Jarman: Namichi miseensota maatiisaa ja’a itti dhukaasuun ajjeese

Madda suuraa, AFP
Magaalaa Root Hamzii jedhamtu Kibba-Lixa Jarmanitti argamtu keessa namichi jiraatu tokko miseensota maatii isaa ja'atti dhukaasuun ajjeesuu isaa poolisiin beeksiseera.
Shakkamaan umuriin isaa ganna 26 ta'e kun sa'aatii laaqanaa irratti gara poolisiitti bilbiluudhaan namoota baay'ee ajjeesuu isaa ofumaan himeera.
Namni hayyama meeshaa waraanaa hidhachuu qabu kun, gamoo keessa jiraatu keessaa bahee poolisii osoo eegaa jiruu to'annoo jala ooleera.
Reeffi dhiirota sadiifi dubartoota sadiis manicha keessatti argameera. Firoonni isaa lama biroon miidhaan kan irra ga'e yommuu ta'u isaan keessaa tokko haala yaadichisaa ta'e keessa jira.
Umuriin miseensota maatii miidhamanii kunis waggaa 36 hanga 69 akka ta'e Poolisiin Baadeen Viintenberg ibseera.

Oduu kanatti dhiyaatan biroof:

Poolisiin akka jedhetti shakkamaan kun ijoollee lama umuriin isaanii mana kudhanii keessa jiru miseensuma maatii kanaa ta'an sodaachisaa ture. Haa ta'u malee, ijoollee kanarra garuu rakkoon hin ga'iin hafeera.
Ajjeechaan dhaqqabe kunis waldhabdee maatii gidduutti uumame ta'uu akka hin oolle shakkamaa jira.
Poolisiin sababii ajjeechaa kanaa adda baasuudhaaf qorannoo gaggeessaa jira.
Qorannoo hanga ammaatti gaggeeffameen ajjeechaa qaqqabe sana keessaa namni biraan harka qabu ragaan argame akka hin jirre poolisiin ibseera.
Ajjeechaan kun kan raawwatama Jimaata galgala yoo ta'u mana nyaataa warra Daachii gamoo Bahinofistiraas irratti argamu keessatti.
Bakki ajjeechaan kun itti uumame kan cufame yoo ta'u qorattoonni yakkaa ammoo bakka sanatti argamanii qorannoo gaggeessaa jiru.
Magaalaan xiqqoon Root Hamzii jedhamtu kun namoota kuma shan ta'an qofatu keessa jiraata.
















