Lakkoofsi dubartoota 'fedhiisaaniitiin dhala gochuu hin barbaanne' maaliif dabale?

Madda suuraa, Muthoni Gitau
Neeliiy Nawusulaa Sironkaa jireenyashee keessatti takkaahuu dhala godhachuu yaaddee hin beektu. Dubartiin ganna 28 kun gonkumaa dhala godhachuu akka hin dandeenye waldhaansa gargaarus fudhatteetti. Waldhaansichi nama yaada jijjiirratee mucaa barbaaduuf hiree badaa hin qabu.
Onkololessa darbe waldhaansa baqaqsanii yaaluu (sterilisation) ykn tubal ligation jedhamu raawwatteetti. Waldhaansi kun dubartiin tasa jireenyashee keessatti mucaa akka hin godhanne godha.
''Bilisummaatu natti dhagaahame'' jechuun ogeettiin organisational development BBCf kenniteetti.
Itti fufuunis hegereenkoo guutummaatt kan ishee qofa akka ta'u ishee gargaaruu himte.
Waldhaansi kun ujummoo faalopiyaan jedhamu duuchuu yeroo ta'u, "getting your tubes tied" jedhamees beekama.
Ujuummoo gadameessaa guduunfuu jechuudha.
Keeniyaa keessatti bara 2020-2023 dubartootni 16,000 ta'an waldhaansa kana argachuu Ministeerri Fayyaa biyyattii ni ibsa.
Dr Neeliiy Bosiiree gaayinakoolojistii magaalaa Naayiroobii keessa hojjetaniidha. Amma dura dubartootni waldhaansa kanaaf dhufan dubartoota ijoollee hedduu dahan turan amma garuu haalli kun jijjiiramaa dhufeera jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Amma dubartoota ijoollee xiqqoo qabantu waldhaansa kanaaf dhufaa jira'' jedhan.
Waldhaansi Sterilisation jedhamu erga kennamee booda gara duraatti deebisuun ulfaataa waan ta'eef dubartoota fuula duratti daa'ima akka hin feene murtee dhumaa fudhatan qofti akka argatan jajjabeeffama.
Dr. Bosireen ''hireen waldhaansa kana bakka duraatti deebisuu milkaahuuf carraan jiru hedduu xiqqaadha'' jedhu.
Siroonkaan falmituu mirga dubartootaati. Dhaabbata Keeniyaa miidhaa dubartootarra gahu hambisuuf hojjetu keessa hojjetti. Kitaaboliin dubbiste jireenya dubartootaa keessatti daa'imman jiraachuun dirqama akka hin taane itti agarsiisuu himti.
''Booda jireenyi akkasii dhugoomuu akka danda'un hubadhe'' jette.
Waldhaansa kana fudhachuuf waggootaaf itti yaadaa turteetti. Boodas waldhaansa kanaaf maallaqa ishee barbaachisu qusatte. Waldhaansicha booda boqonnaa qabachuufis hojii isheef ta'u hanga qabattu obsite.
Waldhaansichi hospitaala dhuunfaatti shilingii 30,000($230) gaafata.
Mirga ulfa baasuu biyyoota adda addaatti rakkoo ta'een walqabatee qaamashee yeroo dandeessutti to'achuuf jecha murtoo kana fudhachuu ibsiteetti.
Murteeshee kana maatiitti wayita himtu, eenyuttuu raajii hin taane. Sababni ammoo yeroo baayyee jireenya ijoolleerraa bilisa ta'e jiraachuu akka barbaaddu ibsiteetti.
Akkuma Siroonkaa Mutoonii Gitaawuu akkamiin murtee waldhaansa kana fudhachuurra akka geesse yoo dubbattu waayee ''daa'ima godhachuu yaadee hin beeku'' jetti.
Dizaayinara miidhagan keessoo manaa fi Poodkaastara kan taate dubartiin kun akkuma Siroonkaa murteesheef sababni ijoon jireenya ofiif qofa jiraachuudha.
Qoricha ulfa ittisuu fudhachuun dhiibbaawwan cinaa irraan gahu jibbitee wayita umriinshee ganna 23 ta'u waldhaansa kanaaf oggeessa bira deemtus ''ijoolleen kennaa waaqaati'' ogeessa jedhuun yaadnishee danqamuu dubbatti.
Ogeessii kun ''jaalallee ijoollee barbaadu yoo argatte maal goota?'' jedhee ishee gaafachuu yaadatti.
Yeros didamuusheettii gadditeetti. Hawwiinshee kun garuu waggaa 10 booda dhugoomeefira.
Adeemsa waldhaansa kana itti argattes ilaalchisee youtube gubbaa viidiyoo daqiiqaa 30 qooddeetti.
Hawaasa Keeniyaa keessa dubartiin daa'ima godhachuu hin fedhu jechuun baratamaa miti.
Gaayinakolojistii biraan Dr Kireki Omanwaa ogeeyyiin fayyaa fedha namoota waldhaananii seerawaa hanga ta'etti kabajuu ilaalchisee ogeeyyidhuma gidduu yaadni gamaa gamanaa jiraachuu dubbatu.
Gitaawuun amma dubartii ganna 34 qophaa jiraattudha. Murtee fudhattetti gammadde akka jiraattu viidiyoo gadhiisteen himteetti. Dubartootni gariin miidiyaa hawaasaarra jiran hawwiinshee dhugoomuutti isheef gammaduu yoo ibsaniif hamileenshee jabaateera.
Dubartootni dahumsaan qofa osoo hin taane karaa adda addaa hedduu addunyaaf gumaachuu jetti.
Dhaloota filannoo ofii jiraatu keessaa ta'uusheetti gammaduus himti.












