Nallelii Koboo: Shamarree ganna sagalii kampaanii boba’aa falmitee mo'atte

Nalelli Kobo

Madda suuraa, CHRISTIAN MONTERROSA

Ibsa waa'ee suuraa, Nalelli Kobo

Hawaasni Laatinoo Los Anjeles jiraatan kaampaniin boba’aa naannoosaanii faaluu isaa himachuu wayita eegalan mucaan durbaa tokko qooda guddaa gumaachite qabdi ture.

Nallelii Koboo daa’ima ganna sagalii wayita turtee kaastee dhibee daranyoo sombaatiin qabamtee dhukkubsachuu kan eegalte, funuunaafi bowwuu mataatu ishee rakkisaa ture.

Kaampaniin boba’aa Los Anjeles, mana Nallelii Koboon keessa jiraattu fuulduraa boba’aa baasu, wajjin falmii yeroo sanatti ture kan jalqabe.

Otoo xiqqoo hin turiin Nallelii qofa otoo hin taane, haatishee namoonni biroos ollaatti dhukkubsachuu hubatan.

Buufanni boba’aa kun yeroof cufamuu dura maatiin namoota galii xiqqaa qaban walitti qabamuun hiriira mormiif bahaniinii turan.

Nallelii Koboo falmii ishee mormii bahuu qofaan hin dhiifne.

Gartuu rogeeyyii dargaggootaafi dhaabbilee kanneen magaalaan Los Anjelesitti boba’a qotuurratti dambii ittiin bulu akka cimsu gaafatanitti dabalamtee gara boodarra injifataniiru.

Haala qabiinsa buufata boba’aan qotamu kanaarratti himannaan yakkaa dhiyaate xumura ji’a kanaatti deebi’ee akka itti fufutu eegama.

Kampaanichi dhimma kanarratti dhiyootti yaada hin kennine, ta’ulle kana dura seera eeguun magaalichatti hojjechaa akka ture himeera.

Nallelii Koboo, Rogeettii dhimma kunuunsa naannoo sadarkaa idil- addunyaatti beekamtu Girittaa Tanberg wajjin wal cina madalamaa jirti.

Nalleliin naannoo jiraattutti erga waggaa kudhanii ni beekamti.

Shamarree ganna 19 kan taate Nallelii Koboo, jalqaba bara 2020 irraa kaaste dhibee kaansariin qabamnaan rogeettii taate itti fufuu hin dandeenye, yeroof dhaabuuf dirqamtee turte.

Doktoroonnishee wal’aanan maaltu dhukkubsachuusheef ka’umsa akka ta’e hin barre ture.

Yeroo sadiif erga wal’aansi baqaqsanii yaalu taasifamee, qorichaan yaalamtee tibbana dhibee kaansarii irraa bilisa ta’uun ishee dhaga’ame.

Kuni seenaa Nallelii Kobooti

Yunvarsiitii Paark, Kibba-giddugaleessa Los Anjeles karaa buufata boba’aa geessuurraa tarkaanfii 30 fagaatuttin guddadhe.

Haadha, obbolaakoo sadii, akaakileefi abaabilee koo wajjin appaartamaa tokko keessan jiraadha. Ana wajjin namoota saddeet taane jiraanna.

Haatiikoo Meeksiikoorraa dhufte, abbaankoo immoo Kolombiyaadha. Abbaankoo wayita umriinkoo ganna lama guutu gara Kolombiyaatti deebifame.

Yeroo sanarraa jalqabee haadhakootu na guddise. Bara 2010 umriin koo ganna sagal ture. Gaaf tokko akka tasaa garaachi na dhukkubuu, ol na deebisuu jalqabe.

Maashaaleen qaamakooti akka na butuutu ta’eetu, deemsan dadhabe. Akka jabduu natti dhaamonnaan haatikoo ol na fuutee na baatte.

Halkaan funyaan hedduu na funuune. Halkan dhiigaa koo akka na hin fe’amneef jechaan taa’e mugaa bule.

Mana keenyattin waanta mallattoo otoo hin agarsiifne nama galaafatuun summeeffame ture.

Fayyaankoo miidhamuu hubachuunkoo hedduu na aarse. garuu namoonni biroos haala garaa garaatiin miidhamaniiru.

Haatikoo umrii ganna 40tti haala hin baramneen aasmii qabamte, Akkoonkoo ganna 70tti haaluma walfakkaatuun aasmiin qabamte.

Gadameessa keessatti dhiitoon biqiluun rakkoon fayyaa faayibirooyid(fibroid) jedhamuun dhukkubsatte, Obbolessikoos aasmiin qabameera, Namni hunduu rakkoo fayyaa mataasaatii qaba.

Haata’u malee, maatiikoo qofallee miti, hawaasa keenyatu harka caalutu dhibeen rakkate.

Haadholiin keenya walitti haasa’u wayita eegalan waanti bade wayii jiraachuu dubbiin tamsa’e.

