'Mudannoo jireenyaa kootu itti cichee akkan qoramu na dirqamsiise' - Deessuu qorumsa kutaa 12 fudhatte

Madda suuraa, Miidiyaa hawaasaa
Itoophiyaatti qorumsi kutaa 12ffaa seensa dhaabbilee barnootaa olaanoof gargaaruufi kan bara darbe kennamuun irra ture sababa weerara koronaavaayirasii dabarfamaa yoona ga'ee torbee kana keessa kennameera.
Qormaati yeroo hin beekamnetti daddarbaa yoona ga'uunsaa hawaasa manneen barnootaa, maatii fi barattoota keessatti yaaddoo ta'ee tureera.
Qormaata guyyaa har'a xumurame kana barattoota fudhatan keessaa kanneen qormaatarrattis ta'e isa dura mudannoo addaa qaban akka jiran gabaafamaa ture.
Kanneen keessaa tokko kan taate Shamarree Miiliyoon Takkaalliny qorumsi osoo hin eegalin guyyoota lama dura magaalaa Naqamteetti deessee qorumsaaf teesse dubbisineerra.
Barattuu Miiliyoon Sambata waaree booda hospitaalatti deessee, Dilbata sa'atii afuritti baatee, Wiixata ganamaan qorumsarratti argamte.
Mudannoo jireenyaa kootu xiiqii keessa na galche
Haalli qormaati kun itti dhufe haala abdii na kutachiisuuni kan jettu Miiliyoon, ''har'a da'anii bor dhaqanii qoramuun baay'ee cima,'' jette.
''Dhiisuufan yaadee ture, garuu haallin keessa ture ammoo akkan dhiisu nan dandeessifne.''
Barattuu Miiliyoon Intarpiraayizii Maayikroo fi Xixiqqaan gurmaa'uun hiriyootashee waliin hojii bunaa fi shaayii gurguruu hojjettee akka barataa turte himti.
Kanaafuu barumsan aarsaa itti kaffalee har'aan ga'e irraa hin hafu yaada jedhutu akkan qorumsarratti argamuu qabu na dirqamsiise jette.
''Hojii humnaa hojjechaan baradhe. Hojii bunaa fi shaayee gurguruutiinan of barsiisaa ture. Kanarratti ammoo gaa'ila godheera. Hojii kanaa fi mana hoogganuu waliin walqabatee barumsa hordofuun baayyee natti cimaa ture.''
Kanarratti dabalataan maashiniin buna daaku harkashee kutee baayyee dhukkubaa akka ture kan himtu Miiliyoon, ''madaadhaanin deemee barachaa ture. Muudannoowwan kanneentu jabina naaf ta'an. Kanaafan irraa hin hafu jedhee onnadhee qorumsaaf taa'e,'' jetti.
Kutaa sagal irraa kaatee rakkoo baayyee dandamachuun barachaa yoona ga'uu himti Miiliyoon. Keessattuu daa'imni ishee inni hangafaa dhukkuba daranyoo sombaa dhukkubsataa turuun kan ka'e rakkoo guddoo akka agarte himti.
''Isa hospitaalatti deddeebisuu, mana bulchuu fi barumsa ta'ee rakkoon natti hammaatee ture. Galgala hospitaala buleen ganama deemee qormaata fudhachaa ture. Abbaan manaakoo konkolaachisaa waan ta'eef yeroo baayyee manatti hin argamee na bira hin dhaabbatu.''
''Yeroo harki koo na cite sanatti barumsa addaan kutuuf yaadeen ture. Garuu asittin hafaa kan jedhummoo na yaaddessaa ture. Hanga yoomiittin buna kana qabadhee barandaa jala taa'a kan jedhu keessa kootti yaaddoo uume. Haalli kun waan keessa tureef harka madaa baadheen rakkachaa barumsakoo hordofaa ture.''
Miiliyoon kan gaa'ila godhatte ALI bara 2008 wayita kutaa kudhan barattutti ture, hojii bunaa fi shaayii gurguruus baruma sana eegalte, garuu haalli waan itti cimeef barnootashee adda kutte.
''Bara 2009 ammoo deebi'ee barachuu eegaleen innis naaf ta'uu didnaan gidduuttu dhiise. Daa'ima kiyya jalqabaa bara 2009 keessan argadhe. Isa boodadha bara 2010 itti deebi'ee baradhee qormaata kutaa 10ffaa(maatirikii) kanan fudhe.''
''Barnoota kiyya addaan kutaa waanan dhufeef waggaa lama booddeetti hafeera, kanaaf ammas yoon irraa hafe waggaa tokko dabalataan booddee hafuu kooti kan jedhutu keessa koo ture.''
Akkuma barnoota kutaa 12ffaa eegalteen harkishee cituu kan himte Miiliyoon, utuma na dhukkubuu baradhee qormaata seensa dhaabbilee barnoota olaanoof ga'us garuu osoo hin qormanin hafne jetti.
''Ergasii qorumsa yoom qoramna jedhee si'oominaan eegaan ture. Qorumsi darbuusaa wayitan hubadhu dhala godhachuu akkan qabun murteesse. Garuu, qorumsi kennamuuf yeroo hamma kanaa fudhata jedhee yaadee hin beeku.
