'Qubakoo waanan itti qaana'uuf yeroo hundaa nan dhoksa'

Madda suuraa, Getty Images
Shamarree Giiftii Asaffaa* magaalaa Finfinnee keessatti barsiifti. Amala waggaa kudha shan dura eegalteefi ammallee ishee hin dhiifne tokko qabdi.
Jalqaba naannawa qeensa ishee, ishee nyaata ture. Ergasii qeensa isheerratti waan hin baramne agarte. Sanarraa kan ka’e quba abuudduu harka ishee tokkoorratti bahe kana dhoksiti.
‘‘Inni irra keessa jiru yoo kaaste inuma ka’a. Inni quba jala jiru garuu akka daaku bittinnaa’a. Kanaaf, isa irra keessaas, isa jalaas nan kaasa. Sababni isaa na hin gammachiisu,’’ jechuun BBC’tti himte.
‘’Yeroo hundaayyuu akka namni hin agarreef nan dhoksa. Maali kuni gaafa siin jedhan nama qaanessa.
‘’Gaarummaan isaa kiyya quba tokko qofa waan ta’eef quba abbudduu dhoksuuf aboottadheen taa’a,’’ jechuun himti.
Namoonni waan quba ittin bareechatan qalama qeensaa akka dibduufi akka fayyisu ishee gorsanii turan. Garuu furmaata hin fidneef.
Dubreen kun namoota biraa rakkoo walfakkaataa qabaniis beekti. Barattuu Yunivarsiitii Hawaasaa yeroo turtetti dubartii qubni harkaafi miilaa ishee hunduu gugurraacha’e tokko turte.
Akka isheen dubbattutti, hiriyyaan ishee quba isheetti waan itti qaanoftuuf silippariillee kaalsii malee hin ka’attu. Alattimmoo kophee miila dhoksu malee hin godhattu.
‘’Qubni tokkoon isaa fokkisun isaayyuu namatti cima. Osoo namni qubakoo arguu baatee natti tola.’’
Rakkoo akkanaa dubartoonnis ta’e dhiironni qaban ni jiru.
Rakkoon kuni garuu maali? Maalirraa dhufa? Furmaata qabaa?
Ogeessa affeerreerra. Dr Bashaanaa Mirreessaa, Hospitaala Rifaraalaa Yunivarsiitii Wallaggaatti ogeessa gogaa (dermatologist) fi dhukkuboota saalqunnamtiin darbaniiti.
Gaaffiifi deebii ogeessa kana waliin taasisne akka asiin gadiitti dhiheessina.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBC: Qeensi maaliif gurraacha’a? Maalirraa dhufa?
Dr Bashaanaa: Wanti qeensa keenyarra bahu hundi dhibee fangasiin dhufa jedhamuus baatu, wantoota qeensa keenya huban keessaa inni ijoo fangasiidha. Wantoonni kanaaf nama saaxilan hedduudha.
Irra jireessaan namoonni fangasii qeensa miilaa gidduu jiru (tinea pedis fungus) qabaatan osoo hin wal’aaniin yoo turan, kutaa qaama dhiqannaa tokkotti yeroo fayyadaman (communal shower) nama tokkorraa kaanitti darba.
Infekshiniin fangasii suni qeensa miilaa gidduu ni qabata, adeemsaan immoo gara quuba miilaafi harkaatti dhufa.
Yeroo tokko tokkommoo namoota yeroo dheeraaf irra-deddeebiin uffata, qodaa mana keessaa miicaniifi sa’aatii dheeraaf bishaan waliin tuttuqqii qaban qeensa isaaniirratti mul’ata.
BBC: Nama tokkorraa kaanitti ni darbaa?
Dr Bashaanaa: Dhibeen fangasiidhaan dhufu ni daddarba. Fangasiin qofti nama tokkorra jiraateef fangasii qeensaa fida jechuu miti. Fangasiin qeensa miilaafi harkaarra bahu onychomycosis [onikomaayikosiis] jedhama. Fangasii ta’uu isaa baruuf qorannootu taasifama.
BBC: Namoonni ijoollummaatti kophee osoo hin godhatiin qonna hojjechaa guddatan ykn namoonni kophee laastikii (kongoo) godhatan addatti rakkoo kanaaf saaxilamuu danda’uu?
Dr Bashaanaa: Fangasiin qeensaa gosa qaba. Inni amma ati kaaste secondary onychomycosis jedhama. Qeensi keenya waraanamee yookiin rakkoon isa mudatee fangasiin haalli mijataa uumameefi infekshinii fangasii uumuu danda’a.

