Amantii Pirootestaantii: 'Kaaraatee kanan baradhe seexana baasuuf jecha miti'

Iyyuu Cufaa tajaajilaa hordoftoota amantii warraa Wangeelaa ykn Pirotestaantii biratti raajii fi duuka bu'ummaan Itoophiyaa keessatti ka'an jedhame keessaa tokko.
Karaa waldaasaa 'Kiraayist Aarmii Intarnashinaal' jedhamu hundeessuun hordooftoota kumaatama horateera.
Haala tajaajila isaa ilaalchisuun waggoota lamaan dura turtii BBC tajaajilaa kana waliin taasifne kana ture.
Akkasumas karaa tajaajila fayyinaa kallattii TV 'Kiraayist Aarmii' jedhu darbutiinis 'Kaaraateen seexana baasuu' dabalatee wantoota hedduu raawwatuun namoota biratti mata duree haasaa ta'eera.
Lakkoofsi namoota tajaajiltoota akka Iyyuu Cufaa Itoophiyaa keessatti yeroo dhiyoo as dabalaa jira. Haguma lakkoofsi isaanii dabalu ammoo qeeqni adda addaas irratti ka'a.
Sobanii fayyiteetta namaan jechuu, ni sooromta, waan gaariitu siif ta'a jedhanii nama gowwoomsuu fi dibatawwan adda addaa nama fayyisu jechuun gurgurachuun qeeqa irratti ka'u keessaa muraasa.
Kanaa fi dhimmoota biraa ilaalchisee BBC'n turtii Raajii Iyyuu Cufaa waliin taasiseera.

BBC: Naannoo Uummattoota Kibbaatti tajaajiltoonni dibata raajii fi dhukkubsattoota fayyiisuun tajaajilan hedduudha. Ati kana keessatti attamiin of ilaalta?
Iyyuu Cufaa: Dhugaadha, ka'umsa raajootaafi tajaajiltoota hedduu kibba, anis achuma.
Tarii Waaqni waadaa qabaachuu danda'a. Kibbis ta'e Kaabni immoo kan Waaqaati.
Haa ta'u malee naannoo Waalaayittaa bakkan ani itti dhaladheetti abbootiin amantaa wangeelaaf jecha aarsaa olaanaa kaffalaa turan. Kana waliinis walqabachuu mala jedheen amana.
BBC: Raajonni sobaa baay'inaan akka ka'an wangeelarratti barreeffameera. Kanaafuu raajonnii fi tajaajiltoonni wangeelaa kunneen hundii kan dhugaatii?
Iyyuu Cufaa: Yeroo kana raajonni dhugaas kan sobaas ni jiraatu. Kan adda itti bahan garuu, gocha isaanitiin. Ani nama waaqaa hojii waaqaa hojjatuudha jedheen amana.
BBC: Maallaqa kafalchisuun namoonni dhugaa akka bahan taasifta, nama amantaa caalaa gara daldalaatti caalta jedhamta?
Iyyuu Cufaa: Dhugaadha namoonni maallaqa nuuf kanfaleera jedhan midiyaa hawaasaarratti gadhiifame ture.
Dhimmicha ifa taasisuun waan narra tureef anis deebii kenneen ture. Ani kanan dibamee akka namoota hidhaa seexanaa keessa bilisa baasuufiidha.
Kanaafuu kanfalchisee seexana iyyisiisuun maaliif? Kanfaltiin iyyisiisuun osoo guyyaatti miliyoona 10 ta'eeyyuu bu'aa qabeessa miti.
Namni ammoo kan isaaf bu;aa hinqabne hin hojjatu. Kanaafuu, dhugaa akka hin taane eenyu hubachuu danda'a.

BBC: Siin eenyutu Rajii jedhee si muude?
Iyyuu Cufaa:Biyya lafaa kanatti nama kan muudu nama ta'ulleen muudaan dhugaa garuu Waaqayyoo qofaadha.
