Marsaan laguu dhaabachuu booda fedha saal-qunnamtiifi kaanirratti jijjiiramni dhufu maalirraa madda?

Luka dubartii ciistuu

Madda suuraa, Getty Images

Jireenya dubartii keessatti marsaan laguu dhaabachuun Menopause) waanuma idilee umamaan mudatu yoo ta'u, yeroo baay'ee haalaa dogoggoraa ta'een hubatama.

Dubartonni erga marsaan laguusaanii dhaabbateen booda mallattooleen akka qaamni saalaa googuu, miirri geeddaramuu fi dhiphinni, fedhiin walquunnamtii saalaa hir'achuuf mudda ta'u danda'u.

Haa ta'u malee, deeggarsa ogeessa fayyaa fi hiriyaa ykn abbaa warraa hubataa ta'eetiin dubartoonni jireenya saalqunnamtii gammachiisaa ta'e qabaachuu itti fufuu danda'u.

Dubartoota baayyee biratti jijjiiramni kun marsaan laguu dhaabbachuu waggaa 10 dura jalqabuu danda'a. Taateen akkasii kun dursee dubartii tokko yoo mudatu ammoo boqonnaan kun perimenopause jedhama.

Kaanaadaa, Vankuuvar kan jiraattu dubartiin umuriinshee waggaa 40 keessa taate Suuzaan, mudannoo kana keessa darbaa jiraachuu himte.

''Quunamtii saalaa raawwachuun dhukkubbii cimaa qaba. Ammallee fedhii quunnamtii saalaa nan qaba, garuu dhukkubbiinsaa irraa na dhorkeera. Waan deemaa jiru dafee hubachuu hin dandeenye. Doktara kiyyatti himachuufillee yeroo natti fudhateera,'' jechuun waan keessa darbaa jirtu ibsite.

Menopause jechuun wayita sababa hanqina hormoonii laguun dubartiirraa dhaabbatu jechuudha.

Garuu biyyoota addunyaa hedduu keessatti waa'ee saal-quunnamtii ifatti dubbachuu baratamaa waan hin taaneef ''ammallee dubartoonni dhukkubbii yeroo quunnamtii saalaa isaan mudatu akka waan sirriitti fudhatan jiru,'' jette Suuzaan.

''Akka saala faallaatti dhukkubbii nu mudatu kana dandamannee dhiirota keenya gammachiisuun dirqama nutti ta'eera,'' jette.

Dr Aziizaa Sisaay sababa ilaalchi akkanaa jiruuf dubartoonni hedduun kallattiin gara ishee dhufanii rakkoosaanii waliin dubbachuudhaan furmaata barbaadaa akka hin jirre himte.

Sababa kanaaf ''rakkoosaanii iccitiin qabatanii dhukkubbiidhuma waliin jiraatu,'' jette.

Rakkoo hormoonii fi mallattoolee dhokatoo kaan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Sisaay hormooniinositirojinii (oestrogen) jedhamu akkasumas hormooniin ovaariin maddisiisu testosterone jedhamu kallattiin fedhiin saalquunnamtii hir'achuu waliin walqabata.

Hormoononni kunneen hir'achuu jalqabnaan fedhiin quunnamtii saalaas akkasuma hir'ataa deema.

Dubartii umrii waggaa 45 kan taate Rooziin Jarmanii jiraatti. Umriishee waggaa 30tti kaansarii ovaariin erga qabamtee booda wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefii ture.

Adeemsi wal'aansaa kun marsaan laguu ishee umrii itti dhaabbachuu wsbu dursee akka dhaabbatu taasise.

Dubartiin kun jijjiiramni isheen keessa darbaa jirtu akkaan ulfaataa ta'uu BBCtti himte.

''Duraan wayitan quunnamtii saalaa raawwadhu gammachuu guddaa qaban ture. Kun tasuma jijjiirame. Qaamni kiyya tasuma miira si'oominaa dhabe,'' jette.

Kaalifoorniyaa keessatti ogeettii xiinsammuu fi gorsituu dhimma quunnamtii saalaa kan taate Dr Naazaanin Maali, yeroo baayyee dubartoonni marsaan laguu isaanii dhaabbate ishee bira deemuun rakkoo hanqina fedhii fi dhukkubbii yeroo saalquunnamtii isaan mudatu itti himatu.

''Hedduunsaanii miira eegalaniin itti fufuu rakkatu. Kaan ammoo fedhii quunnamtii saalaa qabu, garuu dhukkubbii sodaatu,'' jechuun rakkoo dubartoonni laguun irraa dhaabbate keessa darbaa jiran ibsiti ogeettiin fayyaa kun.

Sadarkaa umrii kanatti fedhii saalaa irratti miidhaa kan uumu qaamni saalaa qooruu fi miirri geeddaramuu qofa miti.

UK kan jiraattu dubartiin umrii waggaa 49 Yaas dhukkubni sirna fincaan gara alaatti baasu irratti ishee mudate Urinary Tract Infections fedhii saalaa akka dhabdu ishee taasisuu himte.

''Yeroo hunda wayitan quunnamtii saalaa raawwadhu baayyee waan na dhukkubuuf kun fedhii kiyya na keessatti ajjeese,'' jechuun rakkoo ishee mudate BBCtti himte.

Doktaroonni yeroo dheeraaf rakkoon ishee mudate kun dhaabbachuu marsaa laguun wal qabachuu adda hin baasne turan.

Dr Siisaay miidhaawwan ujummoo fincaan gara alaatti baasu mudatan hormooniin oestrogen akka hir'atu taasisa jette.

