Afriikaa Kibbaa: warri awwaalcha raawwachiisan paastarii 'du'aan kaase' jedhe himachuuf

Paasitar Alfaa Lukaawu nama du'aa kaasee jedhu waliin

Madda suuraa, ALPH LUKAU/FACEBOOK

Ibsa waa'ee suuraa, Paasitar Alfaa Lukaawu nama du'aa kaasee jedhu waliin

''Amma ka'i,'' jedhee iyya paastarichi Afriikaa Kibbaa keessaa.

Viidiyoon Twiitararra garmalee qoodame kun akka mullisutti (as cuqaasi), reeffi saanduqa keessaa suuta suuta ka'a. Waaqeffattoonni waldichaas iyya guddaa dhageessisan.

Kanuma hordofees, Afriikaa Kibbaatti gareewwan awwaala raawwachiisan paastarii nama waaqaa jechuun ofi wamuufi du'aan kaase jedhe mana murtiitti dhiyeessina jedhan.

Gareewwan awwaalcha raawwachiisan akka jedhanitti, Paastar Alfaa Likaawu akka du'aa kaasuu danda'u hordoftoota isaatti agarsiisuuf sobaan kan qindaa'ee waan ta'eef, seeratti dhiyeessina jedhu.

Namoonni baayyenis karaa mobaayila isaanitiin wayita reeffa saanduqa paastaricha fuuldura jiru keessaa ''ka'ii' jechuun sagalee olaanaan yoo waamu, namtichi saanduqa keessa ture yoo ka'ufi hordoftoon yoo iyyan mul'isa.

Himannaan garee awwaalcha raawwachiftootaas kanaan kan wal qabateedha.

Sababiisaas yoo kaa'an, gocha qindaa'ee kana keessatti akka hirmaannu taasifamneerra kan jedhuudha.

Sababii kanaan walqabatees waldaa Paastar Lukaawu dhiheenya Johaansbargiitti argamu keessatti waldhabdee guddaan uumameera.

"Dinqiin akkasii hin jiru'' jechuunis Komishiniin babal'ina Aadaa, Amantaa fi Afaan biyyattii teleevizsinii biyyattiitti himeera.

Itti dabaluunis "haalli akkasii kunis namoota abdii kutatan irraa maallaqa walitti qabuuf kan raawwatamuudha,'' jedheera.

Namoonni hedduun miidiyaa hawaasummaa irratti waan itti dhagahame ibsachaa jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Dhaabbilee awwaalcha raawwchiisan sadii osoo hinyaadamiin akka haala kana keessatti hirmaatan taasifamuunsaanii maqaa gaarii keenyarratti miidhaan qaqabeera jechuun tarkaanffii seeraa akka fudhatan dubbataniiru.

Dhaabbilee awwaalcha raawwachisan sadanis akk dhaabbilee midiiyaatti himaniitti, bakka bu'oonni bataskaanichaa haala adda addaatiin isaan gowwomsuun haalicha keessatti qooda akka fudhatan taasifamaniiru.

''Namni maatii namicha du'eeti jedhu tokko gara warra awwaalcha raawwatanii deemuun dhaabbata awwaalcha raawwachisuu kan biraa waliin waldhabuusaa dubbachuun, konkolaataa dhuunfaa isaarratti atsixaa dhaabbata biraa dhugaa fakkeessuun maxxansuu dhuggaa fakkeessuuf yaaluu isaa ibseera.

Saanduuqni haala kanaaf hojiirra olfamees dhaabbata awwaalcha raawwachisu kan biraa irraa kan dhufe ta'u himeera.

Waldaan paastar Lukaawu djhimma kanarratti yaada akka keennuuf gaafatame diduusaa BBC mirkanneesse.

Erga dhimmichi ifa ta'een booda oduu waa'ee nama du'a ka'e jedhamee kanaa karaa paastarichaatiin dubataneera.

Namni du'aa ka'e jedhames gara waldichaa yoo dhufu kan lubbuun jiru ta'u himamaa jira.

Waldichi midiyaatti wayita dubbateettis, ''hojii namoota du'aa kaasuu waaqaan eegalame Paastar Lukaawu xumureeera' jechuun deebii jetteeti.

Viidiyoon du'aa ka'u nama tokko mul'isu kunis bal'inaan qoodamuun walqabate, mormiin biyyaaleessaa paastaroota soobaa irratti taasifamaa kan jiru yoo ta'u, gochichas waldaalee duraa irraa mormiin mudateera.

Oduu amma nu qaqabeen ammoo, Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafozaan paasitaroota ummata gowwoomsan irratti tarkaanfiin fudhadha jedhaniiru. Garuu kana jechuunis waldaaleen daangeessa jechuu mitis jedhaniiru.