Namoonni waldaa keessa nu dura turanis dibata nurratti mul'ate arguun abbaa wangeelaa, faarfataa ykn raajii jechuun mudaniiru.
Anis baay'ee kabajuu fi jaaladhuun Luba Bal'inaa Sarkaatiin raajii jedhamee mudameera.
Isaan dura bakka Boddittii jedhamuutti waldaan tajaajilaa tureen raajii (Nabiyyi) jedhame mudameen ture. Kana malee mataa kootiin ofi hin muudne.
BBC: Angaa'oonni ykn namoonni bebbekamoon waldaa keetti waaqeffatan jiru?
Iyyuu Cufaa:Maqaa isaanii himuun barbaachisaa ta'uu baatuus, eeyyeen kan hanga sadarkaa ministirummaa jiru.
Namni waan baay'atuuf taayitaan isaanii namoota waliin wal makanii akka galan kan dhorke jiru.
Kanaaf yeroo 'VIP' argadhe yeroon itti tajaajile jira. Akkasumas, ulfinni waaqayyoo aangoo kiyya caala jedhanii kan namoota kaan waliin waaqeffatanis jiru.
Biyya keenyaan alattis namoota aangoo olaanaarratti argaman kan akka pirezidaantii Sudaan Saalvaakiir masaraa seenuun kadhadheefi jira.
Akkasumas namoota gurguddoo gara waldaatti affeeree beeka.
BBC: Seexana baasuufi Kaaraatee maaltu walitti fide? Kaaraatee baay'ifta.
Iyyuu Cufaa: Ani Kaaraatee kanan baradhe seexana baasuuf jecha miti. Nama Kaaraatee jabaas miti. Nu birratti gama aadaa fi haaloota irratti hunda'uun wanti barame jira.
Waan barame sanaan waan adda ta'e qabattee yoo argamte namoonni ni ajaa'ibsiifatu.
Kan bitaa itti gales, kan itti gammades jira. Yeroo hunda Kaaraateen ykn iyyii bahis hin jedhu seexanaan.
Akkuma afuurri natti mul'iseen raawwadha. Fakkeenyaaf seexana maqaa Iyyasuusiin iyyii bahi jedhee ykn dhiituuf itti akeeke ykn mataadhaan dha'u dhiibbaa maal qabaata? Harkaanis miilaanis rukutee beeka.
Kana kanan raawwadhu ammoo, seexaan kan salphate ta'usaan fedhiin qaburraa ka'uun.
Kana malees kunis akka Waaqani qaama kiyya gutuutti fayyadamu kan agarsiisuudha.
Ana boodas tooftaa gara biraatii kanneen seexana abbooman ku'u danda'u. Kun tooftaa mataa kiyyaati.
Namoonni gocha kana mormaniis kuun innaafaan kaan isaanii ammo kitaaba qulqulluutiin ala jechuun ta'u mala.
Ani garuu kanneen kaalchoon adda haala biraatii kan seexana baasan yoo jiraatan jibba hin qabu.
BBC: Yeroo tokko tokkos eegdoota loltootaatiin dabaalamtee yoo deemtu mul'atta. Kun maaliif?
Iyyuu Cufaa: Bakka konfiraansii namoonni miliyoona tokko ykn lamaa walitti qabamniitti motummaan nageenya ummataaf jecha eegdootaa ramada.
Kanneen eegaman keessaa tokko ana, Waaqaa gadiitti na eegu. Namoonni baay'een akkan ani kaffaleefii fideetti fudhatu.
BBC: Namoota uffannaa poolisii uffatan walitti qabdee yoo 'ani loltuu Iyyasuus' faarfachiiftu viidiyoon agarsiisu tokko jira.
Iyyuu Cufaa: Inni erga konfiraansiin guyyaa sadii kutaa biyyaatti taasifne xumurameen booda tajaajila isaan itti gaafatamummaa isaanii bahuuf taasisaniif galateeffachuuf 'kottaa isiiniifan kadhadha' jechuun kanan gara waltajjiitti waameedha.
