Shiihaab Suleeymaan: 'Fuuladuratti biyyi keenya biraandii konkolaataa mataashii akka qabaattufin hojjedha'

Madda suuraa, SHEHAB SULEYMAN
Dargaggoo Shiihaab Sileeymaan jedhan. Yunvarsiitii Finfinneetti barataa mummeen barnoota Saayinsii Kompitaraa waggaa lammaffaati.
Dhiheenya kaan hojii kalaqaa tokkoon hawaasatti asi bahe. Kalqni dargaggoon kun hjojatees konkolaataa abbaa gommaa afur qabdu fi tajaajila garaa garaatiif ooluu dandeessuudha.
Konkolaataan Shiihaab hojjate kun namoota saddeeti fe'uu kan dandeessu yoo ta'u, hojiisaa kana gara indastirii guddaatti ol guddisuuf karoora qabaachu BBC'tti himeera.
Osoo konkolaataa amma hojjatee kana bira hingahiinis hojiiwwan kalaqaa biraa hojjachuun beekkamtii ittiin argachus ni dubbata.
Imallii kalaqa Shihaab eessaa eegale?
Hojiin kalaqaa isaa jalqabaa istoovii ta'u kan dubbate Shiihaab, isaan booda ammo maashina daabboo, kalqa karra jecha (password)n cufuufi saaquu dandeessiisu, gaandaa sinii 'smart' hojjachuun MM duraanii Itoophiyaa Obbo Haayilamaariyaam Dasaalanyii fi MM ammaa Abiy Ahimad harkaa badhaasa argachu dubbateera.
Itti fufuunis gara roobootiksii galuun dhaabbata mataasaa hundeessee hanga Hindiitti imaluun dorgommii irratti hirmateera.
Ittaansee ammoo bilbila haaraa dizaayin gochuu fi qaamoolee dizaayiin godhee gara Chaayinaatti erguun, erga omishameen booda walitti tolchuun invastarootaaf dhiyeessuulleen qaamni kalaqa isaa kanarratti qabeenyaa baasuuf hayyamamaa ta'e akka hinargannee kaaseera.
Isaan booda ammoo konkolaataa kan hojjachu hima.
Konkoolaataa TITAN abdii irra kaa'ame
Shiihaaba konkolaataa kalaqee kanaafis maqaa TITAN jedhu itti moggaasu dubbata.
TITAN maqaa addeecha Saatarn. Pilaaneetoota jiran hunda keessaa ammoo Saatarniif jaalala addaa akka qabu hima Shiihaab. Kanaafu moggaasa kana achirraa fudhachu dubbata.
Sababii maqaa kana moggaaseef kan biraas yoo ibsuus, ''maqichi waamuuf kan salphatuu fi gaafa guddatee biyya alaatti ergamuu jalqabu beekamtii akka argatuuf yaadeetan,'' jedha yoo sababasaa himu.
Konkolaataa hojjechuuf kan yaade biyyi keenya biraandii konkolaataa mataashee qabaachuu qabdi kan jedhuraa ka'uun akka ta'es hima Shihaab.
"Jalqaba biyyi keenya biraandii konkolaataa maataashee qabaachuu qabdi kan jedhun yaade. Achii booda ammoo diizaayiniiwwan adda addaa hojjenne keessaa filachuu eegalle.
Wayita filannuuttis kamtu gabaatti yoo bahe barbaadama kan jedhuun isa kanatti murteesineen konkoolaataa kana hojjedhe," jedha.
Konkolaatichaaf meshaalee muraasni kan biyya alaatii galan ta'u kan himu dargaggoon kun, gara caalaan ammoo meeshaaleedhuma naannumatti argaman irraa akka hojjetes hima.
"TITAN kan irraa omishne meeshaaleedhuma naannoo keenyatti argaman irraayi. Almuuniyeemii, faayibarii maayikaa, sibiilaa fi kanneen biroo asumaa biyya keessaa itti fayyadamne. Kan alaa gale ammoo chaansii fi qaama konkolaatichaa qofaadha," jedha.
Konkolaataa tanas omishuun sadarkaa amma irra jirtuun gahuufbirrii kuma 600 akka itti baase kan dubbate Shaahaab, baasiin kunis qaamoolee adda addaatiin akkan hagugameef hima.
Diizaayiniin konkolaatichaas jidduu baajaajii fi konkolaataa kaaniitti kan argamudha kan jedhu Shihaab, magaala keessatti tajaajilawwan akka bashananaaf, cidhaaf akkasumas geejjibaaf itti fayyadamu ni dandaha jedha.
"TITAN diizaayinii isaa gaafa hojjennu rakkoo sadii furuudhaaf yaaduun. Inni tokkoffaan rakkoo geejjibaa amma magaaloota keessatti mul'atu furuu keessatti hanga tokko gumaachuuf. Lammaffaan sammoo ababa konkolaataan alaa galchuutiin sharafa alaa biyyattiin baaftu hambisuu keessatti gumaachuuf,'' jedha.
Kana malees rakkoon kalaqni isaa akka furu kiyyeeffatee sadaffaan ''konkolaataa nuti omishnu kana gatii xiqqaadhaan gabaadhaaf dhiheessaa achumaa carraa hojii lammiileef uumuun hojii dhabdummaa hir'isuuf yaadneeti," jedha.

Madda suuraa, Shiihaab Suleeymaan
Jalqaba eenyuutuu TITAN yaabbate?
Konkolaataansaa xumuramtee oofuuf wayita qophii taateetti yeroo jalqabaatiif kan akka ittiin deemu taasisee obboleessaa isaa ta'u dubbata Shiihaan.
Konkolaatittiin inshuraansii hinqabduu jechuun itti qosuun sodaachisuu yaalulleen, obbooleessi isaa garuu baayyeen siitti amana jechuun walumaan magaalaa keessa oofuunii akka haalaan hojjattuu yaalu isaanii BBC'tti hime.
Biyya kana keessatti kalaqawwan hedduun hojjetamanis qindaa'anii gara gabaatti bahu irratti hanqinni jiraachuu kan himu Shihaab, ka'umsi hanqina kanaa ammoo wayita kalaqa tokkoo hojjachuuf yaadamu dursanii haala qabatamaa gabaa biyya keessaa qorachuu dhabuu irraa kan maddu ta'u kaasaa.
Konkolaataa amma hojjate kanaan namoota irraa dinqisiifannaa fi dubdeebii gaarii akka argatee kan dubbatu dargaggoo Shihaab, hanqinoota kalaqa isaa kanarratti mul'atan fooyyeessuun gara gabaatti baasuuf hojjechaa jiraachuus hima.
Karoora isaa gara fuula duraa yoo himus, "Konkolaataa biraandii keenya jennu akka qabaannun barbaada. Ani dhimmoota teeknolojii fi kalaqaa shan irrattin hojjedha. Industirii guddaa dhaabnee ummanni biyya keenyaas kan alaas akka fayyadamun barbaada," jedha.
Dargaggoonni kennaa isaanii beekanii waan hojjechuu jaalatan hojjetanii gara biizinasiitti guddisanii guddina biyya isaaniif akka gumaachaniifis dhaama.

















