Miilli jallatee dhalatu akka wal’aansaan sirratu beektuu?

Madda suuraa, Hope Walks-Ethiopia
Yeroon ulfaa Heelan [maqaan jijjiirame] kan duriirraa adda hin turre. Hordoffii yaalaa taasisaa turte.
Hospitaalattis ilma dhiiraa deesse. Maqaa ilma ishee gabaasa kanaaf jecha Boruu jennee moggaafneerra.
'‘Hospitaalattin dahe. Eenyuyyuu homaa naan hin jenne,‘‘ jechuun dubbatti.
Mana gaafa geesse maatiifi ollaan ililchanii simatani.
Ilmashee Boruu kan sirriittii ilaalte qaama isaa yeroo dhiquuf jettu ture.
'‘Miila isaa ilaale. Isa dura waan akkanaa tasa argee hin beekun ture,’’ jetti. Bitaas ishee gale.
'‘Baay’een rifadhe. Irra deddeebi’ee miila isaa diriirsuuf yaale,’’ garuu dide jetti.
Miilli jallatee dhalachuun Afaan Ingiliziin ‘cleft foot’ jedhama. Rakkoo lafee, ribuufi kaaniin walqabata. Rakkoon kuni kan mul’atu yeroo da’umsaati.
'‘Uumamaan kan dhufu yoo ta‘u miila gara keessaattiifi gaditti kan jallisuufi naannessudha,’’ jedhu Obbo Indashaaw Abarraa.
Fiziyooteraappistii yoo ta’an Hoop Waaks Intarnaashinaalitti Daarektara Itoophiyaati.
Sababni dhibeen kuni daa’imman reefu dhalatanirra mudatuuf hin beekamu.
'‘Namoonni tokko tokko ulfa waliin walqabsiisu. Kaanimmoo haati yeroo ulfaa kuftee ta’a jedhu. Nyaata yookiin qoricha liqimsuu fudhachuu dhabu waliin kan walqabsiisaniis jiru,’’ jechuun ibsu.
Garuu, '‘kuni dogongoradha. Sababni isaa hin beekamu,’‘ jechuun himu.
Sanyiin akka hin jedhamne dhalarraa dhalatti hin darbu. Lafa jireenyaa akka hin jenne namoonni baay’een kana hinqaban.
Sababni isaa uumamaan akka mudatu ibsu. Miilli tokko qofa jallachuu danda’a. Gara caalu garuu miila lamaanuurratti mudata.
Boruun miila isaa bitaatu jallate. ‚‘‘Akkuma keenyaa miilli isaa nagaadha. Inni tokko garuu sirrii miti,‘‘ jetti haati isaa Heelan.
Miilli gaafa jallate, mucaan gaafa guddataa deeme hanga tarkaanfachuu dhorkuu danda’a.

Madda suuraa, Hope Walks-Ethiopia
Tokko tokko osoo daa‘imanii adeemuuf dirqamu. Sochii ni dhorka. Boodarra rakkoo hin furamne waliin akka jiraatan dirquu danda’a.
Rakkoowwan hawaasummaa, xiinsammuufi diinagdeefis nama saaxila.
'‘Daa’imman miilli isaanii sirnaan guddaterraa addadha. Tarkaanfachuus ta’e fiiguun itti ulfaata,’’ jedhu Obbo Indashaaw.
Ofirraa ittisuun danda’amaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rakkoon kuni erga uumamaan mudata ta’e of eeggannoo godhanii ofirraa ittisuun hin danda’amu.
Haa ta’u malee, rakkoon kuni yeroo ulfaa beekamuu danda’a. Keessumaa ‘waggaa ruubii lammataa yeroo hordoffii ulfaatti altiraasawundiidhaan miilli mucaa’ ni mul’ata.
Yeroo kanatti rakkinicha adda baasuun maatiin qophii ta’anii akka eegani taasifama.
Xiinsammuun akka qophaa’an malee wal’aansi kennamu hinjiru. Itoophiyaatti garuu sadarkaa kanarra akka hin gahamne Obbo Indashaaw ibsu.
Miilli akka hin jallanne ittisuun hin danda’amu. Garuu, da’umsa booda wal’aansa kennamuun furmaata kennuun akka danda’amu ibsu.
Wal’aansi kuni guutummaa guututti rakkinicha kan furudha.
Haati mucaa Heelan dhimmicha ogeessa fayyaa beektutti waan agarte atattamaan beeksifte.
'‘Waan baay’ee salphaa ta’edha. Kan fayyu danda’udha. Hin rifatiin naan jedhe,‘‘ jechuun himti.
Mana yaalaa gaafa geessu wanta agarte hin amanne. ‘‘Rakkina mucaakoo qofa qunname natti fakkaata ture,‘‘ jetti.
'‘Daa’imman mucaakoo caalaa hubaman achitti arge. Namoota ana caalaa gaddan arge. Inumaa isaaniif gadde ani ofan jajjabeesse.’’
'‘Daa’imman miila isaanii lamarra miidhaa qaban baay’ee turan,’’ jetti.
Wal’aansa miila jallateef taasifamu
Wal’aansi eegalame. Mucaan ishee akka fayyu Heelanitti himame. Daa’imman rakkina walfakkaataarraa fayyan arguun abdii itti hore.
'‘Malli wal’aansaa Ponseeti jedhamu jira. Mala wal’aansa conservative jedhamudha.
‘’Wal’aansichi baqaqsanii yaaluu malee kan kennamudha. Baasiin isaas hundumaaf kan hin rakkisnedha,’’ jedhu Obbo Indashaaw.
Wal’aansichi gargaarsa jeessoofi kopheetiin sadarkaa lamaan miila jallate sirreessuuf wal’aansa kennamudha.
Jalqaba jeessoodhaan kennama.
Miila jallate jeessoodhaan ol qabanii akka sirratu godhu. Itti aanees ribuu sirreessu.

