Hirphaa Nagaroo: Jireenya du'a lama gidduu

Obbo Hirphaa Nagaraa, nama du'ee ka'e jedhame

Madda suuraa, W/K Aanaa Sibuu Siree

Ibsa waa'ee suuraa, ''Isa ammaa kanatti midhaan malee torban lama turan''

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti guyyoota 71'n dura namni 'du'aa ka'anii' turan, yeroo lammaffaaf kaleessa sa'aa kudhanitti du'anii guyyaa har'aa awwalamaniiru.

BBC Afaan Oromoo odeessa ji'a Sadaasaa keessa hojjeteen (as cuqaasi), namni maqaan isaanii Hirphaa Nagaroo jedhamaniifi abbaa ijoollee shanii turan baatii Sadaasaa keessa du'an.

Ollaanis dhaga'ee, qawweenis dhukaafamee, dunkaannis bu'ee osoo boo'aa jiranii, wanti hineegamne tahe.

Obbo Hirphaan 'du'aa ka'an' jedhame.

Wasiila/abbeeraa Obbo Hirphaa ka tahan, Obbo Ittaanaa Qana'aa, baatii Sadaasaa keessa yogguu du'an kan kafananii turan isaani. Ammas yeroo lammaffaaf erga du'anii booda kafanan.

Obbo Hirphaanis guyyaa har'aa Aanaa Sibuu Siree, Ganda Lalisaatti awwaalaman.

'Fayyanii turan'

Obbo Itaanaan BBCtti waan himan ''Finfinnee deddeebisuu dadhabnee torban lamaaf Naqamtee geessinee, takka yaalanii dadhabnaan fudhannee galle.

Dhukkubni isaanii tiruu yemmuu tahu, qaamni isaanii guutuu haalluusaa keellootti geeddaratee ture,'' jedhaniiru.

Erga Obbo Hirphaa Nagaroon du'aa ka'aniiru jedhamee kaasee fayyaasaaniitti deebi'anii turuusaanii Obbo Ittaanaan nutti himan.

''Gara ji'a tokkoo fayyeedhuma qulqullaa'ee oliifi gadi deemee sosocho'aa ture,'' kan jedhan Obbo Ittaanaan hojii garuu hojjetaa hinturre jedhu.

'Barumsa kennuufi gorsaa'

Erga Obbo Hirphaan 'du'aa ka'anii' booda, namni akka walitti hin buune, waan qajeeltoo qofa akka namni hojjetu namuutti himaafi barsiisaa turaniiru jedhu Obbo Ittaanaan.

Mana yaalaa deemuu kan hin jaalanne Obbo Hirphaan, ''Manni yaalaa na hin fayyisu,'' jechuun rakkisaa akka turanii fi ''abdiisaanii garuma Waaqayyootti godhanii dhiisan,'' jedhan.

'Torban lamaaf midhaan hin nyaanne'

Reeffa Obbo Hirphaa

Madda suuraa, Komunikeeshinii Sibuu Siree

Ibsa waa'ee suuraa, ''Gara ji'a tokkoo fayyeedhuma qulqullaa'ee oliifi gadi deemee sosocho'aa ture,''

Wanti kanaan dura mudate ammas ni taha jedhanii maatii fi ollaan eeguufi dhabuusaanii Obbo Ittaanaa wayita gaafannutti, Obbo Hirphaan isa si'anaa kanatti garmalee dhukkubsatanii turan waan taheef, hagas mara abdii akka hin godhanne himaniiru.

''Namni baayyee dhukkubsachuusaa hubateera, akkasumas midhaan dhowwee, midhaan malee torban lamaan kana taa'e waan taheef, badaa kan yaada itti kenne hinjiru.

Shakkiin akkasiiyyuu hin turre, yeroo sana haa dhukkubsatuyyuu malee, hamma tokko midhaan ni nyaata ture. Isa ammaa kanatti garuu midhaan malee torban lama turan,'' jedhan.

Obbo Hirphaan jireenyasaanii erga 'du'aa ka'anii' booda, walgahii fi karaa fagoo haa dhaquu baatan malee, ollaafi maatii dhiyeenya jiran bira dhaqaa turan. Horiis gara bakkeetti oofaa turan.

Obbo Hirphaan gaaffiifi deebii BBC waliin Sadaasa dabre keessa taasisaniin, wayita 'du'anii' turanitti namoota lubbuudhaan godaanan arguusaanii dubbataniiru.

"Namoota lubbuudhaan godaananitu jira. Isaantu karaa na agarsiisaa na dura deemu. Nan qaqqabadhan jedhaa, nan deemaa nan qaqqabadhan jedha, garuu bira ga'uu dadhabeen keellaan natti cufame." jechuun nutti himanii turan.