Civd-19: Daa'imman koronaavaayirasii ni daddabarsuu?

nama daa'imatti maaskii kaa'aa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Qorannoon Kooriyaa Kibbaatti qoratame akka mul'isutti daa'imman koronaavaayirasii hanga torban sadiitti afaansaaniirratti baatanii turuu danda'u.

Qorannoon asiin dura hojjetame daa'imman mallattoo koronaavaayirasii sasalphaa yookiin ammoo gonkumaa mallattoo vaayirasichaa hin agarsiisan jedha.

Argannoowwan kunneen, daa'imman hagam koronaavaayirasii daddabarsu? kan jedhuuf haga ammaatti waan deebii hin arganneef agarsiistuu tokko ta'aniiru.

Addunyaarratti manneen barnootaa sababa weerara koronaavaayirasiin cufamanii turan deebi'anii banamaa jiru.

Kanaaf ammoo walirraa hiiquu fi qulqullina eeggachuun dirqama akka ta'e gorsu qorattoonni kunneen.

Koronaavaayirasii fi daa'imman ilaalchisee gaaffiiwwan sadi deebi'uu qabu jedhu Pirofeesar Kolleejjii Rooyaal kan ta'an Raasal Viinar.

  • Daa'imman vaayirasichaan ni qabamuu?
  • Vaayirasichi hagam isaan miidha?
  • Vaayirasicha gara nama biraatti ni dabarsuu?

Daa'imman akka vaayirasichaan qabaman qorannoon mirkaneesseera.

Akka Pirofeesar Raasel jedhanitti, akkaataa qorannoo dandeettii dhibee ofirraa loluu qaamaa(antibody) irratti gaggeeffameen daa'imman umriinsaanii waggaa 12 gadi jiran carraan saaxilamuusaanii kan nama guddaarra xiqqaadha.

Daa'imman yoo vaayirasichaan qabamanillee akka nama guddaa akka hin miidhamne saayintistoonni ni amanu.

Inumaa daa'imman hedduun mallattoo dhibechaa hin agarsiisan.

Kan ammallee deebii hin arganne garuu daa'imman vaayirasicha ni daddabarsuu kan jedhuudha. Qoarnnoo Kooriyaa Kibbaa kanarratti xiyeeffata.

Qorannoon Kooriyaa Kibbaa maal jedha?

Qorannoon kun daa'imman 91 irratti hojjetame.

Daa'imman mallattoo vaayirasichaa salphaa agarsiisan yookiin gonkumaa kan hin agarsiifne vaayirasicha torban sadiif afaansaaniirratti baatanii turuu danda'u jedha qorannoon kun.

Afaansaaniirratti mallattoon vaayirasichaa yoo jiraate ammoo karaa kanaan gara nama biraatti dabarsuu danda'u jedha qorannoon kun.

Garuu afaan daa'immaniirratti vaayirasichi argamuu jechuun akka nama guddaatti vaayirasicha daddabarsu jechuu miti.

Kutaa wal'aansa daa'immanii keessa kan hojjetan Dr Roobertaa Diibaasii daa'imman vaayirasicha hin daddabarsan jechuun hin danda'amu jedhu.