Erga raftanii booda saayintistoonni bilbila keessanitti akka fayyadaman hayyamtuu?

Haanaan namoota kuma 100 erga rafanii booda bilbillisaanii qorannoof akka oolan gumaachan keessaa tokkodha

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Haanaan namoota kuma 100 erga rafanii booda bilbillisaanii qorannoof akka oolan gumaachan keessaa tokkodha

Saayintistoonni mobaayiloota namootaatti fayyadamuun qorannoo Covid-19 irratti taasisaa jiru. Qorannichis nyaanni akkamii dhibee kana wal'aanuu danda'a kan jedhu adda baasuuf yaalaa jira.

Haanaa Laawusan Weesti kan jiraattu Landan keessadha.

Yeroo hunda osoo hin rafin dura fuuashee dhiqattee ilkaanis rigatti. Mobaayilasheerratti oduu erga ilaaltee booda fuula Inistaagiraamiishee mil’atti.

Dhumarratti bilbillishee annisaa akka guuttatuuf irra keessee rafti.

Dubartiin ganna 31 kun sa’aatii saddeetiif wayita raftutti bilbillishee nidammaqa, saayintistoonni bakka jiranitti itti fayyadamu.

Bilbillishee osoo irraa hin fagaatin namoonni Covid-19 irratti qorannoo geggeessan akka itti fayyadaman hojimaata taasisu hordofti.

Erga akkas gochuu eegaltee wagga tokko kan guute yoo ta’u, bilbilasheetti fayyadamuun shaallaggii koompiitaraa 2,500 ol taasisaniiru.

Hojimaata kana kan qixeessu ammoo mosaajii/aappii ‘Diriimlaab’ jedhamu yoo ta’u, namoonni erga rafanii booda saayintistoonni bilbilasaaniitti akka fayyadaman isaaniif hayyama.

Akk addunyaattis namoonni kuma 100 ol ta’an tajaajilichaaf hayyama kennanii jiru.

Mossaajiin kun kan xiyyeeffatu dawaa koroonaavaayiras irrattidha.

Namoonni nyaata akkamii osoo sooratanii wal’aansa Covid-19’f gargaara kan jedhu irratti qorannoo geggeessaa jiru. Qorannichi keessumaa namoota dhibeen kun yeroo dheeraaf irra tururratti xiyyeeffata.

Nyaanni dhibee kanarraa nama ittisuufi warreen qabaman maal soorachuu akka qaban wanti beekame hin jiru.

Qorannoo taasifamaa jiru kana kan geggeessan Kooleejii Impeeriyaal Landan fi Voodaafoon Faawundeeshin dha.

Bilbila saayintistootaaf ergisuu

Adeemsichi ‘voolantarii kompiyuutiingi’ jedhama.

Humni bilbilaa walitti yoo qabamu odeeffannoo walitti qabame baatii sadii keessatti shaallaguu danda’a. Hojiin kun kompiitara tokkoof guyyoota 30 itti fudhata.

Hanaan moosaajii kana kan feete abbaanshee kaansariin erga qabamanii boodadha.

Piroojaktiin jalqaba irratti hirmaatte qoricha kaansarii irratti kan xiyyeeffatedha. Ammammoo piroojektii Covid-19 irratti hirmaachaa jirti.

''Bakkan rafetti waan bu’a qabeessa gochuunkoo nadinqa. Namoonni hedduunis irratti hirmaachuu qabu'' Jetti Haanaan.

Tola ooltota akkasheetiinis hanga yoonaa shaallaggiin miiliyoona 53 ta’u geggeeffamee jira.

Osoo raftee jirtuu shaallaggiin hagamii akka bilbilasheerratti hojjatame arguun guyyaashee akka bareechu dubbatti.

Saayintistoonni maal jedhu?

Deeggarsi tola ooltotaa qorannoo Covid-19 irratti geggeeffamu akka ariifachiisaa jiru Piroofeesar Kiiriil Valiskoov nidubbatu.

''Mobaayiloonni kumni 100 koompiitariita saffisa guddaa qabanirra harka lama/sadii fooyya’oodha,'' jedhani.

Shaallaggiin bilbila hundarratti dalagan nyaanni akkamii nama koroonaavaayirasiin qabame akka gargaaru sakatta’a.

Qorannoo kanaanis molekiyuulonni 50 ol dandeettii Covid-19 ittisuu akka qaban wanti mul’isu argamuuf jira jedhani.