Sababiinsaas, mootummaafi biyyaaf kadhachuun waan narra jiruufiidha. Isaanis qaama mootummaa keessaa tokkodha.
BBC: Erga waa'ee mootummaa kaaftanii wayita ammaa kanattis hordoftoonni amantaa Piroteestantii aangoo motummaa olaanaa qabataniiru.
Kun siif hiikaa addaa qabaataa? Kanaanis Waaqayyoo biyyattii eebbiseera jettee yaaddaa?
Iyyuu Cufaa: Tibba kanatti ija diinaatiin biyyii diigamaa kan jirtu fakkaachu mala. Anaf garuu erga ministirri Mummee Dr Abiya gara aangootti dhufeen booda biyyi ijaaramaa jirti. Jijjirama olaanaatu dhufe.
Jijjiramni tokko oggganaan Waaqa beekuu fi sodaatu Itoophiyaa bulchuuf dhufusaati.
Osoo Abiyi gara aangootti hindhufiin dura ergaa mul'ataa Waaqayyoo natti mul'ise himeen ture. YouTube irratti argama.
MM kun gara aangootti akka dhufan waan waaqni natti dubbate himeera. Jeequmsiifi walitti bu'insi siyaasaa kunis bara kamittuu tureera.
Itoophiyaan garuu yoomiyyuu caalaa gara ulfina himameefiitti imalaa jirti.
BBC: Erga waa'ee badhaadhina Itoophiyaa kaaftee, ijaarsi hidha guddichaa abdii olaanaan irra kaa'amee kan xumuramu sitti fakkaataa?
Iyyuu Cufaa: Dhimmi amantaan dubbatu ni jiraata. Ani jecha amantii kennuun danda'a.
Ani akka dhunfaa kootti sadarkaa waldaatti pirojektoonni gurguddaan eegale jiru. Namoonni yoo ilaalan kan xumuraman kan hinfakkaane ta'us, ani garuu akka xumuramu nan amana.
Ni xumurama kanan jedhu ammoo, maallaqa waanan qabuuf osoo hintaane nama amantaa waanan ta'eefi amantaan abdii waan hundaa waan ta'eefiidha.
Akkasuma lagni Abbayyaas hidhamee ni xumurama jedheen amana.
Gama hordoftoonni amantaa Warra wangeelaa aangoo motummaa keessatti baay'achu ilaaluun ammoo, waan hordoftoota amantichaa ta'aniif qofa osoo hintaane, kanneen Waaqayyo beekaniifi sodaatan jechuun yoo dubbadhe caalaa natti tola.
Angaa'oonni kan dura turan waaqayyo wallaaluu isaanitiin aangoo isaanitiin namoota miidhuuf itti fayyadamaa turan.
Amma garuu aanga'oonni hordoftoota Pirotestaantii waaqayyo waan sodaataniifu hojii gaarii hojjatu jedheen amana. Ammas hojjataa jiru.
BBC: Ministira Muummee Itoophiyaa gara waldaa keetiitti affeertee beektaa?
Iyyuu Cufaa: Eeyyeen afeeree beeka garuu, hojiif gara biyya Xaaliyaanii deemu ture waan ta'eef hin dhufiin hafaniiru. Kana booda sagantaan tokko waan jiruuf achirratti nan affeera, akka dhufanis nan abdadha.
BBC: Osoo beekkamtii ammaa kana hin argatiin dura, jireenya akkamii keessa dabarte?
Iyyuu Cufaa: Osoon sadarkaa kanarra hin ga'iin dura karaadhuma ilmi namaa irra darberran darbee. Kanneen waa'ee kiyyaa hinbeeknees akkan waan waggoota sadii fi afur jidduutti gara kanatti dhufeetti ilaalu.
Garuu ani daandii baay'ee rakkisaa fi aarsaa olaanaa gaafatu keessa darbeen asi gahe.
