Shamarreen leenjii hoggantummaaf Itoophiyaarraa filatamtee Niiw Yoork jirtu abjuu baayyeen qaba' jetti
Sagantaa leenjii hoggantummaa Mootummootni Gamtoomanii - UN qopheessuun Itoophiyaarraa filamtee Niiw Yoork kan jirtu shamarree Caaltuu Daani'eel ''sababa jijjiiramaa tahuu fedha,'' jetti.
Akkuma dargaggoota hedduu si’anaa biroo, Caaltuunis miidiyaa hawaasummaa fayyadamturratti waan ittiin of ibsitu barreessiteetti, innis akkas jedha ''Shamarree Itoophiyaa abjuu baayyee qabdu.’’
Nutis abjuu kee keessaa lamaan tokko nutti himi jenneen, ''abjuu baayyee qaba, abjuu koo keessaa lama... tokkoffaa daangaa maleen guddachuu barbaada,'' jette.
Karaa fi seenaa mataa ishee uumuu akka feetullee turtii BBC Afaan Oromoo waliin gooteen ni dubbatti.
Caaltuun eenyu?
Caaltuu Daani’el, shamarree Oromiyaa, Magaalaa Shaambuutti dhalattee, maatii waliin Wallagga iddoo garaagaraatti kan imalte yoo tahu, kutaa ja'aa booda magaalaa Hoolataatti baratte.
Barnoota ishee digrii jalqabaa qorannoo diinagdeedhaan Yunivarsiitii Finfinneerraa kan eebbifamte yoo tahu, digrii lammataa immoo Yunivarsiitii KDI kan Kooriyaa Kibbaatti argamuurraa Imaammata Guddinaafi Hoggantummaan argatteetti.
Finfinnee Mootummota Gamtoomaniitti shaakala hojiirra erga dabarsiteen booda, qaamuma dhaabbatichaa sagantaa guddinaarratti hojjetu (UNDP) keessatti tajaajila bilisaa kennaa turte.
Yeroo ammaa kana sagantaa African Young Women Leaders Fellowship jedhamuun waajira mummee UNDP Africa New York argamutti 'strategic analyst' tahuun tajaajilaa jirti.
Waggaa darbe immoo sagantaa leenjii hoggantummaa dhaabbatichi qopheessu keessaa Itoophiyaa bakka bu’uun filatamtee Niiw Yoorkitti shamarran Afrikaa biroo waliin warreen hoggantummaaf qophaa’aa jiran gidduu dhaa isheen tokko.
Kaayyoon sagantaa kanaa shamarreen Afrikaa ardiifi biyya isaaniirra darbanii akka addunyaatti hoggantummaa irratti akka hirmaataniif kan qopheessuu dha jetti.
''Sababiinsaa immoo dubartoonni Afrikaa baayyee dandeettii fi beekumsa otoo qabanii carraa waan hin qabneef, waan gahuu qabanirraa hanqachaa waan turaniif dhaloota ammaaf booda dhufan kan gaggeessummaaf qopheessaa jiru dha.''
Jireenyi Niiw Yoork attam?

Madda suuraa, Chaltu Daniel
''Niiw Yoork magaalaa guddoo dha. Teessoo fi galma dhaabota gurguddoo dha. Addunyaa xiqqoo jedhee ibsuu nan danda’a, waan baayyeetu jira,’’ jetti.
Magaalaa namootni biyya seen-duubee garaagaraa qaban keessa jiraatan keessa jiraachuun, waan baayyee na barsiiseera jetti Caaltuun.
Caaltuun biyyoota addunyaa garaagaraa irra adeemtee daawwachuunshee jireenyashee irratti jijjiirama akka fide dubbatti.
''Akkaataan addunyaa itti ilaalu jijjiireera, ilaalchaafi beekumsa koo bal’iseera. Namoota aadaa garaagaraa qaban waliin yeroon jiraadhus akkamiin waliigaluu akka qabu baradheera,’’ jetti.
Fuuldurattis hojii amma hojjechaa jirtuun itti fufuu akka barbaaddu dubbatti, ''hojii na gammachiisudha kanan hojjechaa jirus,’’ jetti.
Hojiin ishee waa’ee guddinaa, waa’ee misoomaa irratti akka xiyyeefattus dubbatti Caaltuun.
'Sababa jijjiiramaa ta'uun barbaada'
Magaalaa xiqqoo keessatti dhalattee guddachuu kan himtu shamarreen kun, ''Itoophiyaa keessa waa’ee hiyyummaa, wal-qixxummaafi nagaa irratti rakkoon hedduutu jira.
Kanaaf guddina gaafa jennu dhimmoota kanarratti xiyyeeffachuun furmaata fiduuf kan hojjetu dha,’’ jetti.
Isheenis biyya isheetti qofa osoo hin daangeffamiin ardii Afrikaafi addunyaa irratti hojii amma itti jirtuun, hoggantuu tahuun barbaada jechuun hawwiishee ibsatteetti.
Shamarran kaanis, ''waan barbaadan bira gahuu dandeessu, sababiinsaa immoo hundi keenyayyuu dandeettii qabna jedhee waanin amanuufi,’’ jetti.
Dubartoonni abjuu akka qabaatan, mul’ata isaanii bakka amma jiraniin akka hin daangeessine ni gorsiti.
Akkuma abjuu ishee isa tokkoon daangaa malee guddachuun barbaada kan jette Caaltuun, ''ofii guddachuu qofa osoo hin taane, namoota kaaniif sababa jijjiiramaan tahuu barbaada, uummata koof bu’aa buusuun barbaada,'' jechuun BBCtti himteetti.

















