Shamarree mataasheefi ijoollee dubaraa naannooshee kittaana irraa miliqsaa jirtu

Maskaram Mul'ataa

Madda suuraa, Credit: UNICEF Ethiopia/2020/Tadesse

Ibsa waa'ee suuraa, Maskaram Mul'ataa

‘’Barattuu kutaa shanii taheen poolisoonni hiriira irratti dhufaniitu kittaanni dubartootaa barsiifata miidhaa qabu akka tahe beektuu jedhanii nu gaafannaan, lakki jenne…’’

Maskaram Mul’ataa jedhamti barattuu kutaa shanii taateeti kittaanni ijoollee dubaraa miidhaa akka qabu kan dhageesse. ‘’Dubartii kittaanuun harka ofii kutanii hamma gatuuti,’’ nuun jedhan jetti.

Dhalootaafi guddinnishee Naannoo Uummattoota Kibbaa, aanaa Maaraqoo ganda Haamus Gabiyaa jedhamutti dha. Amma mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Maaraqoo jedhamutti barachaa jirti.

Barnoota poolisootarraa argatte guyyaan hojiirra oolchitu dhufuunsaa hin oolle. Haatishee ijoollee koo otoon hin kittaanamiin na jalaa hafan jechuun kittaansisuuuf akka qophaa’aa jiran dhageessi.

‘’Shamarran naannoo kittaanamanii kan koo hin hafan qodaa cabsu, qerqeree tahuu,’’ jetteeti haatishee, ‘’namticha kittaanu dhoksaadhaan fidna,’’ akka poolisonnii fi hogganooti hawaasaa hin dhageenyetti jechuu isaanii, dubbatti Maskaram.

Yeroo sana Maskaram ‘’anaafi obboleettiin koo hin kittaanamnu, mana barumsaatti yoo kittaanamtan booda yeroo da’umsaa dhiigni isin dhangala’aa ….waan qara qabuun yoo isin muran dhiigdanii du’uu dandeessu jedhamneerra, kittaanni barsiifata boodatti hafaa dha nuun jedhaniiru,’’ jechuun haadhatti himti.

Haati garuu hin tahu jedhanii yaadasheetti cichiti, Maskaramis diddeema jabaachuun yoo anaafi obboleettii koo kittaansifte ‘’mana murtiittan si himadha,’’ jechuun haadhashee akka doorsiste dubbatti.

Garuu waan sodaatame hin hafne namichi kittaanu ‘bilaancii’ isaa qopheeffatee, koofiyyaa godhatee, kazaraa isaa of bira keewwatee mana barumsaa irraa yoo deebinu mana keenya taa’ee nu eegaa ture jette.

‘’Ani garuu gaafas obboleettii koo quxisuu natti aantee jirtu fudhadhee jalaa badeen, galgala erganni deemee booda deebi’een gale,’’ jette.

Haadha koo ijaan ishee mormeef anatti jabaachuu hin dandeenye jetti, Maskaram.

Haatahu malee obboloota koo xixiqqoo waggaa saddeetiifi isaa gad jiran ‘’akka kee osoo hin guddatiin dafanii kittaanamuu qabu, madaan isaanis dafee fayyaa naan jette,’’ jechuun dubbatti.

Gaafa masqalaarra jilli qophaa’ee, nyaatni hojjetamee, ijoolleefis kennaan adda addaa dhufaafi ture, achumaan namichi inni kittaanu waamamee dhufee mana ture jetti Maskaram.

Maskaram maatii ishee waliin

Madda suuraa, UNICEF Ethiopia/2020/Tadesse

Ibsa waa'ee suuraa, Maskaram maatii ishee waliin

‘’Sana booda garuu obbolaa koo waggaa ja’aa fi saddeetii mormuufillee daa’imummaa qaban fudheen naannoo sanaa badeen mana nama biraan isaan kaa’e,’’ jetti.

Manatti deebitee namichaan kittaanuu akka hin qabne yeroo itti himtu ‘’ijoolleen bara kana namaaf kabaja hin qabdan,’’ jechuu isaanii dubbatti.

Haa tahu malee, jaarsoliifi hogganoota hawaasaa bira dhaqxee barsiifatni boodatti hafaa kuni dhaabbachuu akka qabu amansiisuun yaale jetti.

Hogganootni hawaasaa dubbisheee dhagahanii namicha amansiisuu yaallaan waan dideef qabeenyisaa akka jalaa ugguramu ni goona jennaan mana isaaniittii akka hin deebine himti.

Ergasii kutaa 7ffaa erga galteen booda naannoo jirturraa naannoo biraa barnootaaf yeroo deemtu ijoollee naannoo ishee gara baadiyyaa fagootti fuudhanii dhaquun kittaansisuu jalqaban jetti.

‘’Ammas akka ijoolleen kittaanamuu hin deemneef qofaatti gorseen iddoo kittaanaaf deemanirraa hambisnaan ayyoo ijoollee keessaa isheen tokko barsiisaatti akkan balleessaa hojjedhe godhuun himtee na reebsiste,’’ boodarra garuu barsiisonnis dhiifama na gaafatan jetti.

Hiriyyaashees kittaanamuuf turtes mana isaaniitti dhoksitee maatiin ‘’si kittaansisna malee’’ jedhanii yoo didan akka mana murtiitti himattu gorsuushee yaadatti.

’Ani hin kittaanamne jechaan ummata barsiisa’`

Erga kanaa mana barumsaa Qoshee jedhamutti dubartoota biroo akka ishee ‘hin kittaanamnu’ jechuun didan waliin tahuun guyyaa 15tti ala tokko manneetii barnootaa sadarkaa tokkoofi lammaffaa irratti barnoota kennina jetti.

Gama kanaan biiroon dhimma dubartootaa akka isaan gargaaranis dubbatti.

Shamarreen kuni hawaasa barsiisuun maatii ofiirraa jalqaba kan jettu yoo tahu, ‘ani hin kittaanamne,’ jedhee uummatatti dubbachuun hamma mana barumsaa baadiyyaatti barsiisaan jira jetti.

Dubartoonni kittaanamanis akka hin qaanofneefi ‘’kan isaanii takkaa ijaa taheef warri kaan immoo akka isaanii miidhaan akka irra hin geenye,’’ walumaan taane barsiisna jechuun himti.

Shamarreen kuni naannoo fi mana barumsaashee keessatti barnoota kennaa jirtu namoonni fudhataa fi dhaabonni tola olaan ishee jajjabeessuuf dhufanii gaaf ishee dubbisan akka itti boonan dubbatti.

Fuuldurattis mirga dubartootaaf falmachuu akka itti fuftuufi jijjiirama arguu akka feetu dubbatti.

‘’Eessumni koo suuraa isa waa’ee koo barreeffame miidiyaa hawaasummaa irratti arge jabaadhu takka danqaa si dura jiru dabartteetta naan jedhe,’’ jetti.

Akka qorannoo dhimma fayyaa biyyaalessaa Itoophiyaatti kittaanni dubartoota waggaa 15-49 jiranii harka 62 Naannoo Saboota Sablammootaaf Uummattoota Kibbaatti babal'ate argama.