Wantoota 10 dubartoonni ittiin dhiirota caalan

Dubartii altokkotti hojiiwwaan heddu hojjachaa jirtu

Madda suuraa, iStock

Ilaalchi yeroo dheeraaf ture dubartootni qixa dhiirota ykn dhiirota caalaa akka waa milkeessuu danda'anitti hin fudhatamu ture.

Garuu akka qorannoon tokko tokko agarsiisutti wantootni dubartoonni dhiirota ittiin calaan hedduun akka jiran ni mul'isa.

Dubartoonni dhiirota caalaa altokkotti hojiiwwan hedduu hojjachuu fi ergaa bu'a qabeessa ta'e dabarsuu irratti dhiirota caalaa ga'uumsa qabu.

Akkasumas caalaatti obsaa qabaachuu fi cichoomina qabaniin dhiirota ni caalu.

Kana qofaa utuu hin taane waan heddu irratti, dubartoonni karoora baasuu, rakkoo furuu fi namoota isaanitti dhihoo taʼan kunuunsuu irratti illee dandeettii guddaa qabu.

Kana jechuun dhiironni amala kana hin qaban, ykn dhiironni ga'umsa hin agarsiisan jechuu miti.

1. Hojiiwwan hedduu altokkotti hojjachuu

Kun waan nama ajaa'ibu miti. Dubartoonni yeroo tokkotti hojii hedduu raawwachuu kan danda'an yoo ta'u, keessumaa akkaataa hojii mana keessaa itti hojjetan irratti ajaa'iba.

Fakkeenyaaf, nyaata bilcheessuu, harma hoosisuu, qulqulleessuu fi daa'imman kunuunsuu al tokkotti hojjachuu danda'u.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka Yuunivarsiitiin Gilasgow qorannoo dhiheenya kana taasise baaseen carraaqqii dubartootni hojii hedduu walfaana adeemsisuu isaanii kan dhiirota caalaa akka ta'e ibseera.

Yuniversiitichi dhiirota fi dubartoota bilbilli isaanii jalaa badee ture paaswaardii (jecha darbii isaa yaadachuu) irratti ture qorannicha kan taasise.

Ogeeyyiin akka jedhanittis dubartoonni uumamaan waa yaadachuu fi waan baayy'ee altokkotti yaaduuf hojjachuu kennaa akka qaban ibsu.

Dubartoonni dandeettii yeroo tokkotti waan tokkoo ol xiyyeeffannoo kennuu akka qaban ragaawwan hedduutu jiru.

Kunis dubartoonni sammuu isaanii bitaa fi mirgaa gidduutti walitti dhufeenya guddaa qabaachuu mul'isa. Gamoonni sammuu lamaan hojii adda addaatiif itti gaafatamummaa qabu.

Gama bitaa sammuu loojikii fi xiinxalaaf itti gaafatamummaa kan qabu yoo ta'u, gama mirgaa ammoo kalaqaa fi hubannoof itti gaafatamummaa qaba.

Dubartoonni gama sammuu isaanii lamaan gidduutti walitti dhufeenya guddaa waan qabaniif odeeffannoo haala gaariin adeemsisuu fi hojii baay'ee bu'a qabeessa ta'een hojjechuu danda'u.

Qorannoon Yunivarsiitii Yuutaah gaggeesse akka agarsiisutti dubartoonni haala haaraa wajjin haala salphaan walitti madaquun fi waan haaraa barachuu danda'u. Qoranichi dubartoonni hojii gidduutti saffisaan jijjiiruu irratti dhiirota caalaa gaarii ta'uu ibseera.

Dubartoonni maaliif hojii baay'ee hojjechuu irratti dhiirota caalaa akka caalan yaadonni biroo hedduun jiru.

Yaadni tokko dubartoonni akkaataa idileetti dhiirota caalaa itti gaafatamummaa mana keessaa baay'ee waan fudhataniif hojii baay'ee hojjechuu shaakaluu isaaniiti.

Yaadni biraa hormooniin gahee qabaachuu danda'a, sadarkaan istroojiinii dubartootaaf dandeettii hojii jijjiiruu irratti faayidaa kenna.

2: Dubartoonni umurii dheeraa jiraatu

Dubartoonni dhiirota caalaa namoota waliin walii galu. Kana jechuun dhiironni namootan walii galu danda'an muraasa jechuu jechuu osoo hin taane, avireejjiin yoo ilaalamu dubartoonni caalmaa qabu.

