ee magariisa sanarraa dhaga'amullee gaara gubbaatti dhaga'ama. Uursaan bishaaniis dhiyeenya irraa dhaga'ama ture. Bakkichi yeroo dheeraatiif of kennanii jiraachuudhaaf baayyee mijataadha.
Haata'u malee, mana beenzilli itti rafarrafamee ibiddi itti qabsiifame sun wanti tokkollee hin hafne. Qarqara mana daaraa ta'ee sanatti biyyoon tuulamee hafe namoota jumlaan gubatan kanaaf awwaala ta'ee hafe.
Luba adda ba'eefi moloksee
amantoonni mana amantaa sanaa gaggeessitoota dubbii afaanii tolaniin sosobaman. Gaggeesitoota kan keessaa tokko n Kiredooniyaa Miweriindee kan jedhamtuufi duraan mana dhugaatii keessa keessummeessituu kan turteefi hojii sagagalaatti kan bobbaatedha.
Kan biraan ammoo Jooseef Kibweteree nama jedham kan duraan hojjetaa turedha. Gaggeessitoonni kunneen bara 1980n keessa mullata Maariyaam qabna jedhu ture.
Sochii isaanii akka garee warra kaayyoon isaanii Abboommiiwwan Kudhan hordofaniifi sagalee Yesuus Kiristoos lallabaniitti galmeessan.
Mallattooleen Kiristaanaa mooraa Sochii kanaa keessatti hedduminaan mul'ata. Manni amantaa kun Kaatolikii Warra Roomaa waliin walitti dhufeenya xiqqoo qaba.
Ursulaa Komuhangii fi Dominikaan Kataribaaboo dabalatee gaggeessitoonni kunneen keessa luboota adda of baasaniifi molokseewwantu keessa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Amantoonni gara caalaa osoo hin dubbatiin callisuun jiraatu. Waliigaluudhaaf darbee darbee mallattoo gargaaramu.
Gaaffiiwwan Miweerindeetiif barreeffamaan geeffamu. Ishiin, "pirograamera" jedhamti. Dubartiin kun akkamitti akka waldaan amantaa kun gaggeeffamu irratti murteessituudha waan taateef deebiiwan barreesse kan deebisu isheedha.
Aadde Juudii Arihoo yeroo ammaa umuriin ishee ganna 41 taate maatii ishee waliin ture wayita umuriin ishee waggaa 10 ture kan Sochii amanataa kanatti kan makamte.
Haati ishee abbaan warraa irraa du'e ijoollee sadii qofaa guddisuutti rakkachaa turte. Ijoollee kunneen sadii keessaa tokko dhukkubbii mataa walirraa hin cinneen rakkachaa turte. Gareen Kibweteeree kadhannaa taasisaniif ofitti qabatan, jetti.
Hawaasni mana amantaa kun matii guutuu ofitti fudhachuun wantota maatiif barbaachisan dhiyessuun jiraatu. Miseensonni mana amantichaa midhaan ofumaan omishatu, manneen barnootaas ofumaan gaggeeffatu. Hojii jiruuf ammoo ogummaawwan barbaadamanis ofumaan dhiyeeffatu.
Maatiin Aadde Juudii Arihoo yeroo sanatti qe'ee maatii ishee magaalaa Rukuungirii irraa kiiloomeetira 2 fagaattu keessatti damee waldaa amantaa miseensota 100 qabatu keessumeessu.
"Jireenya waanuma kadhannaa irratti darbe, kan qonnaa qotannu ta'ullee," jetti.
"Cibbuu irraa fagaachuudhaaf wanta dandeenyu mara ni goona. Yeroo tokko tokko yoo cubbuu hojjette si'a 1,000 Waaqayyo duratti dhiyaattee qalbii jijjiirratta.
"Kan gochuun dirqama keeti. Adabbii kana ammoo amma raawwattee xumurattutti hiriyootaafi maatii gaafattee si gargaaruu qabu."
Sochii mana amantaa kanaaf amanamummaa agarsiisuun yeroo baayyee imala dhimma amanataatiif gaaraafi kattaa dhiyootti argamutti bahuu gaafata. Erga tabba hamaa bosona ashaakiltiitiin uwwisame korteen marga qabatteen booda Maariyaam dubreetti mul'atteetta jedhamee amanama.

Madda suuraa, BBC/Patience Atuhaire

yeroo ishee waliin mandaraa ishee keessa deemaa turretti manoota qe'ee isaanii keessa turan nutti agarsiisaa deemti ture. "Gama sana irraa maatiin tokko haadha isaaniifi ijoollee 11 dhaban. Maatiima sana keessa kan taate kan biraan ammoo ijoollee ishee saddet dabalattee lubbuun darbe," jechuun ibsiti miira gaddaan lafa ilaalaa.
Aaadde Juudii Arihoo erga bara 2000tii gara Kanuunguu hin deemne. Yeroo sana irraa kaatees maatii nama miseensa Sochii amantaa sanaa hin taanetti waan heerumteef.
Gaggeessitoonni sun wanta amantootaa hunda odeeffannoo jiru osoo hin hafiin ni beeku, keesumaa ammo Miweriindeefi Komuhangiin wadoota dame mana amantaa sana jala jiran mara keessatti cubbuu tokkoo tokkoon namaa raawwate hunda akka beekanitti ilaalamaa akka turan yaadatti.
Yoo hordoftoonni seera cabsan dubartoonni lamaan imimmaan dhiigaa boo'u, jechuun ibsiti.