Madda suuraa, Getty Images
Gosa kophee isaa osoo hin taane yeroo dheeraadhaaf bulluqii jiidhinsa qabaatee miilli keenya kan keessa turu yoo ta’e fangasii sanaaf haala mijataa uuma. Yeroo sana akkuma fangasii quba gidduudhaa qabaannu fangasii qeensaa qabaachuu dandeenya.
BBC: Mee qeensi maaliif barbaachise? Qeensi maal nuuf godha?
Dr Bashaanaa: Faayidaa garagaraa qaba. Inni ijoo qeensi keenya fiixee quba miilaafi harka keenyaa balaarraa eeguudha. Miidhaginni keenya kan itti mul’atu [cosmotic effect] keessaa tokko qeensa keenya. Gahee tempireechara qaamaa to’achuu (thermoregulation) keessas qooda qaba.
BBC: Namoonni qeensa isaanii dhufanii hospitaalatti yaalaman jiruu?
Dr Bashaanaa: Namoonni baay’inaan ni dhufu. Faca’iinsa dhukkuba kanaa yeroo ilaallu ummata waliigalaa keessaa dhibbantaa kudhanii hanga kudha afur [sadarkaa addunyaa] kan ta’u fangasii qeensaa ni qabaata jedhama.
Namoonni miidhagiinni qeensaa isaanii isaan yaachise dhufan jiru. Namoonni umriin isaanii ture yookiin gargaarsa dhaban fangasiin qeensa isaanii balleessee bifa gaanfa (qeensa) fakkaatu irratti guddatee yaalaaf kan dhufan jiru.
BBC: Dubartoonni qeensi isaanii gaafa akkas ta’u xifir qalamii (bareechituu qeensaa) ni dibatu. Wanti kuni rakkoo kana balleessuu yookiin rakkoo kanaaf madda ta’u danda’aa?
Dr Bashaanaa: Rakkoo sana balleessuu hin danda’u, rakkoo sanaafis madda ta’u hin danda’u. Dubartoonni isuma mul’atu sana dhoksuuf jedhaniiti qalamii fayyadamu. Yeroo yaalaaf dhufan osoo qalamiis hin dibatiin, qorichas osoo hin fudhatiin osoo dhufanii mijata.
BBC: Fangasiin kuni qeensa balleessuu isaatiin ala achirra darbee miidhaa biraa qaama keenyarra ni geessisaa?
Dr Bashaanaa: Eeyyee. Faayidaan qeensa keenyaa dhibee nurraa ittisuu waan ta’ef, gaafa qeensi dhibee qabaatu dhibee biraaf nu saaxila jechuudha.
Fakkeenyaaf infeekshinii baakteriyaa naannoo qeensa keenya jiraniif nu saaxila. Sanarra darbee buusaafi lafee qeensa keenya jala jiru dhibee biraaf saaxiluu danda’a. Garuu wantoonni akkanaa darbanii darbanii (rare incident) mudatu.
BBC: Itoophiyaa keessatti facaatii dhibee kanaarratti qorannoon taasifame jiraa? Bakki dhibeen kuni itti jabaatu jiraa?
Dr Bashaanaa: Fangasiin qeensaa dhibee fangasii kaanirraa dhufurraa wanti adda taasisu sadarkaa jireenya namootaa hin filatu. Hawaasa barateefi qabeenya guddaa qabu jedhaman irrattis ni mudata.
Kuni amala fangasiin kuni yeroo dheeraadhaaf dhokatee qeensa keenya keessa turuu isaatiin walqabata. Itoophiyaa keessa qorannoon hawaasa akkanaa addatti huba kan jedhu hin jiru.
BBC: Fangasii kanarraa bilisa ta’uf dubartoonni kophee miila isaanii dhoksumoo isa banaa ta’e yoo godhatan gorfama?
Dr Bashaanaa: Isa banaa ta’e osoo ta’e filatama. Haa ta’u malee, osoo fangasii qeensaa hin qabaatiin dura fangasii quba miillaa gidduu (tinea pedis) jedhamutu irra deddeebiin dubartootas ta’e dhiironni yeroo kophee miila isaanii haguugu godhatan uumama.
Sana yeroon wal’aanamuu barbaachisa. Qeensi isaanii gidduu addaatee amala ququnca’uu, foolii kana dura hin turre yoo argan sana adda baasanii wal’aanamuu barbaachisa. Yeroo mana taa’an kophee isa banaa yoo godhatan irraa rakkoo sana ittisuu danda’a.
