Daa'imman reefu dhalatan of eeggannoon sukkuumuun lubbuu isaanii akka baraaru beektuu?

Indiyaa keessatti guyyaa guyyaadhaan daa'imman sukkuumuun barmaata bara dheeraati

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaa keessatti guyyaa guyyaadhaan daa'imman sukkuumuun barmaata bara dheeraati

Indiyaatti guyyaa guyyaadhaan daa'imman sukkuumuun aadaa baroota cehee dhufedha.

Daa'imni Renu Sakina kan dhalatte torbeewwan 36 tti.

Daa'ima xobbee Ji'a sagal guutuuf guyyoota shan dursitee kan dhalatte Renuun yoo manatti fudhattee galtu ulfaatinni daa'imattii kiiloo giraama 2.4.

Renuun daa'imashee kana yoo ilaaltu garaashee raase. Baayyee xiqqoodha. Qaamni ishees baayyee haphiidha.

Maatiin Renuu daa'imni ishee kuni daftee akka guddattuuf yaaala fayyaa Indiyaatti beekamaa ta'e argachuu qabdi jedhan.

Yaalli kuni guyyaa guyyaadhaan daa'ima kana sukkuumuudha. Kuni barsiifata warra Indiyaa bara dheeraaf turedha.

Hakiimotni daa'ima Renuu garuu sukkuummaa daa'ima tanaatti hedduu hin amanne ture. Daa'imittiin qaamnishee osoo hin jabaatiin sukkuummaa akka hin godhanne jedhan.

Renuun waan maatiinshee jedhanii fi gorsa ogeessota fayyaa kana karaa araarsuun daa'imnishee torbee lamaan booda sukkuummaa kana akka jalqabduuf murteessite.

Garuu daa'imnishee tuni torbee lama gidduutti guddina qaamaa hin agarsiisne ture. Hirriibas hin raftu ture. Renuunis haalli daa'imashee kuni ishee yaaddessinaan narsii soorama baate tokko daa'imashee tanaaf qacarte.

Narsittiin ammoo daa'imittiin sukkuumamuu akka qabdu himte. Baayyee osoo hin turin daa'imittiin qaamnishee fooyya'uu jalqabe. Haalli hirriiba ishees sirrate.

Sukkuummaan daa'immaniif maal fayyada?

Aadaa warra kibba Eeshiyaatti daa'imman sukkuumuun waan baratamedha. Amma ammoo karaa saayinsiitiin qorannoowwan barsiifata kana deeggaran bahaa jiru.

Daa'imman sukkuumuun ulfaatina isaanii nidabala, infeekshinii baakteeriyaa ni ittisa, du'aatii daa'imman xobbee harka 50'n hir'isa.

Maatiin ogeessota fayyaa wajjin mari'achuun yaala sukkuummaa kana daa'imman isaaniitiif kennuu ni dandahu.

Indiyaa Utaarpaardishitti kan dhalatte Renuun, ogeettii beeksisaati. Waan maatiinshee barsiifataan itti himaa turan qorannoon saayinsii ammoo isheef mirkaneesseera.

Akka aadaa warra Indiyaatti daa'imman qofa osoo hin taane Haatis akkuma deesseen qaama sukkuummatti.

"Haatikoo erga nadeesseen booda akkamitti saffisaan akka dandamatte yeroon gaafadhu sukkuummaa akka godhatte natti himte"jetti Renuun.

Isheenis barsiifata kana haadha ishee irraa dhaaluun daa'imashee irratti hojiirra oolchiteerti.

Narsiin daa'ima isheetiif qaxarte ammoo zayitni Sukkuummaa akkamitti akka hoo'ifamu ishee barsiisteetti. Zayitni kuni kan Kokonut yookan Almend ta'uu mala.

Zayitichi xiqqoo erga hoo'een booda garaan daa'imaa sa'aatii walakkaadhaaf sukkuumama. Guyyaa guyyaadhaan daaqiiqaa 30'f erga sukkuumameen booda bishaan hoo'aadhaan qaamni dhiqama.

"Gaazii ukkaamfame keessaa baasuufis mataa isaanitirraa hanga caafii quba miila isaaniitti ni sukkuumamu" jechuunis himti.

Daa'imman sukkuumuun kuni hanga bara dargaggummaa isaaniitti bu'aa isaaniif waan qabudhas jedhu.

Ogeessi fayyaa sammuu fi Guddinaa kan tahan Geerii Darmistadit ammoo gogaa namaa kunuunsa jabaa kan barbaadu yoo ta'elleen yeroo hedduu xiyyeeffannaa hin argatu jedhu.

Indiyaa fi Baangilaadeshitti ammoo haadholiin fi akkawoowwan daa'imman akka sukkuumanis himu.

"wanti barootaaf ta'aa ture kuni hedduu waan naraajuuf jechan qorannoo irratti gaggeesses" jedha.

Qorannoo bara 2008 qoratameen, daa'imman sukkuumuun lubbuu isaanii akka baraaru barameera. Qoranichi kan gaggeeffame hospitaala biyya Baangiladesh keessatti daa'imman 497 irratti.#

Daa'imman guyyuu yoo sukkuumaman fayyummaasaaniif gaariidha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Daa'imman guyyuu yoo sukkuumaman fayyummaasaaniif gaariidha

Du'aatii daa'imman xobbee hir'isuu…

Akka Geeriin jedhutti sukkuummaan du'aatii daa'imman xobbee akka hir'isu barameera.

