Isheen Eenyu 22: "Hojii tola-ooltummaa akka dirqamaatti hojjachuun murteesse" - Obsee Luboo

Obsee Luboo

Madda suuraa, OBSE LUBO

Obsee Luboo ogummaasheetiin narsii yoo taatu Kaalifoorniyaa jiraatti. Amma dura hojii tola ooltummaa hospitaala Najjoo waliin ta'uun hojjettuun beekamti.

Hojii kana hospitaalota Oromiyaa birootti babal'isuun ammoo galma isheeti.

Isheen eenyu?

Presentational grey line

Maqaan kiyya Obsee Luboo jedhama. Lixa Oromiyaa magaalaa Najjootti dhaladhee guddadhe.

Barnoota sadarkaa tokkoffaa fi walakkaa sadarkaa lammaffaa Najjootti baradhee xumure.

Boodarra carraa Ameerikaa deemuu waan argadheef kutaa Minisootaatti barnoota sadarkaa lammataafi digirii jalqabaa kiyya immoo gosa barnootaa Narsiingii achitti baradhee xumure.

Akkuma barnoota kiyya narsiingii xumureen gara Kaalifoorniyaa deemee achi jiraachuu jalqabe.

'Tola ooluu akka dirqamaatti'

Bara 2009 hospitaala Najjoo deemee ilaalee waan isaan barbaadan gaafachuun erga deebi'ee booda narsoota asitti waliin hojjannu waliin achi dhaqnee hojii tola ooltummaa torbee sadiif hojjannee deebine.

Haalonni achitti arge baay'ee waan nama suukkanneessuu fi ummanni sun gargaarsa baay'ee barbaadu ta'ee waan natti mul'ateef deebi'ee namoota tokko tokko waliin akkaataa isaan ittiin gargaaruu dandeenyu irratti waliin mari'adhe.

Eegasii booda bara 2009 irraa kaasee waggaa waggaadhaan gara hospitaala Najjotti deebi'uudhaan hakimootaa fi narsoota Oromoo magaalaa Finfinnee hojjatanii fi biyyoota alaa waliin hojii tola ooltummaa hojjanna.

Maashinii oksijiinii oomishu

Madda suuraa, NEJJO HOSPITAL

Bara 2010 fi 2011 keessatti yeroo adda addaa hospitaalota kanneen akka Gimbii, Dambii Doolloo fi Beegii fa'a deemuudhaan leenjii narsootaa kenniinee akkasumas meeshaalee xixiqqoo gumaachinee deebine.

Haalli waggaa waggaadhaan achitti argamu waan na hin gammachiifneef hojii tola ooltummaa kana akka dirqamaatti fudhadhee hojjachuuf murteesse jechuudha.

Hojii sa'aatii dheeraa hojjachaa, wantoota hojjattuuf immoo maallaqa barbaaduu, yeroo gara biyyaa deemnu immoo meeshaalee wal'ansa baqaqsanii yaaluu fi yaala birootiif barbaachisan hedduu qabannee yeroo deemnu sanitti buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti yeroo itti dararfamnu fa'aatu ture.

Bara 2015 fi 2016 keessa osoo buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleettii fi Najjotti osoo hin rakkatiin kayyoo deemneef bakkaan geenyee deebineerra.

Piroojaktiin omisha oksijinii akkamiin eegale?

Yeroo bara 2015 biyya deemne san tajaajila yaala baqaqsanii wal'aanuu haadholii fi namoota birootiif gochaa turre sanatti haala achi ture argee deebi'e.

Yeroo sanitti mucaan ganna 10 yookiin 11 ta'u dhibee Asmiitiin rakkachaa ture yaalaaf gara hospitaalaa dhufee sababa hospitaalichi hanqina oksijiinii qabuuf lubbuun mucaa sanii darbuu danda'eera.

Kanarraa kan ka'e kan as deebi'ee dhaabbata miti mootummaa 'Rotary International Global Grant' jedhamu keessatti miseensa waan ta'eef namoota achi keessatti hojjatan waliin akkaataa itti nu gargaaruu danda'a waliin haasofne gara hojitti galle.

