G/Komishinaraa Shittoo Likkiisaa: Dubartiin gulantaa fiild maarshaalii geessee arguun hawwa

Madda suuraa, Shittoo Likkiisaa
Maqaan isaanii G/Koomishinaraa Shittoo Likkiisaa jedhamu. Dhalatanii kan Guddatan magaala Walisootti. Bara 1983 jalqaba Mootummaan dargii kufuuf yeroo Fiixerra gahee fi walmorkiin dirree siyaasa Itoophiyaa hoo'ina cimaa keessa yeroo ture, isaan Barattuu kutaa saddeetii turuu himu.
Onneen dargaggummaa fi hoo'inni siyaasaa yeros ture barumsa kutaa saddeet xumuranii sagalitti darban itti fufuu caalaa gara loltummaatti seenanii dhaaba siyaasaa deeggaruu barbaadaniif tumsuuf yeroo itti murteessan ture.
"Yeroo sana dargaggummaanis jira. siyaasa sirritti hordofnas waan ta'eef keessumaa daree keessatti 'Barnootni Bilisummaa Booda' jedhanii barreessaa turame. Saniif hiriyoota keenya waliin taanee barnoota dhiisnee gara loltummaa leenji'uutti deemne" jedhan.
Wiirtuu leenjii loltummaa Taaxeq seenuunis leenjii waraanaa ji'oota sagaliif leenji'aniiru. Qoodinsa gahee hojii tureenis isaan loltummaa caalaa baandii DhDUO keessatti shubbisaa fi diraamaa hojjechuurratti ramadaman.
Hojii itti ramadaman kanas waggoota kudhaniif hojjechuu himu. Waggoota kana keessaa yeroo lolli Itoophiyaa fi Eertiraa gidduutti ture Baadummee fi shiraaroo keessa naanna'uun hojii loltuu onnachiisuu kana akka hojjetanis himu.
"Waggaa kudhan yeroon waan kana hojjedhu barumsan biyyatti adda kutee dhufes itti fufee barachaan ture. waggaa 10 raayyaa waraanaa keessatti ergan tajaajilee booda gara raayyaa Poolisiittin makame" jedhan.
Erga raayyaa Poolisii Oromiyaatti makamaniis hojii idilee hojjechaa barnoota isaanii ammoo hanga digirii 2ffaatti barachuus himu.
"Guyyaa guyyaa hojiin hojjedha. Galgala nan baradha. Digirii jalqabaa lama seeraa fi 'Human resource management' dhaan eebbifame. Itti fufeen digirii lammaffaa baradheera" jedhan.
Poolisummaa, Dubartummaa fi maatii…
Komishinar Shittoon, hojiin poolisii hojii ulfaataadha jedhu. Keessumaa Dubartii ta'uu fi maatii bulchuu faana yeroo dabalamu ammoo haalan waan cimu akka ta'e dubbatu. Ta'us karooraa fi cimina nama gaafata malee wanti hin danda'amne hin jirus jedhu.
"Yeroo jalqaba biyyaa loltummaatti seennuyuu nama 83 keessaa dubartiin ana waliin nama sadii qofa ture. hojii loltummaa fi poolisii kana dubartoonni hin fedhan ture. Hojii ulfaataadha jedhanii amanu"
"Ergan gara poolisiitti dhufee ramaddiinkoo dhimma koorniyaarra ture. dubartoonni hojii kanatti akka hirmaatan. Hoggansa irrattis akka hirmaatan jajjabeessaan ture" jedhu.
Maatiin keessaa dhufan bilisummaa fi ofitti amanamummaan isaan guddisuun hojiisaanii keessatti akka milkaa'aniif gargaaruus dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Maatii gaarii keessaan bahe. Bilisummaa fi ofitti amanamummaan akkan guddadhu nabarsiisan. Gaafan addunyaa poolisii kanatti makamus hojii kamuu kan dhiirri hojjetu hojjechuu nan danda'a jedhee waanin amanuuf milkaa'eera" jedhan.
Hojiin poolisummaa kuni akka haadhaatti maatii bulchuu waliin ulfaataa ta'us, maatii fi ijoolleen isaanii isaan hubatanii gargaaruun utubaa milkaa'inakootis jedhu.