Kunis dubartoonni dhiirota caalaa sammuu fi miira namoota biroo hubachuu fi deebii kennuu danda'uu isaanii irraa kan ka'edha.

Dubartoonnis dhiirota caalaa kan haasa'an yoo ta'u kunis yaada isaanii ibsuuf isaan gargaaruu danda'a. Haasawa afaaniin halas mallattoo fuulaafi sochii qaamaa caalaatti fayyadamuu waan danda'aniif salphatti namaan walii galu.

Nama harkatti hasawa qabuu caalaa dabaree eeggatanii haasa'uu waan jaalataniif ergaan isaas milkaa'aa ta'a.

Kanaafuu nama bu'a qabeessa ta'ee waliin haasa'uu danda'u yoo barbaadde, dubartiin filannoo kee hunda caalu ta'uun ishee hin oolu.

Sammuu miiraa fi dandeettii dubbisuu fi akeekkachiisa dubbii afaaniin ala ta'eefillee deebii kennuu isaaniitiin, yaada isaanii haalaifa ta'een dabarsuu ni danda'u.

3. Dubartootni caalaatti namaan walii galuu danda'u

Dubartii

Madda suuraa, Getty Images

Dubartoonni dhiirota caalaa, giddu galeessaan gara waggaa shanii olii jiraatu. Fakkeenyaaf, akka ragaan Istaatiksii hamma jireenyaa dhiirota Itoophiyaa giddu galeessan waggaa 66.9 yoo ta'u kan dubartootaa waggaa 70.5 dha. Biyyota hedduu keessattille akkasuma kan dubartootatu caala.

Garaagarummaan kun gartokkoon sababoota baayoloojii kan akka jiinii fi hormoonii irraa kan ka'e akka ta'e ibsama.

Haa ]ta'uu malee, filannoowwan akkaataa jireenyaas gahee guddaa qaba. Dubartoonni yeroo hunda hakiima bira deemuun sakatta'amuu fi fayyaa isaanii eggachuuf carraa guddaa qabu.

Akkasumas nyaata fayya qabeessa ta'e nyaachuu fi sochii qaamaa dhiirota caalaa yeroo baay'ee gochuu barbaadu.

Wantoonni kun hundinuu dubartoonni umurii dheeraa akka jiraatan kanneen gumaachan ta'u.

Dubartoonni dhiirota caalaa umuriin isaanii jiraachuu malees, jireenya isaanii keessaa harka guddaadhaaf fayyaa gaarii qabu.

4: Dubartoonni dhaggeeffattoota gaariidha

Namoota walitti haasa'an

Madda suuraa, Getty Images

Dubartoonni sababoota hedduudhaan dhaggeeffattoota fooyya'oo ta'u. Obsa qabaachuu, ijaan wal ilaaluu, hanga dhiirotaa haasaa addaan hin kutan. Amaloonni kun dhuguma waan namni tokko jedhu akka dhaga'an, akkasumas miira jechoota sana duuba jiru akka hubatan isaan dandeessisa.

Qorannoon Yunivarsiitii Meeriilaandiin gaggeesse dubartoonni dhiirota caalaa dhaggeeffattoota gaarii akka ta'an ibsa.

Qorannoon barruu 'PLOS ONE' jedhamu irratti maxxanfames dubartoonni yeroo haasawa dhaggeeffatan odeeffannoo fi bal'inaan yaadachuu akka danda'an isaan akka taasisu ibseera.

Qorattoonni akka jkedhanitti dubartoonni yeroo dhaggeeffatan gama lamaan sammuu isaanii kan fayyadaman yoo ta'u, dhiironni ammoo gama bitaa qofa fayyadamu.

Barreessaan qorannichaa adda duree kan taate Doktar Laawuren Huuman, argannoon kun "dubartoonni hojii dhaggeeffachuuf gosa tokko tokko irratti caalaatti ga'umsa qabaachuu akka danda'an" ibseera.

Itti dabaluudhaanis, argannoowwan kun dameewwan akka qorichaafi seeraa, bakka dandeettiin dhaggeeffachuu gaariin barbaachisaa ta'etti dhiibbaa qabaachuu akka danda'u dubbatteetti.

5: Dhiphina dandamachuu danda'uu

Kanaaf sababoonni muraasni jiru. Tokkoffaa, dhiphinni jireenya dubartootaa keessatti waanuma jiruudha.