Piroojektiin kunis waggaa shan fudhateera. Meeshichi oksijiinii kan oomishudha. Inni kunimmoo hospitaala Najjoo hin jiru.

Hojiin keenya inni guddaan hospitaalonni naannawaa Najjoo jiran kuusa(siliindarii) guutuuf Finfinnee deemuurra hospitaala Najjoo deemanii akka guuttatan taasisuudha.

Dubartii dahuumsaaf hospitaala deemtee sababa hanqina oksijiiniitiif lubbuunshee akka hin darbine yookiin namni yaala baqaqsanii wal'aanuu irratti hanqina oksijiiniitiin lubbunsaa akka hin darbine gochuun galma pirojektii kanaati.

Omishni oksijiinii kunis dhukkubsattoota sombaa, Asmii, dhukkuboota hargansuu fi COVID-19 ta'aniifnillee ni gargaara.

Obsee fi maatiishee

Madda suuraa, OBSE LUBO

Ibsa waa'ee suuraa, Obsee fi maatiishee

Yeroon booda oksijiiniin kun gatii hospitaalonni Finfinneedhaa bitataniin gurgurama.

Itti fufuun immoo hospitaalota fiixee Lixa Oromiyaattii argaman kan akka hospitaala Beegii, Gidaamii, DambiDoolloo kannen biroof maashinoota xixiqqoo adda addaa dhaabuudha karoorri qabnu.

Miirri hojii kiyyarratti qabu gaddaa fi gammachuu waliin walmakaadha.

Gammachuun kiyya nama waggaa 20-30'f ijjisaa ilaaluu hin dandeenyeef moora ijasaa jijjiiruun agartuusaa deebisuu, imimmaansaa arguun na gammachisa.

Dubartii ganna 18 sababa rakkoo gadamessaatiin ykn feestullaa jedhamuun fincaan qabachuu dadhabdee, ogeettiin gadamessaa Finfinnee Najjoo dhuftee baqaqsitee wal'aantee fayyaanshee deebi'e akkasumas namoota tajaajila argataniin gammachuudhaan lafa dhungatan yookiin fayyaa keenya arganeerra jedhanii na galatoomftan yoon argu baay'ee gammada.

Gaddi kan natti dhagahamu immoo yeroo namoonni tajaajila fayyaa argachuu qaban osoo hin argatin hafaniidha. Kanaaf kan amma hojjadhu caalaa hojjachuu qaba jedhee yaada.

Eegee qeerransaa...

Ani waan galmaan gahuuf karoorfadhe osoo galmaan hin gahin booddetti hin deebi'u.

Akkuma mammaaksa Oromoo: 'Eegee qeerransaa hin qabanii, qaban immoo gad hin dhiisanii' saniiti ani.

Wanta yaade bakkaan gahuuf gara duubatti hin jedhu. Isa kana galmaan gahuuf immoo maatiin abbaa warraakoo fi ijoolleen kiyyaa garagaarsa anaaf kennan hamilee guddaadha.

Karoorri kiyya fuulduraa hojii hospitaala Najjootti amma hojjanne kana kutaalee Oromiyaa jiddu galeessarraa fagaatan adda addaatiin gahuudha.

Karoorri biroo immoo wiirtuu qorannoo (Diagnostic and Imaging Centre) Najjootti ijaaruudha.

Dubartoonni namoota hojii hojjatanirratti hamileesaanii cabsaniif bakka osoo hin kennin bakka gahuuf yaadan irraa deebi'uu hin qaban. Ani yeroo hojii kana jalqabu hin heerumne ture.

Gaafa heerumtu hojiin kun ni hafa naan jedhu turan. Heerumee haadha ijoollee lamaa ta'ees kunoo hojii jalqabe san ittuma fufee har'aan gahe.

Akka dubartiitti hojiin keenya haadha warraa yookiin haadha ta'uun ala bahanii hojii hojjachuun sirrii miti jedhanii namoonni amananii fi hamilee namaa cabsan jiru.

Waan ta'eefis kana osoo hin dhagahiin kaayyoo keessan galmaan gahuuf carraaqa jechuun barbaada.

Gorsa namaa fudhadhaa garuu yaada hamilee namaa cabsu bira darbaatii kaayyoo keessan irratti xiyyeeffadhaa.