Aristootil seenaa keessatti nama hunda caalaa barbaadamaadhaa?

Abbaa loojikii fi naamusa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aristootil

Aristootil seenaa keessatti nama hunda caalaa dhiibbaa guddaa uumee darbee ? Hayyuun falaasamaa lammii Biriteen Joon Seelars akkas jedhee yaada.

Dhiibbaan hayyoonni falasamaa Giriikii durii uuman baay'ee bal'aa waan ta'eef, addunyaan keenya hammam yaada isaatiin akka qajeelfamtu salphaatti hubachuu dandeenya jechuun falma.

Siyaasarraa kaasee hanga saayinsii, ogbarruu, hanga loojikiitti dhiibbaan Aristootil bakka hundatti mul'ata.

Waa'ee lubbu-qabeeyyii galaanaa qoratee, bu'uura baayoloojiif ta'e. Sirnoota siyaasaa adda addaa qoratee, damee saayinsii siyaasaa beeksise, jalqabe.

Xiinxalli inni seenessa walaloo himuurratti laate ammallee sinimaa ammayyaa boce.

Akkasumas, loojikii keessatti, qajeeltoowwan sababni itti dhiyeeffamu, falaasamarraa kaasee hanga bara dijitaalaa hundaaf bu'uura ta'e.

Yunivarsiitii Landan Rooyal Hoolooweey keessatti pirofeesara kan ta'an Sellars yaadni inin dhiyeesse dubbii jabduu ta'uu ni beeka.

Garuu dhiibbaan Aristootil uume fi akkaataan itti yaadatamaa jiru wal hin simuu jedha.

"Akkaataa nuti yaadnu bifa bifaan ilaale," jedha.

Dubbii jabduu

Seelars barreeffama barruu Antigone'f barreesse keessatti,: "Aristootil hayyuu falaasamaa gudda yeroo hundaa yaadatamu qofa miti, inni nama hunda caala barbaachisaa du'aan darbe" jedhe. Dubbii jabaadha.

Kitaaba isaa keessatti Aristootil: 'hayyuu falaasamaa guddaa addunyaa keenyaa hubachuu' jechuun barreesse.

"Yeroon falaasama barachuu jalqabu Aristootil barbaachisaa ta'uun beeke, garuu sodaachisaa fakkaata ture," jechuun Seelars yaadatee dubbate.

"Yeroon waa'eesa dubbisuuf yaalu hunda battalumatti of dhaba" jedha.

Yeroo murtaa'e booda waa'ee Aristootil dubbisuun obsa akka barbaadu hubate.

"Akkaata waa'esaa itti dubbistu beekuu qabda" jedha.

Kitaabni isaa yaada Aristootilitti dubbistoota qajeelchuu fi dhiibbaa ittifufinsaa inni qabu akeeka.

 Aristootil

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, 'Pilaatoon hiriyaakooti, dhugaanimmoo hiriyaakoo hangafaati' jedhe Aristootil

Jireenya barumsaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Soqiraaxisiifi Pilaatoo waliin Aristootil namoota sadan falaasama Giriik durii keessatti qooda olaanaa qabanidha.

Aristootil Kaaba Giriik keessatti kan dhalate yoo ta'u, umrii isaa waggaa 18tti gara Ateensitti kan imale.

Sana booda Akkaadaamii Pilaatootti barate, waggoota 20'f barataa fi barsiisaa ture.

Aristootil Pilaatoof kabaja guddaa qabaatus, ilaalcha dhuunfasaa addatti qaba.

Gorsaan isaa erga du'ee booda, Odola Lesbos keessatti waa'ee uumama qorachuuf Ateens keessaa bahe.

Beekamtiin isaa guddachaa kan deeme yoo taʼu, boodarra ilma Filiphoos mootii Maqedoon, isa Aleksaandeer Guddicha taʼe barsiisuuf filatame.

Aleeksaandar Guddichi weerara yeroo jalqabu Aristootil gara Ateensitti deebi'ee mana barumsa dhuunfasaa Liiseem jedhamu hundeesse.

