Dubartootni 10 dhiira tokkoof: Itoophiyaatti sagantaa dhiiraafi dubara walitti fiduun falmisiisaa ta'e

Dubartootni toora lamaan Mesaay Haayilamikaa'elitti rarra'an.

Madda suuraa, D!nkTV

Ibsa waa'ee suuraa, Xumura sagantaa Laaxxee namootni 620, 000 daawwatan

Akka aadaatti dhiirri dubartii tokko argata. Achii hariiroon isaanii jabaachaa gaafa deemu, dhiirri sun jaalalaan kufuu dubartii jaalate sanitti hima. Jaalalti kan jabaate dubartii sanitti yoo ta'e ammoo nama jaalatte sanitti miirashee himti.

Adeemsi baratamaan kun biyyoota warra Lixaa keessatti sagantaa teleizhiniitiin dhiira tokko fidanii dubartoota hiriirsuun akka filatu godhan ykn dubartii tokko fidanii dhiirota hiriirsisanii akka filatan godhaniin bakka bu'aa jira.

Sagantaaleen Reality Show kan akka Love Island, Love is Blind fi The Bachelor biyyoota kaan keessatti gurra guddaa horataniiru.

Itoophiyaatti sagantaan akkasii bartee ture kan cabsuudha.

Qabiyyee miidiyaa hawaasaa kan boccu( Content creator) Beteel Getaahuun sagantaa Laaxxee jedhamu kana irratti dubartoota kaan mootee hojjetaa Inshuraanisii kan ta'e Mesaayaa Haayilamikaa'eliin harka galfatateetti.

Saganataan Laaxxee kun sagantaa televizhinii akka Reality Show namoota jaalalleewwan akka ta'an gargaarudha.

Biyya aadaan itti jabaatuufi dhimmi jaalalaafi jaalallee barbaaduu badaa ifatti hin gaggeffamne keessatti sagantaan kun falmisiisaa ta'eera.

Sagantaan Laaxxee kun isa UStti The Bachelor jedhamuufi beekamtii qabu waliin walfakkaata. Hiika isaatiinis akkasuma wal fakkaata. Qeerroo fi qarree akka jechuuti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sagantaan Laaxxee boqonnaa jalqabaa kan kutaa hedduun dhiyaate kanaan dubartootni 10 lammii Itoophiyaa fi Ameerikaa kan ganna 38 Mesaayaa jedhamuufi Daalaasirraa dhufe kan ofii godhachuuf yoo carraaqan agarsiiseera.

Sagantaa walitti fufaa ta'e kanarratti dubartootni walmorkatan kun bunyaan dorgomaniiru, dorgommii kubbaakaachoo taasisaniiru, sagantaa beeksisa televezhinii hojjechuunis dorgomaniiru.

Laaxxeen Youtube gubbaatti tamsaafama.

Morkii kana kan injifatte dubartiin ganna 25 Beteel Poodakaastii Focus On Africa irratti yaada kenniteen ''dhugaa natti hin fakkaanne'' jette. Sagantaan sun xumuramee torbanota boodayyuu akka kabaja gudda goonfattee itti dhagaahamuu himte.

Ammoo sagantichi hunda biratti miira gaarii hin uumne.

''Yaadni sagantaa dhiiraaf dubara walitti fidu (dating show) guutummaatti yaada warra Lixaati'' jedha Viloogara kan ta'e Semmeree Kaasaayee.

''Dhiiraaf dubartiin kan wal barbaadan dhoksaadhaani, dhokaatee kunuunfamee wayita bilchaatu maatiifi firatti himama.''

Beteel kaamera duratti seeqaa jirti

Madda suuraa, Bethel Getahun

Ibsa waa'ee suuraa, Injifattuun Laaxxee, Beteel Getaahuun sagantichi dubartoota xiqqeessa yaada jedhutti walii hin galtu

Semmereen ogeessa seeraafi miidiyaa kan ganna 41 wantoota aad-malee ta'an qeequun miidiyaa hawaasaarratti beekamuudha.

Sagantaan kun dubartoota xiqqeessa, akka miyaatti lakkaa'manii akka fudhataman godha jedha.

Daawwattootni hedduun yaada walfakkaatu kennu - namni tokko yaada Youtube gubbaa sagantaa sana jalatti kenneen ''shamarran nana, isin miya namni maallaqa qabu tokko fudhatu miti'' jedhu kenneera.

Namni biraan ammoo piroodaakshinii kanarratti oogummaa (creativity) guddaatu mul'ate garuummmoo faallaa aadaati, maal fayyadaree? jechuun gaafata.

