Harmi bitaa fi mirgaa kan walcaalu yoo maal ta'edha? Sababi maali?

Naalii Dii Peedee umrii ishee waggaa 20'tti dhibee 'Poland Syndrome' jedhamuun qabamuushee barte
Ibsa waa'ee suuraa, Naalii Dii Peedee umrii ishee waggaa 20'tti dhibee 'Poland Syndrome' jedhamuun qabamuushee barte

Dubartoonni harmi isaanii lamaan yeroo walcaalu tasuma ofirratti argu.

Lammiin UK Naataalii Dii Peedee harmishee walcaalee nan arga jettee yaaddee hin beektu.

Dubartiin umrii waggaa 32 kun umriishee waggaa 20 gadi taatee turte harmi ishee lamaan akka wal caalu kan barte.

Haalli kun miiraa fi xiinsammuu ishee akkaan miidhuu dubbatti.

Jiraattuu magaalaa Wimboorni, Doorset kan taate Aadde Dii Peedee dubartoota kaan waliin ta'uun dhimma kanarratti muuxannoo qooduu eegalte.

Harmi dubartii bitaa fi mirga jiru guddinaan, qabeedhaan, teessumaan akkasumas foormiidhaan yoo adda addummaa qabaate rakkoon kun mudata.

Rakkoon kun sababoota garaagaraan dhufuu danda'a.

Isaan keessaa rakkoo hormoonii, dhaabbachuu marsaa laguu fi wal'aansa baqaqsanii yaaluu dhibee kaansariif taasifamu eeruun danda'ama.

Dubartii harmi ishee wal-hin gitne
Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii harmi ishee wal hin gitne

Aadde Dii Peedee rakkoon walcaaluu harmaa kun sababa dhibee 'Poland syndrome' [Polaand Sindiram] jedhamuu ishee qabuu himte.

Dhibeen kun maashaaleen harmaa gara tokkoon akka hin guddanne yookiin akka dhiban taasisuun, harmi bitaa fi mirgaa akka wal-hingitne taasisa.

''Dhugaatti baay'ee na miidhe. Uffata laphee kiyya haguugu uffachuuf dirqameera.

''Akkaataan qaama kiyya itti qabu kaanirra adda ta'eera,'' jetti dubartiin ogummaa narsii leenji'aa jirtu kun.

Yuunivarsitii Portismaawuz, garee qorannoo fayyaa harmaa kan dursan Pirofeesar Joanna Wakefield-Scurr, harmi walgituu dhabuun dhukkubbii dugdaa fi mormaa akka hin fidneef maaltu godhamuu akka qabu irratti mala dhahaa akka jiran himan.

Sababa kanaan qaanii dubartootatti dhagahamu akkamiin qolachuun akka danda'amurrattis hojjetaa jirra jedhan.

''Osoo addunyaa mara irraa odeeffannoo argachuu dandeenya ta'ee dhibbeentaan 94 harma wal-hingitne qabu.

''Kun osoo sirriitti hubatamee dubartoonni waan kanatti qaana'uu ni dhaabu. Dhimma lagatamu ta'uunis ni hafa,'' jedhan.

Jiraattuu Wimboorni kan taate dubartiin umrii waggaa 38, Keet Teeyilar, osoo dubartoota kaanitti hin dubbatin dura harmi walcaalu kan ishee qofa jettee yaadaa turte.

Keet Teeyilar dubartoota gargaaruuf jettee dhaabbata hundeessite
Ibsa waa'ee suuraa, Keet Teeyilar dubartoota gargaaruuf jettee dhaabbata hundeessite

Dhimmi harmi walcaaluu waan bal'inaan irratti hin dubbatamneef dubartoonni akka waan rakkoo isaanii qofa ta'eetti hubatu jetti dubartiin kun.

''Kun mataansaa rakkoo uuma. Sababni isaa dubartiin tokko akka waan rakkoo ishee qofa ta'eetti waan yaadduuf ifatti dubbachuuf ni qaanofti.

''Akka waan dogongoraa, uumamaan ala ta'ee fi sanarra babal'ataa deemuutti yaadanii yaaddoo keessa seenu,'' jette.

Aadde Teeyilar akka jettutti dubartoonni hedduun harma wal hin simne qaban, qabduu harmaa walsimsiisu argachuuf rakkatu.

Yaadota kunneen irraa ka'uun kubbaaniyyaa qabduu harmaa dubartoota harmi isaanii lamaan walcaaluuf hojjetu hundeessiteetti.

Qabduu harmaa dubartoota harma wal-hinsimne qabaniif tolfame
Ibsa waa'ee suuraa, Qabduu harmaa dubartoota harma wal-hinsimne qabaniif tolfame

Aadde Dii Peedee dubartootaaf dhaamsa qabdi: ''Dubartoonni wanti hubachuu fi yaadachuu qaban, eenyullee qaama isaaniirraa xiyyeeffannaa akka hin qabnedha.''

''Namoonni yeroosaanii kan balleessan waan namni kaan waa'ee isaanii yaadu irratti dhiphachuudhaani. Akkaataa namni kaan itti isaan ilaalu dhiphatu.''

Garuu jetti, ''Gaafa sirriitti of hubattu, namoonni kaanis akkasumas of hubatu.''