Paanamaa: Sirna 'seexana baasuun' booda namootni 7 du'an

Madda suuraa, AFP/HO
Paanamaa naannoo miseensonni amantaa tokkoo sirna 'seexanaa baasuu' gaggeessaa turan jedhamee shakkamutti reeffii namoota torbaa lafa tokkootti awwaalamee argamuu isaa aanga'ootni dubbataniiru.
Namootni lubbuun isaani darbe kun dubartii ganna 32 ulfa taateefi ijoolleen ishee shan umuriin waggaa tokkoo hanga 11 ta'an inni jahaffaan ammoo ollaa isaaniiti.
Namootni 15 biroon ammoo bilisa baafamaniiru.
Shaakkii ajjeechaatiin namootni kudhan to'annoo jala olchamaniiru. Namootni yakkaa kanaan rawwaachuun shakkamaniifi namootni miidhaman hundi miseensota hawaasa dhalattoota Ngäbe-Buglé jedhamuti jedhamee yaadama.
Lafti awwaalcha kun kan barame torban darbe jiraattoonni gandichaa sadii miliqanii gara hospiitala naannichaa jiru erga deemanii booda ta'uun abbaan alangaa Rafaayeel Baloyes ni hima.
Sana booda maatiin hedduu gartuu dhalattoota kanaan durfamuun ugguuramnii akka jiran aanga'oottatti beeksisaniiru.
Hawaasni kun bosona kaaba - lixa biyyattiitti magaalaa guddiitti Paanamaa Siity irraa gara km250 fagaatee argama.
"Sirna seexana baasuu mana keessatti gaggeessaa turani.
Sirna kanaan, namootni feedhii isaanii malee qabamanii, dararamaa turani," jedha Baloyes. " Sirnootni kun hundi yoo cubbuu isaaniif dhiifama hin gaafannee isaan ajjeessu irratti xiyyeefata."

Madda suuraa, Reuters
Mana akka lafa sagadaatti ijaaramee kana keessatti, poolisooti dubartii qullaashee jirtu, gajaraafi haduu hedduufi reettii akkaa arsaatti ajjeefamte argachuu isaanii Baloyes ni hima.
Lafti kun gartuu amantaa 'New Light of God' jedhamuufi gara baatii sadiif naannicha keessa turan jedhamee yaadamuun to'atama.
Akka Boyales jedhutti, namoota ugguurufi dararuun kan eegale Sanbata darbe miseensi hordoftoota amantaa kanaa tokko "Waqayyoorra ergaa fudhadheera" jechuun erga beeksise booda.
Sana booda namootni mana jireenyaa isaaniitii butamanii, reebamanii ajjeefaman.
Namooti shakkamaan kun mana murtiitti torban kana dhiyaatu jedhamee eegama.
Shakkamtoota kana keessaa tokkoo abbaa warraa dubartii ulfaa reeffii ishee lafa sagadaa kanarra km2 fagatee awwaalamee argameeti.
Namootni lafa sagadaa kanaati baraaraman qaamni isaani kan miidhamee ta'uufi dubartoonni ulfaa lamaafi daa'immaanis akka jiran gabaafameera.












