Namoota kalaqaa shanan sababa argannoosaaniitiin lubbuu dhaban

Sheekkoo Giriik keessatti Didalus ilmasaa Ikarus jedhamu akkuma dhabe, namoonni kalaqasaanii lubbuu ofii dhaban jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sheekkoo Giriik keessatti Didalus ilmasaa Ikarus jedhamu akkuma dhabe, namoonni kalaqasaanii lubbuu ofii dhaban jiru

Namoonni kalaqaa hundi carraan ykn hireen kan toleef miti.

Gariin isaanii kalaqa isaaniitiin kan beekaman yoo ta'u, sirumayyuu maqaa namni hundi hojiisaanii waliin walqabsiisuun seenaa keessatti yaadatu jiru.

Koodii Saamu'eel Morsii hanga paascharazeshinii haayyuu Keemistirii Luyis Paastar, hanga Kaandido Jaakuzii fi kiyuubii Ernő Rubik, qawwee kilaashii AK-47 kan hojjate Mikaa'el Kilashnikoov hanga saaxifoonii Adoolf Saax kalaqe fa'aatti kanneen maqaan isaan hojiisaanitti hidhata qabu jiru.

Kalaqtoonni hojiisaanitti guyyaa guyyaan fayyadamnu garuu baayyee hin yaadamne jirullee jiru.

Namoota kana keessaa muraasni kan akka; Roobart Yeetis, Maargaareet Naayit, maashin boorsaa waraqaa hojjatu kana uume, Gaareet Awugustus gurraacha Ameerikaa ibsaa tiraafikaa kalaqe ni eeramu.

Kanneen duuti isaanii kalaqa isaanii wajjin hidhata guddaa qabanis jiru.

Isaan keessaa 5 kunooti.

Nama samii keessaa kufe du'e

Suuraan haluu gosa lama qofa qabu kun Roobert Kuukiing(1776-1837) paarashuutii lubbuu galaafate agarsiisa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraan haluu gosa lama qofa qabu kun Roobert Kuukiing(1776-1837) paarashuutii lubbuu galaafate agarsiisa

Akka simbirroo balali'uuf dhalli namaa durii qabee yaalii eegale.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lammiin Biriteen Roobart Kuuking hojii aartii isaatiin osoo hin taane, seenaa keessatti balaa afuuffee ykn parashuutii isa jalqabaatiin du'uu isaatiin yaadatama.

Bara 1785tti kalaqaan beekamaan lammii Faransaay Jiin-Pirii Bilanchard afuuffee ammayyaa yaabbate yeroo jalqabaaf balali'e.

Walakkaa jaarraa tokkoo booda Kuuking dizaayinii afuuffee kanaa fooyyessuu danda'a jedhee yaadee, hanga agarsiisaaf dhiyaatutti tokko hojjechuuf turtii waggootaan lakkaa'amu dabarse.

Adoolessa 24, bara 1834 afuuffee ykn paraashuutisaa yaabbatee gara samii Landanitti balali'e.

Giriinwiich yeroo bakka itti bu'u ga'u meetira1,500 ol baheera, Aduun lixaa turte: afuuffee sana gadhiisuu qaba ture.

Affuffee sana gadhiise, yeroo muraasaaf saffisaan imalaa turullee wanti hundi gaarii fakkaata ture.

Garuu akka tasaa uffanni paaraashuutii sun maramee, ciccituu jalqabe, achiis guutummaatti bakka namni akka irra taa'uuf hojjatamurraa adda ba'e.

Kuuking kufee, battaluma sana du'e. Tilmaama isaa keessatti ulfaatina paaraashuutii sanaa dagatee ture.

Gara waggaa 80 booda, lammiin Faransaay uffata hodhu tokkos haala wal fakkaatuun du'e.

Kufaatiin Firaanz Riichet akkasuma ajaa'iba ture.

Namni uffata hodhu kun, uffannaa balaliistonni xiyyaara keessaa baʼuuf yoo isaan barbaachisu afuufamu hojjachuu barbaade.

Jalqabarratti koochoon dachaafamuu kan inni dizaayinii isaa hojjate, innis abdii kan qabu ture.

Garuu baachun rakkisaa waan ta'eef dizaayinicha fooyyessee, Yeroo hojjatamee qophaa'utti yaaliif bakka olka'aa barbaade.

Meetira 57 ol kan dheeratu ta'e Taaworii 'Eiffel' jedhamu darbiin jalqabaa filatamaa ture.

Hayyama argachuun Guraandhala 4, 1912 ibsa kennuun namoota waame.

Guyyaa sana waan ajaa'ibaa tokko ibse: akka of ajjeesu akka jiru dubbate.

Kallattiin balali'uuf hayyama akka hin qabne poolisiin akeekkachiifame, hiriyyoonni isaas isa dhorkuuf yaalanillee, Tooworii sibiilatti ol bahee, uffannaa gartokkeen citeen utaale.

Paraashuutiin isaa waan hin banamneef Riichet daawwattoota hedduu fuulduratti kufee du'e.

