Dhaqna-qabaa akka maleen shamarran 50 hospitaala galan

Madda suuraa, AFP
Burkinaa Faasootti ijoolleen durbaa 50 ta'an dhaqna-qabaa ykn kittaannaa akka maleen ykn faalamaa ta'e irratti raawwatamuun miidhaa qaqqabeen wallaansaaf hospitaala gaaffaman.
Ammallee shamarra hundi dhaqna qabatan adda baasuun hin danda'amne, jedhu Ministirrri Dhimma Dubartootaa biyyattii Laawureensi Maarshaal.
Dubartoonni umuriin isaanii ganna 60 ta'an alama maatii shamarran kana waliin yakka raawwatame kanaaf to'annaa jala oolaniiru.
Burkinaa Faasootti dhaqna-qabaan bara 1996 irraa kaasee yakkadha.
Namoonni yakka kana rawwatanis hidhaa hanga waggaa sadiitu isaan eeggata.
Akka jaarmiyaa Mootummoota Gamtoomanii Daa'immanii UNICEF jedhutti shamarran harka afur keessaa sadii ta'an dhaqna ni qabatu garuu kan barmaatilee kana deggeran %9 qofaadha.
Dhaqna qabaan kun naannoo Kaayyaa jedhamtu gara Kaaba magaalaa guddoo biyyattii Ogaaduutti km100 irratti kan raawwatame yommuu ta'u Fulbaana 4 hanga 6'tti ture.
Shammarran dhaqna-qabatan keessaa gariin isaanii umurii waggaa afurii ta'uus aanga'oonni dubbataniiru.
Shamarran 12 ta'an Hospitaala naannoo Kaayaatti wallaanamaa kan jiran yommuu ta'u 38 ammoo Hospitaala warra Pirotestaantii magaalaa guddittii keessatti argamtu geeffamaniiru.
Shamarran kana keessaa gariin isaanii rakkoo fayyaa wlalxaxaa ta'eef saaxilamaniiru, jechuun, Dr. Dieudonne Ouedraogo BBC'tti himeera.
Dhaqna-qabaa jechuun:
- "Qaama saalaa dubartii gara irra keessaa gariin ykn guutummaatti muruu ykn sababii fayyaa tokko malee madeessuu/miidhaa irraan ga'uudha"
- Biyyoota Afirkaa 30fi biyyoota Eeshiyaafi Baha Giddu-galeessaa garii keessatti kan baramedha
- Waggaa waggaadhaan ijoolleen durbaa miliyoona sadii ta'an guutummaa addunyaarraa rakkoo kanaaf saaxilamu
- Kanneen miliyoona 125 tti tilmaaman ammoo rakkoo sababa dhaqna-qabaatiin uumame waliin rakkachaa jiru jiraatu
- Yeroo baayyee dhaqna-qabaan ijoollee durbaa umurii xiqqummaatii hanga waggaa 15 keessa jiran irratti raawwatama
- Yeroo baayyee dhaqna-qabaadhaaf kan akka ka'umsaatti fudhatamu akka amala saalqunnamtii sirrii ta'e qabaattuuf, shammarra ykn dubartii tokko dubartummaadhaaf qopheessuun heerumsiisuun "amala dubartummaa qulqulluu" akka qabaattu taasisuuf jedhama
- Balaan dhaqna-qabaa dhiiguu akka malee, maseenummaafi rakkoo fayyaa walxaxaa yeroo da'umsaa mudatuufi yeroo da'umsaa daa'imni du'uu qaqqabsiisa.