BBC: Hordoftoota waldaa keetti waaqeeffatan heddu qabda. Osoo haalli dinagdee biyyattii fooyya'e namni hanga kanaa si leellisa sitti fakkaataa?
Iyyuu Cufaa: Biyya akka Ameerikaatti guddate keessattis osoo ta'ee akkan hordoftoota qabaadhu nan amana. Kunis namoonni kan waldaa kiyyatti waaqeeffataniif sababii falaasaama ykn yaalii kiyyaa hintaaneef.
Namoonni kan asitti waaqeeffataniif ayyaana waaqayyoof jecha. Kana malees, namoonni waan hiyyooman ykn hin baranneef miti kan waaqeeffatan.
Kun soba ta'uusaatiif ammoo abbootiin qabeenyaa olaanoon ana biratti waaqeeffatu.
BBC: Araboonni hedduun fayyuuf gara kee akka dhufan vidiiyoon ni agarsiisa. Dhuguma tajaajila keetiif jecha biyyoota Arabaatii kan dhufanii?
Iyyuu Cufaa: Amman beekuutti namni biyya alaa osoo karaa deemu asi gore hinjiru. Kan dhufan sagantaa qabsiifatanii tikkeettii muratanitu.
Biyyoota akka Iraan, Iraaqi, UAE fi Omaan irraa kanneen sagantaa keenya turjumaanaan dhaga'an ni dhufu.
BBC: Qabeenya attamii qabda?
Iyyuu Cufaa: Qabeenyaan kiyya inni hin lakkaa'amne fi hin qoratamne samiirraayi. Garuu abbaa qabeenyummaa biyya lafaatiin attamiin akkan ofi ibsu hinbeeku.
Akka waldaa hojii tajaajilaa hojjattuutti, keennaa,kurnoo fi mabaa(Duufa) ni kennama. Nutis isa walitti qabuun ittiin tajaajila kenniina.
Bakka waaqeeffannaa yeroo tokkichatti namoota kuma 14 qabachu danda'u baasii qarshii mil 97'tiin ijaaraa jirra. Waggaa tokko keessatti xumurame jennee eegaa jirra.
BBC: Kanaan alatti dhunfaatti qabeenyaa qabdu maal fakkaata?
Iyyuu Cufaa:Dhunfaatti qabeenyaan qabu konkolaataa tokkoodha.
BBC: Wangeela barsiisuu caalaa raajii fi fayyisuu irratti xiyyeeffata jedhama.
Iyyuu Cufaa: Dursa kan kenniinuuf wangeela. Bakka wangeelli hinjirreetti raajiin hinjiru.
BBC: Zayitii fayyiinaa qarshii hedduutti gurgurtu jedhama. Kun hangam dhugaadha?
Iyyuu Cufaa: Zayitichi bakkan ani gahuu hin dandeenyeetti geeffamuun namoonni akka ittiin fayyaniif qophaa'e.
Ameerikaa, Awurooppaa fi biyyoota Arabaa hunda seenaa jira. Biyya keessattis mana namoota hedduu gala jira.
Haata'u malee, namni waldaa dhufe hundinuu zayiticha fudhachuu qabaa jennee hinbeeknu.
Bilisaan garuu hinkennamu ,sababii waldaan warshaa zayitaa kan mataashe waan hinqabneefu. Akkasumas zayiticha saamsuuf horiin itti baheera.
Kana malees chaanaalii TV keenyaatiif ji'aan birrii kuma 640 kaffalla. Kiraa waldaa fi teessoo, akkasumas kaffaltiin tajaajiltootaa fi meeshaalee sagalee baasii olaanaadha.
BBC: Uffannaan kee adda, nama uffata siif hodhu kan dhuunfaa qabdaa?
Iyyuu Cufaa: Eeeyyeen dizaayinaroonni kiyya lammiilee Masriiti. Uffanni kiyyas achitti hojjatama.













