Diinagdee Itoophiyaa: Seerri daldalaa haaraa waggoota 62 booda fooyya'e maal qabateera?

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa Bitootessa 16, 2013 marii taa'en seera daldalaa waggoota 62 darbaniif biyyattii tajaajilaa ture haquun haaraan akka bakka bu'u sagalee guutuun murtesseera.
Seerri ammaa kan duraa irra jijjiiramoota baay'ee of keessaa qaba. Qophessuufis yeroo dheeraa kan fudhateefi ogeeyyiin hedduu irratti qooda kan fudhatanidha.
Labsii haaraa bahe raggaasisuu keessa qooda kan qaban gorsaan olaanaa seeraa Dr Taaddasaa Leencoo seerichi bahuun sochii diinagdee Itoophiyaa fooyyessuuf qooda olaanaa qaba jedhu.
Seericha baasuun maaliif akka barbaachise BBC'tti yoo himan, waggoota 62 darbaniif seerri tajaajilaa ture haala addunyaan amma keessa jirtu waliin hin deemu jedhan.
''Itoophiyaan bara 1952 fi Itoophiyaan bara 2013 gargari'' jechuun biyya keessas ta'e sadarkaa addunyaatti haalli diinagdee, invastimantii, siyaasaafi kaan jijjiiramuu eeru.
Sababa kanaaf, Itoophiyaan tarree biyyoota daldalaaf mijatan keessaa sadarkaa gadaanaa irratti akka argamtu taasiseera jechuun ibsu. Kunimmoo biyyattii gama hedduun miidheera.
''Invastaroonni biyyi kuni hangam daldalaaf mijataadha? Waan jedhu waan ilaalanif invastimantiin gara Itoophiyaa dhufu xiqqaata jechaadha. Kaappitaala addunyaarra jirullee hamma ofitti harkistu xiqqesseera,'' jechuun ibsu.
Kanaanis, kalaqa hojii, daldala alaa akkasumas guddina diinagdee biyyattirratti gufuu ta'u himu.
Seera A.L.I bara 1952 bahee ture waggaa 30 dura eegale jijjiiruuf carraaqqiin taasifamaa akka ture ibsameera.
Labsiin haaraa keeyyatawwan 825 qabu fooyya'iinsa garaa garaa kan qabatedha. Kanneen keessaa muraasa haa ilaallu.
Namni tokko qofaatti kaampaanii hundeessuu akka danda'u hayyameera
Akka seera duraanitti taanaan garuu dhaabbata dhuunfaa Itti-gaafatamummaan isaa murtaa'e [PLC] hundessuuf yoo xiqqaate namoonni lama barbaachisu.
''Fakkeenyaaf dhaabbileen biyya alaa Itoophiyaa keessa invastimantiirratti yoo bobba'an, nama biraa tokko fiduu qabu ture. Kuni baasii baay'ee isaan baasisa. Shakkii guddaas uuma,'' jedhu Dr Taaddasaan.
Kana caalaa immoo nama waliin hundeessee waliigaltee dhabee yookiin du'aan [dhabame] jijjiiruuf adeemsi keessa darbamu ''rakkisaadha'' jechuun ulfaataa ta'u isaa ibsu.
Kunis, fuuldura dhaabbatichaa gaaffii keessa kan galchuufi baasiiwwan hin barbaachisneef kan saaxiludha jechuunis dubbatu.
Akka Dr Taaddasaan jedhanitti dhaabbileen hedduu biyya keessa jiran osoo kan nama tokko ta'anii jiranii 'dhaabbata Itti/gaafatamummaan isaanii murtaa'e' jedhamanii namni dabalataa biraa abbumaan abbaa qabeenyaa waliin galmaa'a.
Seerri daldalaa haaraa bahe garuu dirqama kana hambisuun, namni tokko qofaa isaa/ishee kubbaaniyyaa akka banu eeyyameera. Kunis, namoonni salphaatti hojiitti akka seenaniifi abbummaa ilaalchisee akka hin yaaddofne isaan gargaara jedhu.
Hiikni daldalaa jijjiiramuu

Madda suuraa, Getty Images
Seera shaarame irratti gosoonni daldalaa tarreeffaman 21 qofaadha. Kanaan ala kanneen jiran daldala miti jedhamanii akka tilmaamamani himu.
Amma garuu seera haaraan gosoonni daldalaa 38'tti ol guddataniiru.
''Isa qofa osoo hin taane seera haaraan hiikni daldalaa banaadha. Yoo ifatti dhorkameen ala namni kamuu hojii hojjetu daldaladha, bu'aa buusa jedhee akka ogummaatti qabate galmeessisee itti fufuu danda'a'' jechuun ibsu.
Kuni ta'u isaan gosoonni daldalaa haaraa ta'aniifi hojiiwwan kalaqaa akka jajjabeessu yaada qaban ibsu.
Waldaan shariikaa ogummaa I/G/M eeyyamamuu
Faallaa seera duraaniin seerri amma ragga'e namoonni dhuunfaa ogummaa isaaniin gurmaa'anii akka hojjetaniif eeyyamameeraaf.
Kunis, waldaaleen shariikaa ogummaa naamusa hojiichi barbaadu qabaatani akka babal'atan gagaara jedhu ogeessi seericha wixineessuu keessa qooda qaban Dr Taaddasaa Leencoon.
Seerri akkanaa biyyoota addunyaa birootti eeyyamamaadha. Itoophiyaa keessa garuu ifatti waan hin eeyyamneef damee kana quucarse jedhu ogeessi kuni.
Gama kaaniin seerri duraa miseensonni boordii daarektarootaa waldaalee aksiyoonaa hunduu kanneen aksiyoona keessa qooda qaban akka ta'an dirqama kaa'a ture.
Haa ta'u malee, seera haaraan kuni jijjiirameera. Namoonni aksiyoona keessa qooda osoo hin qabaatin ogummaa isaaniin baay'ina miseensota boordii keessaa 1/3ffaa miseensummaan qabachuu akka danda'an ni eeyyama.
Xumura irrattis faallaa seera duraan tureen seerri ammaa karaa itti namoonni daldala keessa kasaaran bilisa itti ta'an akka haala mijessellee Dr Taaddasaan himu.
Seerri haaraan bahe seerota kana dura mijataa miti jedhaman waan fooyyesseef ''sochii biyya keessa jiru haala olaanaa ta'en ni dabala'' jedhaniiru.
Ogeessi seeraa Dr Taaddasaan dameewwan baankii, inshuraansiifi geejjibaa seera haaraa keessa kan hin hammatamne adeemsa duraan kan itti fufan yoo ta'u, fuula duratti of danda'ani akka bahan akka hojjetamaa jiru ibsaniiru.
Seerri haaraa kuni gaazexaa Nagaarit irratti bahee ji'a tokko keessatti hojiitti seenuun seera duraa bakka bu'a jedhamee eegama.