"Ani yeruman qabsoo keessa turen maatii horadhee mucaa godhadhe. Ijoollee dhiiraa laman qaba. Tokko hojiirra jira tokkommoo barumsa yunvarsiitii jira"
"Dhugaa dubbachuuf maatiinkoo, ijoolleenkoo baayyee nahubatu. Akka haadhaatti sababa hojiitiin yeroo fi jaalala isaaniif malu irraa hanqiseera jedheen yaada. Ijoolleenkoo garuu sirritti nahubatu. Najajjabeessu. Milkaa'inakootif na onnachiisu" jedhan.
G/ komishinaraa Shittoon imala jireenyaa loltummaa fi poolisummaa keessatti waggoota 30 caalan dabarsan kanaanis gulantaa gadiirraa eegaluun amma poolisii Oromiyaa keessatti gulantaa dubartiin geessee hin beekne argachuun seenaa hojjetaniiru.
"Sadarkaa gadiirraa eegaleen suuta suuta gulantaa hundarraa guddachaan dhufe. Bara 2015 seenaa Poolisii Oromiyaa keessatti anaa fi miiltoonkoo G/Koomishinara Birqeen gulantaa Gargaaraa Komishinarummaa qaqqabneerra"
"Guddina Gulantaa qofa miti. Seenaa Poolisii Oromiyaa keessatti dubartii ajajju poolisii magaalaa Taate kan jalqabaas ta'eera. Ajajaa Poolisii magaala Sulultaan ture. eegasii Gulantaadhaanis guddadhee amma Ajajaa Poolisii kutaa magaala Buraayyuu ta'een hojjechaa jira" jedhan.
Bara 2013 gulantaa Gargaaraa Komishinaraa kana argachuuf ulaagaa hunda guutanii jiraatanis shiraan guddina gulantaa dhabanii turanis gaabbiidhaan yaadatu.
"Bara 2013 ture kanin gulantaa Gargaaraa Komishinaraa kana guutee argachuun Narra ture. yeroo sana shiraa fi dubartummaan dhiibamnee keessaa nuhambisan. Sababa gaaffii mirgaa kana gaafanneefis anas Birqees aangorraa nukaasanii ture"
"Booda mootummaan gaaffii keenya qoratee dhugaa qabaachuun keenya nuuf hubatamee bara 2015 Gulantaan kuni akka nuuf kennamu ta'e. waggaa lama guddinarraa ittifame suni naaf hin lakkaa'amne jechuudha. Silaa amma Gulantaa itti aanurra nan gahaayyu" jedhan.
Hoggansa Poolisii keessatti ilaalchi dubartiin ajajaa Poolisii ta'uun tajaajiluu kuni kan baratame waan hin taaneef bakka amma hojjechaa jiranittis mudannoowwan isaan qunnamu akkas jechuun himu.
"Tokko tokko waajjira kiyya dhufanii ajajaan hin jiranii? Jedhanii nagaafatu. Ajajaan dhiira qofa akka ta'etti amanu waan ta'eef ani barreesituufaa itti fakkaadha. Tokko tokko ammoo bilbilaan 'Ajajaan eenyu bilbilli kansaanii mitii? naan jedhu. Mudannoo baayyee jira" jedhan.

Madda suuraa, Shittoo Likkiisaa
Dubartiin Gulantaa Fiildi Maarshaalii geessee arguun hawwa
G/Komishinaraa Shittoon hojii Poolisummaa keessatti hirmaannaa dubartootaa jalqaba yeroo seenan turee fi amma gidduu fooyya'iinsa jirutti gammachuu qabaachuu himu.
"Dubartoonni amma miseensummaa poolisii qofa miti, hoggansa keessatti bal'inaan hirmaachuu jalqabaniiru. Dubartoonni akka danda'an agarsiisaa jirra. Kanatti gammachuu guddaan qaba" jedhu.
Gulantaan isaanii fi miiltoon hojii isaanii G/Komishinaraa Birqeen qaqqaban dubartoota hojii poolisii keessa jiraniif waan fakkeenya ta'u ta'ulleen ammalleen bakka gahuu qabnu nihafa yaada jedhu qabu.
"Gulantaan amma irra geenye kuni dubartii waan taaneef nujajjabeessuuf kan nuuf kenname miti. Dadhabbii keenyaan asgeenye. Gufuu nuqabu hunda cabsinee dabarreeti. Gulantaa kana kan qaqqabne dadhabbii wagga 30 caaluni"
"Anas ta'uu mala, Birqees ta'uu mala, dubartii biraas ta'u fedhiinkoo Gulantaa dhiirri qofti bira gahe , 'Fiild Marshaalii' dubartiin taatee arguun hawwiikooti. Gaaftokko inuam ta'a jedheenimmoo amana" jedhan.