Da'umsa koo dura waan ta'u natti fakkaachaa ture. Yeroo qorumsaa eegaa waanan tureef barnoota koos hin hirraanfanne, hinuman dubbisa.''
''Wayita qorumsi onlaayiniidha jedhamaa tures qophaa'ee eegaan ture, garuu innis darbee wayita yeroon da'umsa kootii dhiyaachaa deemu yaadda'uun eegale.''
Qorumsi gaafa 29ti wayita jedhamu nan rifadhe…
''Yeroon an itti da'u gaafa 27 akka ta'e natti himameera. Qorumsi ALI gaafa 29 kennama oduu jedhu miidiyaarraa wayitan dhagahu baayyeen rifadhe. Maal gochuu akkan qabu na harkaa bade. Daarektara mana barumsaa kiyyaa haasofsiifnaan hin dhiphatin naan jedhanii na jajjabeessan. Isan Sambata da'u Jimaata mana barumsaan oole, oorenteeshiniin waan jiruuf.''
Haalota jiraniin osoo abdii hin kutin xiiqeffattee qormaataaf qophaa'uu dubbatti Miiliyoon.
''Abdii hin kunne. Yoo miixuun na qabellee deemeen qorama jedheen of amansiise, waanan da'us natti hin fakkaanne. Odeeffannoo jiru hundas ijoolleerraa fudhee qophaa'een ture.''

Madda suuraa, Miiliyoon Takkaaliny
Manatti na qoru jedhee yaadeen ture…
Baayyee dadhabee waanan tureef akka manatti, siree koorratti na qoran yaadeen ture kann jettu Miiliyoon, ‚'Isaan garuu yoo ciniinsuurra jiraatte malee erga deessee barattootuma gidduu teessee qoramuu qabda naan jedhan,'' jetti.
Daa'imashee qabattee gara mana barumsaa itti qoramtuu wayita deemtutti rakkoon akkashee mudatee fi abdii akkashee kutachiisee ture dubbatti Miiliyoon.
''Warri mooraa eegan ol na galchuu didan. Konkolaataa abbaan manaa koo ittiin na geessee keessaa bu'ee akkan lafa deemee mooraa seenu natti himan. Abbaan manaa koos akkamitti daa'ima dhiiga baattee lafa deemti jedhee aaree wayita dubbatu wal-dhibdeen mudatee ture. Dura na didanii boodarra garuu na galchan.''
Deessuu taatee barattoota gidduu teessee qoramuu…
''Miira walmakaa keessan ture. Dhaqee qorumsarratti argamuu koof nan gammade. Daa'iman kaleessa da'e qabadhee ijoollee gidduu taa'ee qoramuu koof garuu xiinsammuun koo miidhameera.
''Ijoolleen an waliin qorame kanneen daree waliin barataa turre waan hin taaneef na hin beekan, kunis na dhiphisaa ture,'' jette barattuu Miiliyoon.
''Danda'ee hin adeemu. Waan meeqaanan of sodaadha. Dhiyoo waanan da'eef dhiignillee na ba'uu danda'a jedheen yaada. Sanarrattimmoo barsiisonni qoran dhiirota, ijoolleen durbaallee na cinaa hin jiran. Baayyeen dhiirota.
''Garuu haalli itti barsiisonnii fi barattoonni tokko tokko na kunuunsaa turan ammoo baayyee na jajjabeesse. Guyyaan jalqabaa baayyee natti ulfaatus, ergasii garuu itti bareera, haala salphaadhaan qoramee xumure,'' jechuun himte.
Waggaa ol eeganii qoramuun hagam cima?
''Akkuma barumsarraa fagaachaa deemtu, dagachaa deemta. Hojii mataa kee irratti akkuma fuulleffattu wanta barattee fi qo'atte dagataa deemta. Hagam yoo ta'e sammuun koo haga isa kaleessaa naaf hin yaadu. Jalqaba haalaanin itti qophaa'aa ture. Ega qormaati darbee garuu baayyee dagadheera,'' jetti Miiliyoon.
''Kanaan alammoo anaan baayyee na dhukkubaa ture, daa'imas nan guddisa, jala ga'ee ammoo nan da'e, kanaafuu sababuman kaayyoo qabuufan itti ciche malee baayyee cima.''
''Haata'u waan hagas mara waan abdii nama kutachiisu miti, ijoollee waliinis ni qo'anna turre. Erguma qorumsi jalqabeellee dubbisaan ture. Qormaata itti aanee jiru qo'achaan ture,'' jette.
Miiliyoon karoorashee gara fuulduraa yeroo ibsitu, ''Yoo waaqi na gargaaree darbe Yuniversitii seenuun barbaada, garuu ijoollee waanan guddisuuf fagaadhee deemuu hin danda'u.''
Abbaan manaashee Seenaa Mihratee barnoota malee jiruu ofii fooyyessuun hin danda'amu jedha. Kanaafuu akka kaayyoonshee galma ga'uuf waan hundaan akka bira dhaabbatu hima.
Kutaa sagal irraa eegalee barnootasheerratti kallattii garaagaraan tumsaa jiraachuu kan himu Seenaan, haga isheen barnootashee fiixaan baastutti deggersi kiyya biraa hin hafu jedha.