Hojii fi itti gaafatamummaa hedduu waan barataniif, dandeettii dandamachuu dhiphina haala bu'a qabeessa ta'een ittisuuf barbaachisu qabaachuun isaanii guddaadha.

Lammaffaa, dubartoonni dhiirota caalaa miiraa waa hubachuu waan qabaniif dhiphina adda baasuu fi karaa gaarii ta'een fruuf isaan dandeessisa

Akka qorannoon jedhutti sammuu dubartootaa deebii fooyyee qabu yeroo dhiphinaa murteessuu ilaalchisee sammuu dhiirotaa irraa haala adda ta'een wayaa qaba. Garaagarummaan kun dubartoonni dhiphina to'achuu irratti faayidaa qaba.

Kanaaf, dhiphinni jireenya dubartootaa keessatti waanuma jiruu ta'us, haalawwan baayʼee rakkisaa taʼanillee keessa darbuuf hormoonii, dandeettii fi miira dandamachuu fi murtee sirrii kennuu cimaa qabu.

6: Dubartoonni dafanii waa baratu

Dubartoota

Madda suuraa, UN

Qorannoon akka agarsiisutti dubartoonni hojii baay'ee hojjechuu irratti fooyya'oo ta'uu fi yaadachuu yeroo dheeraa dhiirota caalaa fooyya'aa ta'uu isaanii ibseera. Kunis akka waa yaadataniifi odeeffannoo yeroo dheeraaf akka qabataniif isaan dandeessisa.

Kunis dubartoonni dhiirota caalaa sammuu isaanii keessatti 'grey matter' baay'ee qabaachuu isaanii irraa kan ka'e ta'uu hin oolu. 'Grey matter' odeeffannoo adeemsisuu fi murtii kennuudhaaf itti gaafatamummaa qaba.

Kana malees, dubartoonni akkaataa idileetti sadarkaan istiroojinii ol'aanaa kan qaban yoo ta'u, kunis hojii yaadannoo fooyyessuu wajjin walqabatee jira.

Dubartoonnis yeroo baratan gama sammuu isaanii lamaan fayyadamuu kan danda'an yoo ta'u, kunis odeeffannoo haala bu'a qabeessa ta'een akka adeemsisan isaan dandeessisa.

Qorannoon akka agarsiisutti dubartoonni dhiirota caalaa saffisaan akka waa baratanii fi odeeffannoo qbaatan taasisa.

Kana malees dubartoonni dhiirota caalaa wantotaaf xiyyeeffannoo guddaa kennu. Yeroo dheeraaf xiyyeeffannoo kennuu fi wantoota yaada isaanii hiran haala bu'a qabeessa ta'een calaluu ​​danda'u.

Kunis odeeffannoo ga'umsaan akka itti yaadanii fi fi saffisan waa baratan isaan dandeessisa. Wantoonni kun hundi walitti makamuun dubartoonni dhiirota caalaa akka dafanii baratan taasisa.

Kanaafuu, nama ogummaa haaraa si barsiisu ykn odeeffannoo barbaachisaa akka yaadattu si gargaaru yoo barbaadde, dubartiin filannoo kee hunda caaltudha!

6. Carraan barnoota xumuruu dubartoota guddaadha

Kunis sababoota adda addaa hedduu irraa kan ka'e ta'uu hin oolu. Dubartoonni akkaataa idileetti dhiirota caalaa hojii hedduu hojjechuu irratti kan fooyya'an yoo ta'u, kunis mana barumsaa keessatti akka milkaa'an isaan gargaaruu danda'a.

Kana malees, dubartoonni kunuunsuu fi obsa qabaachuu waan danda'aniif, dhiphina mana barumsaa haala gaariin akka dandamatan isaan gargaara.

Dabalataanis, dubartoonni yeroo baayyee sadarkaan istiroojinii ol'aanaa kan qaban yoo ta'u, kunis hojii yaadannoo fooyyessuu wajjin walqabatee jira. Wantoonni kun hundinuu milkaa'ina dubartii mana barumsaa keessatti akka argattu gumaachuu danda'u.

Kolleejjii keessatti dubartii ta'uun faayidaa hedduu qabaatus, qormaanni tokko tokkos ni jira. Fakkeenyaaf yeroo baayyee dubartoota bakka hojiitti loogiin isaan mudata.

Kunis erga eebbifamanii booda hojii argachuun akka isaan rakkisu gochuu danda'a. Qormaanni biraa yeroo baayyee dubartoonni dhiirota caalaa galii xiqqaa argachuu isaaniiti.