"carraa infeekshiniidhaan miidhamuu harka 40'n fi du'a ammoo harka 25 hanga 50 ni xiqqeessa" jedha.

Sukkuummaan qaamni keenya dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu isaa cimsa. Infeekshiniidhaan akka hin qabamneefis gargaara.

Daa'imman qaamni isaanii gadi deemu sukkuummaa yoo argatan qaamni isaanii Maayikiroobaayoonii akka guddifatus himu ogeeyyiin.

Zayitiin sukkuummaadhaaf hojiirra oolu gogaa waan jabeessuuf baakteeriyaan akkuma salphaatti gara qaamaatti akka hin seenne godha. Baakteeriyaan gara qaamaatti yoo hin seenne ammoo dhukkuboota lubbuu galaafatan ittisuun ni dandahama.

Ogeessichi garee qorannoo waliin ta'uun daa'imman kuma 26 irratti qorannoo gaggeessan.

Walakkaan isaanii zayita suufiitiin kaan ammoo zayita sanaaficaatiin erga sukkuumamanii booda ijoollicha irratti guddinni fooyya'aan argameera.

Daa'imman kunneen keessaa kanneen yeroo dhalatan ulfaatina madaalawaa qaban hammeentaa du'aatiif saaxilamuu isaanii hin madaalamne. Karaa biraa ammoo kanneen yeroo dhalatan ulfaatina madaalawaa hin qabne hammeentaan du'aaf saaxilamuu isaanii qoratameera.

Akka qorannoo kanaatti kanneen ulfaatina kiiloogiraama 1.5 gadi tahan carraan du'uu isaanii harka 52 gadi bu'eera.

Ulfaatina daa'immanii sirreessuun ni dandahamaa?

Qorannoowwan akka mul'isanitti sukkuummaan narvii Veegaas jedhamu sirreessa.

Narviin kuni sammuu garaa wajjin kan walqunnamsiisuudha. Narviin kuni yoo sirratu nyaatni akka gaariitti bullaa'a. nyaata madaalawaa ta'e qaamni akka fudhatuufis gargaara.

Narviin kuni yeroo sukkuumamu ulfaatinni qaama daa'immanii akka sirratuuf gargaara. Keessummaa daa'imman xobbeen yeroo garaan isaanii sukkuumamu dhukkuba irraa bayyanatu.

Kanaan alattis turtii daa'imman qofaa isaanii hospitaala keessatti dabarsanis kan hambisuudha.

Ogeessi yaala daa'immanii fi xiinsammuu Tiifnii Fiild akka jettutti maatiin daa'imni akkuma dhalatteen akka sukkuuman gorfama jedhan.

Biyyoota adda addaa keessatti sukkuummaa daa'immaniif taasifamu kan qoratte Tiifnin, daa'imman yeroo sukkuumaman suuta ta'uu qaba jetti.

Daa'imman suuta sukkuumuun bu'a qabeessaa fi daa'immanis nibashanansiisa. Daa'imman jabeessanii sukkuumuun rakkoo hordofsiisa.

Kanaaf jecha ogeessonni karaa madaalawaa ta'een daa'imman akka sukkuuman gorsiti.

Rakkoo hordofsiisuhoo qabaa?

Ogeessi sammuu fi Guddinaa Geeriin, daa'imman jabeessanii sukkuumuun gogaa haphii daa'immanii akka miidhu hima.

Kana malees zayitni sukkuummaaf oolu sirritti filatamuu qaba.

Bara 2013 qorannoon kibba Indiyaatti daa'imman 194 irratti taasifame sukkuumamuu kan qabu qaama daa'immanii hunda akka ta'e ifoomsee ture.

Daa'imman kunneen garri caalaan isaanii haadhuma isaanitiin sukkuumaman. Haadholiin kunneen gurraa fi ija daa'immanii zayitaan sukkuuman. Kuni ammoo fayyaa daa'immanii akka miidhu ogeessonni bira gahaniiru.

Indiyaa magaala Puun kan jiraattu Piraanjaalii Bihonsii, daa'imnishee erga dhalatee jalqabdee sukkuumaa turte. Amma daa'imnishee ji'a 14 taa'eera. Daa'imashee kana guyyaatti si'a lama yoo sukkuumtu haati ishees akka ishee gargaartu himti.

"Mucaa kiyya kanan sukkuumu ija isaa keessa ilaalaa waan ta'eef hariiroo keenya waan cimsu natti fakkaata. Guyyaaarraa wan sukkuumamuuf jecha hirriibnii fi gogaan isaa fooyya'iinsa agarsiiseera" jetti.

Sukkuummaan akkuma daa'immaniif fayyina dansaa fidu namoota umriidhaan deemaniifis nigorfama. Hammuma umriin deemu gogaan namaa haphachaa deemu jabeessuuf gargaara.

Sukkuummaan Haadholiif maal fayyada?

Renuun maatii isheerraa kan dhaalte daa'ima sukkuumuu qofa miti. Haati deessuunis sukkuummaa akka barbaachisu baratteetti.

Umriishee wagga 40'tti daa'imashee jalqabaa kan deesse Renuun, daa'imnishee erga sukkuumamteen booda walitti aansuun saatii 4'f hirriiba nagaa rafaa jetti.

Daa'imni hirriiba nagaa raftu kuni ammoo haadhaafis boqonnaa kenneera.

"Isheen yeroo raftu anis nan boqodha. Sukkuummaan guddina daa'immanii fayya qabeessa ta'eef murteessaa akka ta'e hubadheera" jetti.