'Harma guddaa qabaachuun akkan ofitti qaana'u na taasise'

Jaakii Adeedeyii dhiibbaa harma guddaa qabaachuun qaamaa fi qor-qalbii namaarratti qabu qorataa jirti

Madda suuraa, KATIE SILVESTER

Dubartoonni harma guddaa qaban dhukkubbii fi qaanii guddaa keessa jiraachuu himatu.

Jaakii Adeedeyii dhimmi namoota harma guddaa qabanii xiyyeeffannaa akka hin argannee fi bakka isheen jiraattu UK keessatti ''kan itti qoosamuu fi ija tuffiin ilaalamu,'' ta'uu dubbatti.

Harma ulfaatina walakkaa kiilogiraamaa ta'e qabaachuu kan himtu dubartiin kun, sababa kanaaf yeroon isheen nama keessaa dhokachuuf yaalte hedduu ta'uu dubbatte.

''Umriikoo waggaa 11 irraa eegalee sababa harma kootii dhiironni baay'een miiraa fi fedhii saal-quunnamtii natti mul'isaa turan.

''Guyyaa tokko osoon gara mana barumsaa deemuu dhiirota na ilaalanii hidhii ciniinan argee baay'een qaana'e,'' jette.

Kana malees osoo walga'iirra jirtuufaa wahillanshee hundi garashee ilaalanii akka nama fedhii saal-quunnamtii ba'achuuf dhufeetti kan ishee ilaalan akka turan dubbatteetti.

Jaakii Adeedeyii akkuma umriinshee dabalaa, isheenis bilchaataa deemtuun rakkoo sababa kanaan isheerra ga'u dandamachaa ofitti amanamummaa horachaa deemteetti.

Garuu dubartoonni dhiibbaa kana dandamachuu dadhabanii kara oppireeshiniitti fiigan jiru, amma amma taateen kun baratamaa dhufeera.

Waldaan bareedina qaamaa Biriiteen- British Association of Aesthetic Plastic Surgeons (BAAPS) jedhamu hamma harmaa hir'isuun adeemsa bareedina ofii ittiin dabalatan keessaa sadarkaa lammaffaarra jira jedha.

Bara 2022 namoonni 5,270 ta'an harmasaanii muranii oppireeshiniidhaan hir'isaniiru. Lakkoofsi kun kan bara isa dura turerraa harka 120'n dabaleera.

Jaakiin dubartoonni sababa harmisaanii guddaa ta'eef rakkataa jiran hedduu ta'uu adda baasteetti

Madda suuraa, ACME PRODUCTIONS

Ibsa waa'ee suuraa, Jaakiin dubartoonni sababa harmisaanii guddaa ta'eef rakkataa jiran hedduu ta'uu adda baasteetti

Jaakiin namoonni miidhaa qaamaa fi qor-qalbii guddinni harmaa dubartii irratti qabu waan sirriitti hubatan natti hin fakkaatu jetti.

''Baay'ee qaana'u. Sababni isaa namoonni yoo dubartii harmishee guddaa argan akka waan inni qabeenya ummataa ta'eetti hunduu gara sana ilaala,'' jetti Jaakiin.

Dhiibbaan gama aadaan jirus irra ga'uu dubbatti - isheen maatii amantiidhaan taliigaman, kan naamusaan of qabuun keessatti dirqama ta'een guddatte.

"Ati sadarkaa olaanaa qabaachuu qabda akkasumas akka dubartii gurraattii tokkootti yeroo hunda karaa hunda caalaa gaarii ta'een mul'achuu barbaada.

''Garuu yeroo baay'ee harmi koo akka waan gaariitti akka hin ilaalamne natti dhaga'ama."

'Bakkan deemutti na dhukkuba'

Dubartiin Ambar jedhamtus rakkoo Jaakiin argite keessa dabarte. Jalqaba bara 2022 dhuunfaan yaalamuuf murteessite.

Harmishee kiilogiraama walakkaa ol ta'uusaan waggootaaf qaamaafi sammuu ishee dhukkubaa ture.

Dubartiin umrii waggaa 26 kun wal'aansa baqaqsanii yaaluu harmaa argachuuf waggaa dheeraa eegde. Boodarra bulchiinsa kibba baha Ingilaandi, Korniwaal keessatti tajaajilamuu himte.

"Ergan mana barumsaa xumuree booda baay'een miidhamaa ture. Inumaa ergan daa'ima kiyya dubaraa harma hoosisuu eegalee ammoo guyyuu na dhukkubuu eegale. Bakkan deemu hundatti na dhukkuba,'' jetti Ambar.

Jalqaba karaa tajaajila fayyaa biyyaalessaa UK- NHS wal'aansa fayyaa argachuuf yaalte, garuu yeroo dheeraaf hin milkaa'in turte.

