Gumee harkaa gammachuu dhabuu kee hoogganaatti himu

Namoonni faaya kana fayyadaman gammachuu ibsuuf halluu keelloo, gaddaaf ammoo cuquliisa cuqaasu

Madda suuraa, Moodbeam

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni faaya kana fayyadaman gammachuu ibsuuf halluu keelloo, gaddaaf ammoo cuquliisa cuqaasu

Gumeen harkatti kaawwatamu, Moodbeam, jedhamu kun jalqabarratti wayita shaakala qaamaa hojjetan dhahannaa onnee akka madaaluuf ture.

Kan ammaa kun garuu nageenya qaamaa keenya bikkuuf(safaruuf) miti, miira keenya hubachuuf malee.

Hoogganaan yookiin namni hojiif nama qacare tokko miira hojjetaasaa ittiin baruuf kan gargaaruudha.

Meeshaan kun mobaayilii fi marsariitiiwwan irratti karaa sarvarii walquunnamsiifamuun hojjeta.

Meeshaan kun qabduu lama kan halluu keelloo fi cuquliisa qabu ofirraa qaba.

Yoo halluu keelloo tuqan gammachuu, yoo halluu cuquliisa tuqan ammoo gadda agarsiisuu danda'a.

Kubbaaniyyaawwan miira hojjettootasaanii manaa hojjetanii kunuunsuu barbaadaniif yaadamee kan hojjetame meeshaan kun, hojjettoonni yoo fedhasaanii ta'e harkarratti kaawwachuun haala hojii waan itti dhagahame gabaasuu danda'u.

Hooggantoonnis karaa interneetii erga to'atanii booda miirri hojjettootaa torbee sana keessatti akkama akka ture xiinxalu jechuudha.

Kanaafuu bakka hoogganaan hojjettoota waliin walargee miiraa fi yaadasaanii hubachuu hin dandeenyetti meeshaan Moodbeam jedhamu kun bakka bu'ee hojjeta jechuudha.

''Hojiiwwan hedduu keessatti yeroo ammaa hojjettoonni manasaanii taa'anii hojjechuun baratameera. Meeshaa kana fayyadamuun hoogganaan tokko hanga namoota 500'tti dubbachuu danda'a. Akkam jirtu? jedhee gaafachuu danda'a, osoo bilbila hin bilbilin'' jedhan hundeessitoota Moodbeam keessaa tokko kan ta'an Christina Colmer McHugh.

Christina Colmer McHugh

Madda suuraa, Christina Colmer McHugh

Ibsa waa'ee suuraa, Christina Colmer McHugh intalashee mana barumsaatti hordofuuf yaada meeshaa kana hojjechuu dhiyeessite

Intala ishee mana barumsaa jirtu hordofuu fi miirashee hubachuuf yaada teeknooloojii kana kan fidde Christina Colmer McHugh bara 2016 meeshaan akka faaya harkaatti diratamuun miira to'atamu akka hojii eegalu gumaachiteetti.

UK bakka Hull jedhamutti kan argamu kubbaaniyyaan Christina Colmer McHugh, yeroo ammaa jaarmiyaalee fi manneen hojii hedduudhaan barbaadama.

Akka ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti sababa mukaa'uu fi gammachuu dhabuutiin addunyaan waggaatti doolaara tiriiliyoona 1 dhabdeetti.

Kunimmoo fayyaa sammuu bakka hojiitiin walqabata.

Sababa weerara koronaavaayirasiitiin manaa hojjechuu eegaluun ammoo rakkocha daranuu hammeesse.

Kanaafuu tibba weeraraa hojjettoonni hedduun kunuunsa sammuu akkaan barbaadu.

Nama manasaatii hojjetaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nama manasaatii hojjetaa jiru

Wayita weerarri koronaavaayirasii hir'achaa deemutti kubbaaniyyaawwan hedduun hojjettootasaanii biirootti deebisaa jiru.

Wayita kana jaarmiyaaleen teeknooloojii hedduun akkaataa fayyaa sammuu fi miira hojjettootaa eeguun danda'amurratti kalaqa haaraa as ba'aa jiru.

Fakkeenyaaf magaalaa San Firaansiskoo keessatti appiin 'Modern Health' jedhamu, akkaataa hoogganaan yookiin qaamni nama qacaru hojjetaasaa quunnamee tajaajila fayyaa sammuu fi kunuunsa miiraa taasisuuf haala kan mijeessuudha.

Kanaaf ammoo jalqaba hojjettoonni gaaffilee muraasa waa'ee fayyummaa sammuusaanii irratti dhiyaataniif karaa onlaayinii deebisu, isa booda dhuunfaadhaan dhiyaatanii wal'aanamu jechuudha.

Achiin booda yookiin karaa viidiyoo ogeessa waliin yookiin ammoo karaa dijiitaalaa tajaajila wal'aansaa kallattiin argachuu danda'u.

"Kun hojjettootaaf haala mijataa uumuuf yaadameetu kalaqame'' jedhan Hogganaa Olaanaan Modern Health Alyson Friedensohn.

Kubaaniyyaawwan 190 ta'an teeknooloojii kanatti dhimma ba'uu eegalaniiru kan jedhan qondaalli kun, ''Namoonni manasaaniitii wayita hojjetan rakkoo hedduutu isaan mudata. Hooggantoonni qaamaan arganii haalasaan irra jiran hin hubatan.'' jedhan.

Appiin Modern Health hojjettoota qaama wal'aansa kennu waliin walquunnamsiisa

Madda suuraa, Modern Health

Ibsa waa'ee suuraa, Appiin Modern Health hojjettoota qaama wal'aansa kennu waliin walquunnamsiisa