Gama biraatiin Heenrii Wiinstaanliin dooniiwwan lama qarqara galaanaa kibba dhiha Ingilaanditti argamu Eddystone Reefs' irratti yeroo dooniin caccaban, naannoon sun jaarraa hedduuf bakka dooniin caccabuu fi lubbuu namoota hedduu ittii darbu ta'uu hubate.

Waan tokko gochuun qaba ture.

Dhagaarratti taaworii akeekkachisaaf oolu ijaaree namoota dooniin imalan achitti erguuf karoorfate, garuu aangaʼoota amansiisuu hin dandeenye.

Tawooriin akeekkachiisaa galaana guddaarratti ijaaramee hin beeku.

Hojiin ijaarsa toowirichaa bara 1696 kan jalqabe yoo ta'u, Wiinstaanliin garuu saamtota galanaarraa Faransaayiin butame.

Akkuma gadhiifameen hojiisaatti deebi'e, bara 1698 taaworii meetira 27 dheeratu irratti dungoo 60 qabsiise.

Yeroo bubbeen Taaworii sana raasu, dungoon sun akka mul'achuu hin dandeenye, Akkasuma yeroo dambaliin galaanaa jiru akka mallatoon taworii sanarra jiru hin mul'anne bare.

Irra deeb'ee dizaayinii tolche.

Dheerinasaa gara meetira 40tti ol guddisee hojjate.

Seenaa keessatti taaworiin akkasii kan jalqabaa ta'utti gammadee, Wiinstaanliin yeroo "obomboleettii guddaan jiru boqonnaan argadha jedhee yaadee ture.

Abjuun isaa garuu hin dhugoomne.

Bara 1703tti, obomboleettiin cimaan hanga ammaatti galmaaʼe Odolawwan Biriteen rukute.

Obonboleettiin isaa saʼaatii tokkotti kiiloomeetira 120 saffisu yoo taʼu, galaanaafi lafarratti namoota gara 15,000 ajjeese.

Wiinstaanliin toowriin isaa isaa qormaata kana dandamachuusaa isaa ilaaluuf hawwii guddaan eegaa ture, Sadaasa 27 bubbeen sun hir'atee carraa kana raawwachuu argate.

Taaworichi dhaabbatee arguutti ni gammadee, San booda hirooyasaatiin achuman ciisa, ganama deebi'aa jedhee jedhee itti hime.

Sana booda deebi'anii isa arguu hin dandeenye. Achii buuteen isaa kanumaan dhabame.

Halkan sana bubbee daran cimaatu bubbisaa ture, taaworichas bubbeen hamaan akka fudhate galmee seenatu ibsa.

Hojiin isaa garuu hin milkoofne.

Waggoota 5 taworichi kan ture yoo ta'u, naannoo sanatti dooniin caccabe tokkollee hin turre.

Kanaaf jedhamee siidaan isaaf hojjatame hanga har'aatti dhagaa Eddistoonirraa ni mul'ata.

Firaanz Riichet dizaayiinii paarashuutiisaa wayita agarsiisu suura mul'isu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Firaanz Riichet dizaayiinii paarashuutiisaa wayita agarsiisu suura mul'isu

Bakakkaa fi calaqqee

Bu'aa kalaqaa

Madda suuraa, Getty Images

Joorji Wiilhem Riichmaan bara 1870 akkaataa itti du'e fakkii agariisiisu, De Les Merveilles de la Science

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Joorji Wiilhem Riichmaan bara 1870 akkaataa itti du'e fakkii agariisiisu, De Les Merveilles de la Science

Bara 1740 keessa, keessumaa bara 1745tti akka tasaa qaruuraan chaarjii elektirkaa kuusu 'Leyden jar' jedhamu erga argamee booda, taateewwan elektirikii qalbii saayintistoota booji'eera.

Dhalataa Baaltik kan ta'e hayyuun fiiziskii Raashiyaa Joorji Wiilhem Riichmaan, namoota kana keessaa tokko ture.

Bara 1752tti, Beenjaamin Firaankiliin, calaqqeen taatee elektirikii akka taʼee fi yaaliin mirkaneessuu akka dandaʼu dubbate.

Riichmaan kana mirkanessuu barbaade, elektiroomeetira kalaqeen cimna anniisaa elektirikii atimoosfara keessaa jiru safaruu barbaade.

Mana isaatti bantii manaarra jiru shiboo biraan walqabsiisee, elektiroomeetira waliin walqabsiise yaalii gaggeessaa akka ture barreeffamni Mana Kitaabaa 'Linda Hall' jedhamuu argame tokko ibseera.

Riichman qorannoo elektirikiitiin walqabtuun nama balaan jalqaba irra qaqqabe ture. Kanumaan lubbusaa dhabe.

"Ogeessi elektirikii hundi akka Riichmaan kabajaan akka du'etti du'uu hin danda'u," jechuun saayintistiin Ingilizii Joozeef Piristiliy bara 1767tti barreesse.

BBC

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.