Aadaa biyyoota hedduu keessatti walquunnamtiin saalaa dubartootaa walhormaata qofaan walqabata.

Kanaaf erga laguun dhaabbatee booda quunnamtiin saalaa hin jiru jedhanii amanu.

Dr Maaliin dubartoota yeroo umriinsaanii dargaggummaa keessa jiru qofa bakka kennuufiin yeroosaan umrii kanarra ga'an rakkoo keessa isaan buusajette.

''Dubartoonni hedduun gaabbii fi miira gaddaa keessa seenanii dhufu,'' kan jettu Dr Maaliin, garuu maamiloonni ishee ''erga marsaan laguu irraa dhaabbatee booda quunnamtii saalaa bareedaa raawwachuu eegalan,'' akka jiranis ibsiteetti.

Mallattooleen marsaan laguu dhaabbachu maali?

Dubatiin tokko yoo marsaan laguushee dhaabbatu mallattoowwan baraman irratti mul'atan jiru. Isaan keessaayis muraasni kunooti:

  • Ho'aa akka tasaa qaamaa guutuu fi dafqa halkanii
  • Jijjiirama sirnaa fi amma marsaa laguu, kan boodarra ammoo laguun guutummaatti itti dhaabbattu.
  • Qaamni saalaa goguu fi yeroo walqunnamtii saalaatti dhukkubbii fi fincaanii akka tsaa harkaa miliquu
  • Hirriba dhabuu ykn rafuudhaaf rakkachuu.
  • Jijjiirama miiraa, dhiphina sammuu fi/ykn yaadda'uu.
  • Caasaaleen deeggarsa qaama saalaa laafuu, carraa balaa qaamni gadameessaa bahuu dabaluu
  • Cimna lafee dhabuu, kun ammoo dhukkuba lafee fi cabuu lafee ol'aanaa ta'eef gumaacha.

Dubartoonni yeroo baayyee xiyyeeffannaa dhabuu fi yaadachuu rakkachuu dubbatu. Kunis, yeroo baayyee sammuun moofa'uu akkasumas dhukkubbii buusaa fi gogiinsa googaa jedhama.

Dubartoonni hundi mallattoo kanneen hunda akka hin qabne hubachuun barbaachisaadha. Haata'u garuu ammoo irra caalaan isaanii, kanneen naannoo %75 ta'an irratti ni mulata.

Wal'aansi jiru maali?

Dr Maaliin ''qormaati sababa laguun dubartii dhaabbateef dhufu hunduu furmaata qaba,'' jetti.

Kaan wal'aansa fayyaan, kaan ammoo wal'aansa fayyaa malee (medical and none medical interventions) ta'uu ibsite.

''Wal'aansa akkanaan dubartoonni quunnamtii saalaa hiika qabu raawwachuun laguun erga dhaabbatee booda fedhii quunnamtii saalaa isaanii akka gaariitti dhandhamuu danda'u,'' jette Maaliin.

Dubartii umrii waggaa 65 kan taate jiraattuun magaalaa Landan fedhiin quunnamtii saalaa ishee akka gaariitti kan dabale erga laguunshee dhaabbatee ta'uu ibsite.

Akka carraa ta'ee marsaan laguu ishee dhaabbachuu fi abbaa manaasheen wal hiikuun walirra bu'ee ture.

''Umrii kiyya waggaa 43ttin abbaa manaa kiyyaan walhiike. Mallattoon marsaan laguu dhaabbachuu ammoo umrii koo waggaa 45-46 gidduutti eegale. Baayyeen gammade. Walabummaa kiyyan gonfadhe. Yoona kanan quunnamtii saalaa gammachuu qabu eegale,'' jechuun BBCtti himte.

Dr Maaliin akkaatuma umriin deemuun akkaataa saal-quunnamtiis jijjiiraa deemuun miira quunnamtii saalaa gaarii keessa turuun ni danda'ama jechuun gorsiti.

Gammachuu quunnamtiin saalaa qabu hunda dhandhamuuf mala saal-quunnamtii umrii ofii waliin deemu fayyadamuun barbaachisaadha jetti.

Quunnamtii saalaa duraa fi booda wantoota raawwatamanitti sirriitti gammaduuf jalqaba ''quunnamtii saalaa gaariin siif maal akka ta'e waliif ibsuun raawwachuu feesisa,'' jette.

Dr Aziizaa Siisaay ammoo yoo laguun dhaabbachuun guutummaatti fedhii quunnamtii saalaa balleesse, wal'aansa fayyaarratti xiyyeeffachuu barbaachisa jette.

''Gargaarsa gaafachuu, yeroo barbaachise doktora geeddaruu qabu. Qaana'anii harka kennuun sirrii miti,'' jechuun gorsiti.

Gama wal'aansa fayyaan ''hormoonii bakka buusu HRT (Hormone Replacement Therapy) kan jedhamu filannoo jalqabaati. Kun haala garaagaraan kennama. Dibata, kiniinii fi lilmoo waraanuun kennama,'' jette Dr Aziizaa Siisaay.

Ogeettiin fayyaa kun garuu gorsa tokko irratti xiyyeeffatte- Of eeggannoo dhuunfaa cimsuu.

''Of eeggannoo dhuunfaa jechuun ofittummaa miti. Of eeggannoo cimsuun dhiphina ofirraa balleessuu feesisa. Gargaarsa gaafadhu, yoo gargaarsa gaafachuu baatte yoo xiqqaate gargaarsi siif taasifamu fudachuuf qophaa'i.''