''Anii fi abbaa warraa koo baay'ee waliin dubbanne, duuba liqaa fudhachuuf murteessine. Rakkoon maallaqaa hamaa ta'us murteen kiyya garuu sirriidha,'' jetti dubartiin maqaa abbaashee himachuu hin feene kun.

Dubartiin umrii waggaa 28 Raachel jedhamtu guddinni harmashee dhukkubbii dugdaa fi mukaa'uu erga itti hammeessee booda tajaajila wal'aansaa argatte.

Garuu NHS tajaajila wal'aansa kennuuf waggaa 10 itti fudhate.

Raachel jalqaba akka ulfaatinashee hir'istu gorfamte, boodarra dhukkubbiin dugdaa wayita itti hammaatu dhimmi harmashee xiyyeeffannaa argate.

''Jalqaba dawaa yeroof dhibeerraa nama dandamachiisuu fi sochii qaamaa ji'a ja'aaf fayyadame. Isa booda eeggattoota keessatti na galmeessan. Achirraa waggaa lama fudhate,'' jette.

Maqaa abbaashee himuu kan hin feene Raachel tajaajila kana argachuutti carra qabeettii ta'uu fi jireenyishee isa booda jiru fooyya'aa ta'uu himte.

''Oppireeshinii ta'uu koo dura homaa fiiguu hin danda'u, yeroo hunda wayitan fiigu na dhukkuba. Sun baayyee boodatti na deebisee ture. Amma qaama kiyyatti ofitti amanummaan qaba,'' jette Raachel.

Nikool Pool tajaajila wal'aansa fayyaan ulfaatina (hamma) harmashee hir'isuuf waggaa sagal qabsoofte- waggaa kana hunda dhukkubbii dugdaatiin dabarsite

Madda suuraa, NICOLE POOLE

Ibsa waa'ee suuraa, Nikool Pool tajaajila wal'aansa fayyaan ulfaatina (hamma) harmashee hir'isuuf waggaa sagal qabsoofte - waggaa kana hunda dhukkubbii dugdaatiin dabarsite
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubartoonni hedduun osoo dhukkubbiidhaan dararamanii tajaajila wal'aansaa dhabuurraa guddina harmaan rakkataa jiraachuu BBC'tti himaniiru.

Nikool Pool harmashee akkaan guddate ofirraa hir'isuuf waggoota sagaliif doktaroota kadhatte. Dhumarratti waan gootu dhabdee harka kennite.

Umriishee waggaa 18 irraa eegaltee dhukkubbii dugdaa hamaan dararamaa jirti, yeroo keessa qaamnishee gartokkeen akkaan dhukkubuu eegale.

Kana qofaa osoo hin taane dhukkubbii mataa hamaan qabamtee agartuunshee jaamuu ga'eera.

Umriishee waggaa 21'tti harmishee baay'ee guddatee jennaan doktara isheetti dubbatte, garuu guddina harmashee hir'isuuf umriinshee akka hin geenye itti himame.

Guddina harmashee hir'isuu eegaluu dura daa'ima akkasheen barbaaddu gaafatan doktaroonni.

Waggoota booda doktarri ishee hospitaalatti riifarii barreesse, garuu hospitaalarraa deebiin kennameef ''wal'aansi baqaqsanii yaaluu hin barbaachisu,'' kan jedhu ture.

Sababa kanaan dhibeen dubartii kanaa ittuma cime, amma umriinshee waggaa 31 kan ta'e Nikool dubartoonni rakkoo akkashee qaban tajaajila wal'aansaa argachuun hafee, rakkoosaanii himachuufillee qaanii keessa jiraachuu dubbatte.

Guddina harmaa hir'isuuf adeemsa keessa darbamu

Jaarmiyaan Ingilaandi keessatti tajaajila fayyaa kennu- NHS namni tokko (dubartiin) guddina harmaa ofirraa hir'isuuf sababi ga'aan erga ilaalamee booda eenyu akka wal'aansa baqaqsanii yaaluu akka argatuu fi argachuu hin dandeenye murteessa jedha.

Adeemsi isaa jalqaba doktara dhuunfaarraa eegala. Gulantaa kanarratti namni dhuunfaa rakkoo himatu kun dhukkubbii dugdaa akkasumas dhibee sammuun walqabatu qabaachuutu sakatta'ama.

Yoo doktarri itti amane gara gulantaa ogeessa baqaqsanii yaaluu harmaatti ce'u.

Sanuu qoratamanii tajaajila argachuuf yeroo dheeraa eegu.

Jaakiin dhimma kanarratti dokumantarii hojjetteetti, kun garuu ishee hin fayyadne.

Garuu sababa dhugaa jiruu fi seenaa namoota sababa guddina harmaa miidhamaa jiranii mul'isteef tarii miirri waliif gadduu uumamuu danda'a abdii jedhu qabdi.