Kunis galiin of danda'uu fi barnoota dabalataa argachuuf rakkisaa taasisuu danda'a. Qormaatni kun jiraatus, garuu dubartoonni dhiirota caalaa carraan kolleejjii xumuruu isaanii guddaadha.

8: Dubartoonni sirna ittisa qaamaa cimaa qabu

Dubartoonni maaliif dhiirota caalaa sirna ittisa qaamaa cimaa akka qaban ammallee ifa miti, garuu odeeffannoon sababoota kanaaf kennamuu danda'u tokko tokko tokko ni jira.

Yaadni tokko dubartoonni laguu fi ulfa wajjin wal'aansoo qabaa waan guddataniif qaamni isaanii waan haaraa gara qaama isaaniitti dhaqu ofirraa loluu amaleeffateera.

Dubartoonni dhiirota caalaa seelii ittisa qaamaa baay'ee qabu. Lammaffaa, seelonni ittisa qaamaa kun infekshinii ofirraa ittisuu keessatti caalaatti qophaa'adha.

Dhumarratti dubartoonni dhiirota caalaa seelii waantota farra qaamaa ta'an fi dhiiga adii baay'ee kan oomishani yoo ta'u, kunis salphumatti dhukkuboota ittisuuf gargaara.

Kunis dubartoonni kiroomozoomii X lama irraa waan umamanaii fi dhiironni ammoo kiroomozoomii X tokkoo fi Y tokko qabaachuu isaanii irraa kan ka'e ta'uu danda'a jedha qorannnioon . Kiroomozoomiin dabalataa kun sirna ittisa qaamaa dubartootaa jajjabeessuu danda'a.

Kanaafuu dubartoonni fayyaa ta'anii turuu irratti waan umamaaan argatan ta'uu hin oolu jedhu ogeeyyiin dhimmicha qoratana

9: Dubartoonni rakkoo furuu irratti ni caalu

Dubartartiin mala beekti jedhama. Kanaaf dubartootni dhiirota caalaa rakkoo furuu irratti akka fooyya'an qorannoodhaan mirkanaa'eera. Kunis dubartoonni rakkoo furuu irratti mala furmaata ta'u yoo fudhatan dhiirotni ammoo mala xiiqii ykn dorgomaa ta'e fudhatu.

Dubartoonnis waa'ee rakkoolee kalaqaa fi haala wal xaxxa ta'een yaaduu kan danda'an yoo ta'u, dhiironni ammoo xiinxalaa sararaan yaaduu danda'u.

Qorannoon Yunivarsiitii Michigaan gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, dubartoonni qormaata rakkoo furuu irratti dhiirota caalaa dantaa dhuunfaa isaanii bira darbanii ilaaluu fi furmaata nama hundaaf ta'u baasuu danda'u jedha.

Salphaatti addunyaa kana ilaaluu fi rakkoolee walxaxaa ta'aniif furmaata argachuuf karaa adda ta'e qabu. Dubartoonni yeroo yeroon dhiirota waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu rakkoo furuu olaanaa ta'uun isaanii agarsiifameera.

10: Hoggansa

Dubartoota

Madda suuraa, Getty Images

Bakka hojiittis yoo ilaalle dubartoonni dhiiraa caalaa kunuunsaa fi gara laafeyyii waan ta'aniif, haala rakkisaa dandamachuu fi hojjettoota isaanii wajjin hariiroo cimaa qabu.

Kana malees, yeroo baayyee dubartoonni dhiirota caalaa wayiif xiyyeeffannoo kan kennan yoo ta'u, kunis hoggansa irratti fooyya'oo akka ta'an isaan dandeessisa.

Akkasumas dandeettii komunikeeshiinii fooyya'aa waan qabaniif kunis odeeffannoo fi ajaja barbaachisaa ta'e dabarsuu irratti gargaaruu danda'a.

Akkasumas, dubartoonni rakkoo furuu irratti ogummaa guddaa waan qabaniif, tarkaanfiiwwan gaarii hojjettoota isaanii irratti dhiibbaa geessisan fudhachuuf carraan isaanii guddaadha.

Wantoonni kun dubartoonni hoggansa gaarii irratti ogummaa akka qabaatan taasiseera. Kanaafidha amma dhaabbileen hedduun dubartootaaf iddoo olaanaa kennuu kan jalqaban.