Delihiitti dhiirotaa ol dubartoonni Covid19 qabamuu qorannoon agarsiise

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaa guddoo Indiyaa Delihiitti qorannoon ‘antibody’(qorannoo namni Covid-19n qabamee akka ture agarsiisu) yeroo lammataaf gaggeefameen, dubartoonni warra dhiirota caalaa vaayirasichaaf saaxilamuu agarsiise.
Qorannoon motummaan gaggeessee harka tokko sadaffaa jiraattota 15,000 irraa samuudni fudhatamee qoratameen antiibodiin Covid-19 irratti argameera.
Qorannoo marroo jalqabaa ji’a Adoolessaa keessa taasifameen jiraattonni %23.48 Delihii, 'antibody' qabu.
Magaalattiitti hanga yoonaa namoonni 150,00 yoo qabaman, kanneen 4,257 ta'an ammoo lubbuusaanii dhabaniiru.
Hagayya keessa qorannoo samuudaa taasifameen ammoo dubartoonni %32.2 tahan ‘antibody’ horataniitu argaman.
Lakkoofsi dhiirotaa immoo %28.3 ture. Sababiinsaa garuu hanga yoonaa ifa hintaasifamne.
Dimshaashumatti namoota qorataman keessaa harki 29 'antibody' koronaavaayirasii horataniitu argaman.
Kana jechuun jiraattota Delihii miiliyoona 20 keessaa miiliyoonni jaha vaayirasichaan qabamanii bayyanataniiru jechuudha.
Deelihiin ammayyuu ‘dandeettii hoomaan dhukkuba ittsuu, ‘herd immunity’’’ bira hin geenye, kuni tahuuf namoonni lakkoofsa gahaa qaban vaayirasichi sadarkaa hin tamsaasnetti, dhukkubicha ofirraa ittisuu danda’uu qabu, jedhan Ministirri Fayyaa magaalattii Saatyendiraa Jeen.
‘’Uummanni harka 29 tahu dhukkubicharraa dandamatee ‘antibody’ horachuun gaarii dha. Isa jalqabaa harka 23 tures inni ammaa ni caala. Garuu dandeettii dhukkuba hoomaan ofirraa ittisuu bira gahuuf harka 40-70 dandeettii kana qabaachuun barbaachisa,’’ jedhan Jeen.
Magaalaawwan Mumbaayiifi Piyuun keessatti namoonni harka 40-50 tahan antibody’ horatanii jiru.
Ogeessonni, qorannoowwan akkanaa qondaalota tamsa’ina vaayirasichaa hubachiisuuf garagaara jedhan.
Kana malees meeshaalee qorannoo iddoo barbaachisaa tahetti raabsuufi naannolee saaxilamoo tahaniif imaammata akka baafataniif gargaaras jedhaniiru.
Delihiin magaalota Indiyaa koronaavaayirasiin haalaan miidhaman keessaa yoo taatu,hanqinni siree hospitaalaa guddaatu jalqaba ji’a Waxabajjii keessa ture.
Haa tahu malee ergasii dhiyeessi meeshaalee yaalii bu’uuraa guutamuun foyyaa’aa dhufeera,lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamaniis hir’achaa jira.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














