IMF qorannoo liqaa Itoophiyaa xumuruun doolaara mil.261 raggaasise

MM Abiy Ahmad fi Daarektara Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyeevaa

Madda suuraa, Abiy Ahimed

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahmad fi Daarektara Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyeevaa

Boordiin Hojii Raawwachiiftuu Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) qorannoo isaa 4ffaa sagantaa deeggarsa faayinaansii Itoophiyaa irratti taasisaa ture xumuruu isaa Jimaata kaleessa ibseera.

Haaluma kanaanis kanfaltii gara doolaara miiliyoona 261 tilmaamamu, mootummaa Itoophiyaaf akka kennuu raggaasiseera.

Itoophiyaan bara 2024tti sagantaa liqii IMF doolaara biiliyoona 3.4 IMF waliin qabdu kan mirkaneessite.

Sagantaan liqichaas qaama ajandaa haaromsa dinagdee gooroo fi liqaa alaa isheerra jiru itti fufiinsan deebisuu dabalatee, guddina waligalaa biyyattii deeggaruuf kan kaayyeffate akka ta'e ibsameera.

Sagantichi tarkaanfiiwwan guddina faayinaansii, imaammata maallaqaa cimaa, fi gurmaa'insa liqaa alaa Itoophiya kan of keessatti hammatedha jedh IMF.

"Sochii haaromsa dinagdee taasifame eeguun, yeroo murtaa'aa keessatti bu'aa fi guddina barbaachisu akka fidu cimsuu, akkasumas hiyyummaa hir'isuuf deeggarsi kun barbaachisaadha," jechuun IMF ibsa isaa keessatti eerera.

Dhaabbatichi itti dabaluudhaan, qaala'iinsa dinagdee ittisuu fi tasgabbii dinagdee maakroo eeguuf haalli maallaqaa cimaan barbaachisaa ta'uu ibse.

Hojjettoonni IMF fi aangawoonni Itoophiyaa qorannoo 4ffaa ji'a darbee irratti sadarkaa hojjettootaatti waliigaltee irra ga'anii ture. Kunis boordiin akka mirkaneessuu fi liqaan maallaqaa haaraan kun akka gadhiifamuuf karaa saaqeera.

MM Abiy Ahmad fi Daarektara Dhaabbata Maallaqaa Idiladdunyaa (IMF) Kiristaaliinaa Jorjiyeevaa

Madda suuraa, KGeorgieva

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qorannoon kunis kan xumurame yeroo Itoophiyaan tattaaffii gurmaa'insa liqaa irra deebiin taasiftu irratti guddina agarsiisaa jirtutti.

Mootummaan Itoophiyaa jalqaba baatii kanaa irratti marii abbootii boondii Yuurooboondii doolaara biiliyoona 1 qaban waliin waliigaltee duraa irra gahuu isaa beeksisee ture.

IMF waliigaltee jalqabaa abbootii boondii waliin taasifame, imala Itoophiyaan itti fufiinsa liqaa deebisuuf taasiftu irratti ''tarkaanfii barbaachisaadhaa'' jechuun ibse.

"Hojjetoonni IMF kaayyoo fi daangaa sagantaa IMF'n deeggaramee wajjin walsimsiisuun waliigaltee kanaa madaalaa jiru," jedhan, itti gaafatamtuun komunikeeshinii dhaabataichaa Juulii Koozaak

Itoophiyaan waggaa lama dura liqaa alaa ishee irra deebi'mee akka serreffamuuf dhimmichi garee biyyoota G20 jalatti akka ilaalamuuf gaafataa turte.

Gareewwan liqeessitootaa liqaa kana irra deebiin akka gurmeessan erga gaafattee booda, liqaa Yuurooboondii irra jiru hin kanfallee.

Baatii Adoolessaa darbe keessa biyyattiin waliigaltee gurmaa'insa haaraa liqeessitoota ishee waliin xumurteetti, waliigalteen kun maallaqa doolaara biiliyoona 3.5 ol gargaaras jedhamee eegama .