Haata'u malee, gaggeessitoonni amantaa kun osoo ajjeechaa jumlaa sana hin raawwatiin durallee nama ajjeesuufi dararuu keessatti waan hirmaatan fakkaata.
Kaanuunguu keessatti, boollawwan babal'aafi gadi fagoo ta'an hedduu reeffi namoota hedduu waggoota baayyeef keessatti awwaalame ni jiru. Reeffi namootaa guyyoota amantoonni 700 bakka tokkotti gubatanii booda qotamee baheera.
Dugda duuba waajira mana amantichaa gubatee boolli lama bakka namoonni keesatti dararamaa turan jedhamu tureera. Boollawwan biro naannoo waldoota dame mana amantichaatti dhiyoos argamaniiru.
Miseensota hawaasaa nagaa turan maaltu akka gaggeessitoota amanataa lubbuu namaa ajjeesan taasisu wanti hanga ammaatti ifa ta'e hin jiru.
Osoo gara gaggessummaa amantaa hamaa kanatti hin dhufiin dura, Kibweetereen nama milkaa'aafi miseensa dhaabbataa amantaa Kaatolikii warra Roomaa ture.
Aanga'aan naannoo sanaa Tofeer Shemereezaa akka abbaa biyyaatti isa ilaala ture.
"Miseensa hawaasaa qajeelaafi nama biizinasiin qaruu ture. Yeroon yunivarsiitiirraa eebbifamu ani hojii hin qabun ture. Kana waan ta'eef, Hojii akkan boqqollaa gabaa naannoo keenya jirutti geessee gurguradhu carraa naaf uumee ture, " jechuun ibsa..
Waggoota muraasaan booda, galgala tokko Kibweteereen hojii isaa alkoolii gurguruu dhaabee gaggeessitoota amanaa sanaa biroo walin ta'uudhaan gara Kanuunguu, bakka wiirtuu Sochii mana amantichaa itti hundeessanitti qajeelan.
"Guyyaan sun isa dhumaa kanan isa argedha. Ani akkan isa beekutti inni nama nama ajjeesu miti. Wanti ta'e isa jijjiiruun hin oolle," jedhe.

Madda suuraa, BBC/Patience Atuhaire
Erga Sochii amantaa sanaa hundeessanii booda, sagaleen Kibwereeteefi amantaan isaa kibba-lixa Yugaandaatti babal'a
Hojiin jara sanaa guutummaan guutuutti kan ummata jalaa dhokate hin turre. Aanga'oonni poolisii dabalatee hojii isaa kana ni beeku ture. Garuu hanga gaafa gubannaa sanaatti tarkaanfii xiqqaatu amantaa barame sana irratti fudhatame..
Ebla 2000 keessa gaggeessitoonni amantichaa ja'a akka qabamaniif Interpol ajaja itti baasullee, jarreen kun ibidda sana keessatti gubataniifi dhokatanii jiraataa jiruu wanti beekame hin jiru.
Akka gabaasa poolisii Yugaandaa bara 2014tti Kibweteereen biyyaa baqatee jiraachuun hin oolu. Garuu namoonni biroon ammo kana ni godha jedhanii hin yaadani.
Sochiiwwan hafuuraa wanta akka ilaalcha amantaa akka Kanuunguutti ta'e kana danda'anii fudhataniifi hordoftoonni gaaffii tokko malee paasteriin isaanii du'aa ni kaachisa ykn bishaan qulqulluun/xaballi ni fayyisa jechuun fudhatan guutummaa ardii Afrikaa irratti babal'achuun itti fufeera.
Yunvarsiitii Makareeree Muummee Qorannoo Amantaafi Nagaa Dr. Padii Musannaa akka jedhanitti namoonni fayyuma duukaa bu'an kn dhugaa qabu.
"Yeroo dhiphinni ykn fedhiin dhaabbileen amantaa baratamoo duraanuu jiraniin ykn mootummaatiin kan guutamuufii hin dandeenye ta'ee namnil/dhaabi tokko ammo furmaatan qaba jedhee ka'e kumaatamaan duukaa bu'u," jechuun BBC'tti hima.
"Taateen amantaa akka Kanuunguu kun waan hamaa yeroo sanaa agarsiisa…akkasumallee amantaa irra deebiyuun haaromfachuufi ittiin jiraachuu malu kan barsiisu qaba."
Dr. Musanaan itti dabaluudhaan, taateewwan kana fakkaatan mul'achaa jiran arguudhaaf fagoo dhaquun hin barbaachis; ergaa namoonni bara kana raajiidha ofiin jedhanii ka'an ga'aadha.
"'Industiriin Yesuus' yeroo ammaa sochii invastimantii ta'aa dhufeera. Lallabdoonni bara kanaa waa'ee fayyaafi nageenyaa odeessu sababiin isaa ammoo dhukkuboonni hedduun jiru. Kana biratti ammo sirni fayyaa hawaasaa sirriitti tajaajilu muraasa, " jedha qorataan kun.
Sosochiiwwan hafuuraa kana to'achuudhaaf mootummaan waan dabalataan hojjechuu qabu jira jechuun dubbata.
Waggaa digdamaa booda, lafti mana amantaa Kanunguun irra ture sun akka misooma qonnaa shayeetti tajaajilaa jira. Garuu abbaan qabeenyaa qonnaa shayee Benoon Bayarhaangaan lafa kana garii isaa akka lafa yaadannootti deebisuu fedhu karoora qaba.
Hanga ammaatti, namoonni Kanunguutti dhuman kun seera qabeessaan yaadannoon hin taasifamneef. Namoonni miseensa maatii isaanii dhabanis deebii hin argtne.
"Ofuma keenyaa ummata keenyaaf kadhanna. Dhukkubii keenya callisaan baaddhannee teenya," jechuun du'aatii haadhaafi obbolaan ishee yaadataa ibsiti Aadde Arihoon.