Dorgommicha kan injifatte Beteel dubartiin akkasitti baatee dubartoota kaan waliin dhiira tokkoof dorgomuun aadaa Itoophiyaatiin faallaadha yaada jedhutti waliigalti. Sagantichi garuu isaatiinis oli jetti.

''Kaayyoon sagantichaa dubartoota adda adda dhiyeessuudhaa'' jetti.

''Kutaalee sagantichaa kaan argiteetta yoo ta'e dubartootni achirratti dhiyaatan seenaa mataasaanii, bu'aa bahii adda addaa fi yaada miidiyaalee Itoophiyaarratti amma dura dhiyaatanii hin beekne qabu'' jette.

Dhugamattis Laaxxee gama kanaan milkaaheera. Dubartootni hojii manajminatii hoteelaa, keessummeessitoota daandii xiyyaaraa, hojjettoota herreegaa fa'a hirmaachise kun seenaasaanii akka walittis daawwattotattis himan hiree uumeera.

Kutaa sangantichaa tokko keessatti taatuun Viviyaan jedhamtu Eertiraa irraa akka itti gara Itoophiyaatti baqachuuf dirqamte ni dubbatti.

Kophaa gara Itoophiyaaatti kan baqatte taatoon kun waggoota shaniif harmeeshee argitee akka hin beekne dubbatteetti.

''Ishii yaadera'' jechuun imimmaaniin boosse. Kutaaleen akkasii sagantichi seenaawwan hin dhagaahamne baaseera yaada jedhu jabeessu.

Kutaa biraa keessatti ammoo moodela kan taate Raaheel barnoota addaan kutte obbolaashee guddisuuf hojii adda addaa hojjechuushee himteetti.

Qopheessituun sagantaa kana Mettaasebiyaa Yooseef dhuga adubartoota kaanif jaalala barbaacha fedh qaban agarsiisuun Laaxxeen ''qabiyyee yeroosaa eeggateedha'' jechuun BBCtti himte.

Mettaasebiyaan hondeessitoota D!nkTV kan sagantaa Laaxxee jedhu qopheessu keessaa tokko sagantichi ''waan baratamee raaseera'' ammoo faallaa aadaa Itopohiyaati jetti.

''Tokkoffaa akka malee kan kooriniyaarratti xiyyeefate miti'' jetti.

Dhimmicha sadarkaa wal barsiisuurratti dhaabata malee dhiibee hin deemus jechuuni ibisti.

Dabaluunis kaayyoon sagantichaa inni biraan yaada aadaa jedhurratti namni yaada akka wal-jijjiiru gochuudha jetti. Aadaan maali? Hundi keenya waanuma tokkodhaa? jechuunis gaafata jetti.

Namootni gariin sagantaan akka kanaa Itoophiyaatti eegaluusaatti gamaduu dubbatu.

Namni yaada kenne tokko ''balaa inni qabu fudhachuu keessan jaaladheera, akka hawaasaatti hammam akka of qusatoo taanu akkuma jirutti ta'ee sagantaawwan Itoophiyaaf akka ta'anitti hojjetamanii arguun barbaada ture. Kuni kan jalqabaati.''

Daawwataa biraan ''ani The Bachelor Itoophiyaatti ni daawwanna jedhee hin yaadne, akka lubbuu qabaatu gochuun fiduu keessaniin hojii dansaa hojjettan'' jedha.

D!nk TV boqannaa lammataa sagantaa kanaa qopheessaa jira.

Boqonnaa isa itti aanurratti dubartii tokkotu dhiroota dorgomsiisee filata jetti Mattaasebiyaan. Dhiirotni hirmaatan 10 akka ta'anis himte.

Yaada hedduu daawwattootarraa argachuu kan dubbattu Mettaasebiyaan, gaheen kennamu jijjiiramee arguu barbaadu jetti.

Beteel dorgommicha injifattee qalbii Meesaayaa mo'attus hariiroo jaalalaan garuu itti fufuu hin dandeenye.

Sababni ammoo fageenya.

''Fageenyatu gidduu jira, inni ilmasaa waliin Ameerikaa jiraata. Baayyee ulfaataadha...'' jette.

Bateel garuu dubartoota ishee waliin dogoman waliin hariiroo jabaa uumteetti.

Laaxxeen hariiroo jaalalaa Itoopiya aagarsiisuu isaattigammaduus dubbateetti. Dubartootni miidiyaa Itoophiyaarratti akka ta'utti akka of dhiyeessan hiree uumas jetti.

''Karaa haaraa dubartoota itti dhiyeessaniidha, akkatti of himaniinis''

Karaa haaraa waa itti ilaalaniidha'' jette.

Mesaayaan akka daanyaatti irratti hirmaata

Madda suuraa, D!nkTV

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartootni kun kubbaa kaachoofi bunyaatiinis ni dorgomu