Dubartiin dogongoraan daa'ima maatii biraa garaatti baattee deessee himannaa bante

Haatii lammii Ameerikaa dogongoraan mucaa dhiiraa maatii gara biraa akka garaatti baattee deessu taasifamte kilinika IVF irratti himannaa bante.
Dubartiin Ameerikaa osoo hin beekin daa'ima dhiiraa dhiigaan kan ishee hin taane baattee deesse, erga mucaa deessee akka kenniituuf dirqamtee booda dogongora kanaan walqabatee kilinika IVF irratti himannaa seeraa banaa jirti.
Kiristinaa Muraay jiraattuu kutaa biyyaa Joorjiyaa yoo taatu, Caamsaa 2023 kilinika Coastal Fertility jedhamu keessatti yaala IVF ykn mala sanyiin cimdiiwwanii erga fudhatamee booda akka guddatuuf gadameessa haadhaa keessatti itti kaa'amuun ulfoofte.
Garuu miciree isheen baattee turte kan haadhaafi abbaa warraa biraa ta'uunsaa ifa kan ta'e ammoo erga Aadde Muraay mucaan dhiiraa isheen deessee kan sanyii isheefi hiriyaa dhiiraasheetiin adda ta'e dahuu hubatteen boodadha.
Dogoggorri kun jiraatus, Aadde Muraay mucaa deessee guddiisuuf kan barbaaddee yoo ta'u, warri dhugaa daa'ima kanaa mirga guddisuu hanga argataniitti ji'oota hedduudhaaf ishee bira ture.
Mureey ibsa kanaa abbookaatoo isheetiin kenniiteen, ''Ulfaa'uu, ulfaaf jaalala qabachuu, dahuu isaan booda ammoo mucaa dhalate waliin walitti dhufeenya addaa uummaachuun booda ammoo bobaashee keessaa fudhatamunsaa dhukkuba addaati. Kanaafuu gutummaa guutuutti dandamachu hin danda'u'' jette.

Madda suuraa, Getty Images
Mureey biftishee adii yoo taatu, Muddee 2023 irratti garuu mucaa gurraacha deessee. Suuraa mucaashee miidiyaa hawaasaa irratti kan hin qoodne yoo ta'u, maatiifi hiriyoonni ishee akka arganiifis hin hayyamne turte.
Dhummarratti meeshaa mana keessatti ittiin qaccee sanyii qorattuun bituudhaan bu'aan dhuma Amajjii 2024 argattee mucicha waliin hidhata sanyii omaa akka hin qabne akka agarsiisuu himannaa kilinikicha irratti dhiyeessite keessatti eerte.
Baatii itti aanuutti waa'ee dogongora umammee kilinikichatti kan beeksiifte yoo ta'u, mucichi wayita kan baatii sadii jiruutti maatii isaa dhugaatti waan himameef, isaanis battalumatti mirgi guddiisuu keenya nuuf haa mirkannaa'u jechuun himannaa dhiyeessan.
Mureey falmiitee injifachuu akka hin dandeenye erga abbookaatoota isheetiin itti himameen booda, fedhii isheetiin falmii mana murtii irraa bilisa of taasiftee jirti.
Mucaan dubartiin tun deessees ammatti bulchiinsa biraa keessa maatii gara biraa waliin jiraachuu egaleera.
Haata'u malee kilinikichi killee sanyii ishee kan ture dogongoraan namoota gara biraatii haa kennuu ykn maal akka mudate wanti barame hin jiru.
Michuun BBC Ameerikaa akka gabaaseetti, kilinikichis dogongora mudate amanuun dhiifama gaafateera.