Umrii waggaa 62tti osoo hin du'iin dura gara xumuraatti barsiisuu, barreessuu fi qorachuurratti yeroosaa dabarse.

Hojiisaa keessaa muraasni qofti kan hafe taʼus, ammayyuu gara jechoota miliyoona tokkootti kan dhiyaatu ta'a.

Hojiin isaa kun hambaa beekumsa addaa hayyuu kanarraa dhaalame.

Hayyuu akkaata saayinsawaan yaadu

Aristootil

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kitaaba jaarraa 13ffaa Aristotelis De Animal irraa kan fudhatame

Aristootil hayyuu falaasama qofa osoo hin taane, saayintistoota gara jalqabaa keessa turan keessaa tokko ture.

Maaykirooskooppii fi qacceen otoo hin beekamiin yeroo dheeraa dura, addunyaa uumamaa sirnaan qoratee, bineensotaa fi biqiltoota ramadee barnootaa baayoloojiif bu'uura kaa'e.

Gudunfaan yaadota inni dhiyeessee muraasni dogoggora ta'uun isaa boodarra mirkanaa'e.

Garuu Seelars bu'aan dhugaa Aristootil argamsise tooftaa inni hordofu jedhee falmaaf.

Aristootil hubannoon kan qajeelfamuu qabu ragaa fi ilaalcharratti hundaa'eti jedha.

Qajeelfamni kun saayinsii jabanaaf dhimma ijoo ta'ee hafe.

Siyaasaa fi ogbarruu keessatti maaltu Aristootilirraa dhaalame?

Aristootil tooftaa wal fakkaatu siyaasa keessattis hojiirra oolche.

Hawaasa maaltu akka guddisu hubachuuf heera mootummaa magaalota Giriik-naannolee adda addaarraa walitti qabee waliin madalaa ture.

Malli kun yaada dhuunfarraatti kan hundaa'e osoo hin taane ragaarratti kan hundaa'e yoo ta'u, dhimma kanatu saayinsii hawaasaaf bu'uura ta'e.

Dhiibbaa Aristootil ogbarruu irratti qabus akkasuma guddaa ture.

Walaloo keessatti qooda jabaa qaba, diraamaa Giriikii xiinxaleera, seenessi jalqabaa, fi giddugaleessa fi xumura akka qabaatu caasesse.

Caaseffama kanatu fiilmii fi kitaabota har'a arginu boce.

Abbaa loojikii fi naamusaa

Hojii Aristootil loojikii irratti hojjete gumaacha isaa baraan hin moofofne keessaa tokko.

Aristootil qajeelfama bu'uuraa himni kamiyyu dhugaa yookaan soba ta'uu qaba jedhu fide. Kun 'Law of the Excluded Middle' jedhamee loojikii kessatti beekama.

Yaad-rimeen salphaan garuu humna guddaa qabu yoo ta'u, falmii falaasamaarraa kaasee hanga koodii kompiitaratti, waan hundaaf bu'uura ta'e.

Aristootil gaaffii jireenyaa keessaa isa guddaa tokko fure: 'Akkamitti jiraachuu qabna?' gaaffii jedhu.

Ilmi namaa kan milkaa'u yoo yaada madaalawaa qabaate, hariiroo hawaasummaa fi fedhii waa beekuuf qabate guddata jedhee falmeera.

Aristootil jireenya jiraachuuf of to'achuu, hawaasa waliin hirmaachuu fi beekumsa hordofuu qabna jedhee amana.

Dhiibbaa nuti yoomiyyuu uumuu hin dandeenye

Seelars akka amanutti, yaadni Aristootil yaada ammayyaa keessatti sirriitti waan maxxaneef hin hubannu jedhee amana.

"Yaad-rimeen isaa bakka hundatti argama, garuu nuti akka waan salphaatti ilaalla" jedha.

Kanaaf, Aristootil seenaa keessatti nama hunda caalaa barbaachisaa turee?

Seelars dubbii jabaduu kaase. Garuu dhumarratti, murteen kan dubbisootati jedhee yaadasaa goolabe.