Eenyutu gara caaluu saaxilama?

Madda suuraa, Getty Images
Fangasiin qeensaa bifa qeensaa balleessu, qeensa furdisuu yookiin akka hin jabaanne gochuu danda’u. Qeensis foonirraa akka adda citu taasisu.
Akka Giddugalli To’annoo Dhibee Ameerikaa (CDC) ibsutti, namoonni qubi gidduu fangasiin hubame (tinea pedis) infekshinii gogaa miilarra ni qabu.
Akka CDC’n ibsutti, qeensi baqaquu yookiin gogaan keenya naannoo qeensaa jiru jarmiin kuni qeensa akka seenuufi infekshinii akka uumu ni godhu.
Dhibee kanaaf namuu saxilamuu danda’a. Dr Bashaanaan akka waliigalaatti namoonni ‘’umriin isaanii dabale, dhibee sukkaaraa qaban, namoota kolestiroolii qaban dhibee fangasiif warra saaxilamanidha,’’ jedhu.
Namoota qeensi isaani miidhame, kanneen madiinummaa gad-aanaa qaban, fangasii gogaa miidhe, kanneen naannoo miila isaanii marsaan dhiigaa xiqqaa ta’e qaban, fi kaanis dhibee kanaaf saaxilamu.
Gara caalu dhibee kanaan atileetotatu miidhama. Sababa isaa Br Bashaanaan yoo ibsan ‘’yeroo baay’ee kophee qeensa isaanii haguugu godhatanii oolu waan ta’ef’’ akka ta’e himu.
Of eeggannoo gorfamu
Akka Giddugala Ittisa Dhibee US, CDC’n ibsetti of eegggannoon kunneen barbaachisu:
- Harkaafi miila qulqullinaan eeggachuu, qoorsuu
- Quba harkaafi miilaa qoruufi qulqullinaan eeguu
- Bakka ummanni bal’inaan qaama dhiqatutti miila qullaa adeemuu dhiisuu
- Qortuu qeensaa ykn qarabaa walii qooddachuu dhiisuu
- Mana tajaajila qeensa kennu (nail salon) qulqullina qabu filachuu
Wal'aansa taasifamu
‘’Fangasiin qeensaa akkuma fangasii kaanii dhibee wal’aanamu danda’udha,’’ jedhu Dr Bashaanaan.
Haa ta’u malee, namoonni baay’ee ‘’akka rakkoo jabaatti osoo hin fudhatiin hafanii ykn wal’aanamuu danda’a isa jedhu hubannoo gahaa dhabuudhaan yeroo dheeraaf callisanii faana’’ jiraatu jedhu.
Erga mana yaalaa deemanii booda jalqaba fangasichi qoratamuu qaba. Eega ogeeyyii fayyaatiin adda bahee booda qorichi liqimsamu ni kennama.

Madda suuraa, Getty Images
‘’Qorichichi fudhatamu suni yoo qeensa harkaa ta’e hanga ji’a sadii, isaa olis kennamuu danda’a. Yoo qeensa miilaa ta’e ji’a afurii hanga ji’a jahaa kennamuu danda’a.
‘’Qeensi keenya haaraa guddatee bakka bu’uuf ji’a sagalii hanga waggaa tokko fudhata.’’
Jijjiiramni yookiin qeensi hubame dafee haa fayyuuf yeroo fudhata jechuun akka namoonni ‘’obsan’’ gaafatu.
Qoricha liqimsamuun ala qorichi dibataallee jira. Haa ta’u malee, ‘’Yeroo baay’ee isa dibatamu kanaatin [dhukkubichi] jijjiirama hin agarsiisu.
‘’Sababni isaa bakki fangasiin suni miidhu bakka qeensi keenya guddatudha. Darbee darbee garuu qorichoonni dibaman gargaaran ni jiru,’’ jechuun dubbatu.
‘’Yeroo tokko tokkommoo qoricha antifungal [farra fangasii] kennamuun jijjiirama agarsiisuu dhiisuu danda’a. Gaafa akkas ta’u filannoon biraa jira. Kemikaalonni wanta sana kaasuuf gargaaran ni jiru.’’
Giddugalii To’annoo Dhibee US (CDC) wal’aansi dursee yoo eegale, sirnaan fayyuu akka danda’u ibsa.
Eeguma wal’aansi taasifamellee deebi’uu danda’a jedha. Keessumaa dhibeen kuni dhukkubsattoota sukkaaraa dhibee kanaan caalaatti hubamanittu deebi’uu danda’a.












