Laayibeeriaa: Hospitaalli reeffa firottaan keessanii koottaa fudhaa jechuun waamicha taasise

Qondaaltonni hospitaala guddicha Laaberiyaa reeffa namoota 15 firri fudhachuuf gaafatu dhabame Jimaata awwaaluuf akka jiru beeksise.
Giddu-galeessaa wal'aansa yaadannoo Joon F. Keenedii keessatti ji'a Bitootessaa hanga Waxabajjitti namoota du'anii 15 firri fudhatu dhabamuu hoggaanaan Hospitaalichaa Dr. Jeerii Biraawoon Roobii darbe raadiyoo biyyaleessatti himan.
''Sirna awwaalchaa gaggeessuun reeffa namoota kana bakka itti gochuudhaaf karoorfannee jirra," jedhan.
Ta'us garuu hunda isaanii boolla tokko kessatti akka hin awwaallee himaniiru.
Dr. Biraawon namoonni xumura Waxabajjii fi Hagaayya gidduutti du'an jumlaan awwaluuf karoora hin qabnu, firoottan isaanii akka fudhataniif yeroo dabalataan kenninaaf jedhan.
Dinagdeen Laaberiyaa kufaa dhufee qaala'insi jireenyaa hammaachuun Labeeriyaanonni baasii sirni awwaalchaa ittiin raawwatamu dhabaa jiru.
Hospitaalli kun kutaa reeffa tursisuu waggoota 46 lakkoofsise qabaatus, Kottolleessitu (refrigeration) fi humna waan hin qabneef reeffaa olka'uu akka hin dandeenye Dr. Biraawon himaniiru.
Hospitaalli kun dhiyeessa wantota barbaachisoo akka hin qabneefi dhiyeessii qorichaa daldaltoota karaarratti gurguraniirratti hirkataa jira.
Akka Dr. Biraawon jedhanitti, hospitaalichi idaa daldaltoota qoricha dhiyeessanii doolara Ameerikaa 50,000 osoo hin kaffaliin hafe.
Giddu-galeessaa walaa'nsa yaadannoo Joon F.Keenedii jalqaba bara 1970 kan baname yoo ta'u , bara sanatti giddu-galessa wala'aansa beekama ture.