Madda suuraa, Hope Walks-Ethiopia
Wal’aansi kuni torban 5 hanga 8’f kennama. Jeessoon torban torbaniin jijjiirama.
Xumurarrattis wal’aansi kennamee xumurama. Deeggarsi qaamaa yookiin wal’aansi kophee itti aana.
Wal’aansi kophee miila jeessoon sirrate ‘eegsisuuf kennamudha.’
Wal’aansi jeessoo qofaan kenname amansiisaa miti. ‘’Carraan rakkinichi deebi’e mudatu bal’aadha,’’ jedhu Obbo Indashaaw.
Sababa kanaaf, kopheen tolfame miila fayya cimsuuf kennama. Boruunis wal’aansa kana xumureera.
Boruun '‘daa’imaa turee teessumatti hirkatee tarkaanfachuu eegale’’ jetti Heelan.
Wal’aansi dafee eegaluu qaba. Guyyoota 15 jalqabaa keessa akka eegalu ni gorfama. Dafee akka fayyu dafee wal’aansi taasifamuu qaba.
Hanguma guyyaan dheerataa deemu milkaa’inni wal’aansa kanaa xiqqaataa deema.
Akka qorannoowwan mul’isanitti, bakkeewwan hawaasa ijoollee hedduu godhatanitti rakkinni miilli jallatuu caalmaatti ni mudata.
Wagga waggaan sadarkaa idil-addunyaatti daa’imman kuma 200 ol miilli isaanii jallatee dhalatu.
Daa’imman 80% ta’an biyyoota galii gad-aanaafi giddugaleessa qabanitti dhalatu.
Itoophiyaa keessatti waggaatti daa’imman kuma shan ta’an miilli isaanii jallatee dhalata.
Lakkoofsi kuni Naayijeeriyaatti aanee Afrikaatti sadarkaa lammaffaa jedhamudha. Oromiyaafi Amaaraan immoo biyya keessaa warra dursanidha.

Madda suuraa, Hope Walks-Ethiopia
Miilli jallachuun rakkoo uumamaati. Ta’us, namoonni baay’ee bifa biraan hubatu.
'‘Waaqa maalin godheera? Abarsadhamoo? Kan jedhan jiru. Ijoollee isaanii kan dhoksan xiqqoo miti. Amantii waliin kan walqabsiisaniis xiqqaa miti. Sababa kanaan gara mana yaalaa geessuu sodaatu.
‘’Gara dhaabbilee fayyaatti yoon geesse quba natti qabu. Natti odeessu ‘sodaan jedhu jira’,’’ jedhu Obbo Indashaaw.
Heelanis jalqaba rifattee turte.
'‘Namoota mana dhufanii rakkoo ilmakoo qunname kan itti himu maratu rifata,’’ jechuun hubannoo hawaasaa ibsiti.
Ilaalcha hawaasaa jijjiiruuf dalagaa jirra jedhu Obbo Indashaaw.
Dhaabbati gargaarsaa Hoop Waaks Intarnaashinaal dhaabbata idil-addunyaati.
Dhaabbatichi dura-aantummaan miilli jallatee dhalatuurratti dalaga. Gara caalu Afrikaafi Eshiyaatti socho’a. Waggoota 13 darbaniif dalageera.
Wal’aansa kana bara 2009 – 2019 Hopsitaala Kiyuuritti kennaa ture. Waggoota sadan darbanimmoo eeyyama baasee socho’aa jira.
Yeroo ammaa dhaabbilee fayyaa mootummaa 48 waliin hojjechuu eegaleera. Naannoofi bulchiinsota magaalota hundattis socho’a.
Dhaabbilee fayyaaf leenjii, wal’aansaafi dhiheessi ni taasisa.
'‘Namoonni tokko tokko wal’aansa jalqabaa booda ni badu. Nuyi daa’imman cimoo uumuuf carraaqna,’’ jechuun dubbatu.
Wal’aansi kuni amma babal’ataa jira. Kilinikoota 48 keessati dhaqqabiinsi isaa 50% irra gaheera.
Heelan ilmi ishee Boruun dhaabatee deema amantaa jedhu hin qabdu turte.
Amma garuu ni tarkaanfata, ni fiiga. Kunis gammachuu uumeeraaf.