Qilleensa keessaa fooliin isaa nutti dhufa ture. Fooliin isaa akka killee tortoretti hajaa’a.

Nalleli Kobo fi Giritaa Tanberg duula kunuunsa naannoorratti wajjin hojjataniiru

Madda suuraa, COURTESY NALLELI COBO

Ibsa waa'ee suuraa, Nalleli Kobo fi Giritaa Tanberg duula kunuunsa naannoorratti wajjin hojjataniiru

Yeroo tokko yoo mana seene fooliin isaa manaa hin bahu, fooddaa yoo cufteyyuu hin badu.

Yeroo kaan foolii chokkoteetii fa’aa qaba. Fooliin kun nam-tolcheedha.

Jalqabarratti gamoo keessaa balfi dhangala’e ta’aa jennee barbaaada turre, boodarra gartuu ogeeyyii summii kanaa beekan hawaasatti dhufanii dubbatan.

Ogeeyyiin kun keemikaallii boba’aa baasuuf oolu kan fayyaa namaa yeroo dheeraa keessatti miidhuu danda’u qilleensatti dabalamuu kaasan.

Yeroo sanarraa qabne boba’aa daandii keenya cinatti argamuun walqabsiisfne.

Yeroo sanarraa eegallee hawaasa qindeessuun duula eegalle.

Yeroo sana iyyata qaama qulqullina qiilleensaa to’atutti iyyanne.

Namoonni seenaasaanii bulchiinsa mana qopheessaatti akka himatan balbalasaani rurrukunnee gaafanneera.Namni abbaa kanaa nu jedhe hin turre, namoonni itti hin dhimmamne ture.

Namoonni yaadannoo xiqqoorratti qabatte atumti maaf seenaa kee bulchiinsa mana qopheessatti hin himtu ? naan jedhu.

Ani baay’een qaaneffadha, garuu namootni bakka walgahanitti dubbachuun natti tola.

Barruun Los Anjilis Taayimsi waa’e keenyarratti erga gabaasa barreesse booda dhimmichi qalbii Seneetara Kaalifoorniyaa duraanii Baarbaraa Booksar harkise.

Booksar qorattoota Ejensii Kunuunsa Naannoo(EPA) affeeruun akka dhugummaa isaa mirkaneessaan taasise.

Qarattoonni kun daqiiqaa muraasaaf erga achii turanii booda foolii naannichaatiin dhukkubsachuu eegalan.

Itti aansee qorannoo sadarkaa naannoo fi federaalaatti gaggeeffame booda kampaaniin boba’a AllenCo yeroof naannichaa cufame.

Magaalli Los Anjilis kaampanicha irratti iyyata dhiyeessuun Manni Murtii bara 2016 yoo AllenCo hojiitti deebi’e dambii cimaa akka hordofu hubachiise.

Yeroo kana dhageenyu ni gammanne, garuu yeroo fudhate. Bara 2010 gurmaa’uu eegalle, bara 2013 buufanni boba’aa kun cufame.

Amma guutummaatti cufameera.

Yeroo duula kana eegalluu namni hawaasicha keessaa miidhame nu qofa akka hin taane hubanne.

Namoonni 580,000 iddoo gaaziin bahurraa nuusaa maayila tokko ykn isaa gadi ta’e keessa jiraatu. Hedduun isaanii namoota galii xiqqaa qabani.

Bara 2015 Bulchiinsa Magaalaa Los Anjilis dambiin Qulqullinaa naannoo Kaaliforniyaarratti bahe darbamuu isaaf himannee turre.

Ni injifanne. Amma Yunvarsiitii Paarkiirraa fagaadhera garuu, ammas manneen barnoota , hospitaalota fi paarkiiwwan naannichaa giddutti faanni 25,00 ta’u daangeeffamuu qabata jedheen duulutti jira.

Yeroo ta’e tokko anis daa’iman ture, nan shubbisa, dawwii bakka garaa garaa deemuu nan jaaladha, Kolleejjiin baradha.

Waanti adda na godhu yoo jiraate, bara 2020 otoo kaansariin hin qabamiin dura waantan hawwuun argadhe.

Yeroo wal’aansi baqaqsaanii yaaluun naaf taasifametti anii fi haati koo waa’ee kaffaltii wal’aansaa yaadda’aa turre.

Duula galii walitti qabuuttiin galma barbaannu bira gahuu danda’uu keenyatti nan carroome. Garuu waantii qalbii fii qaama kootti ulfaate gadameessa koo guutummaa sababa dhibeetiin baasisuudha.

Sireerraa ka’uuf illee torban ja’a natti fudhate.

Haatikoo ji’a jahaaf na dhiqaa turte, isa biraan dawaa hedduun fudhachaa ture.

Ogeeyyiin ammallee sababan ani kaansariin qabameef hin beekan; qorannoon gaggeessaniin garuu qaccee akka wal hin qabanne adda baasaniiru.

Iddoon itti guddadhe isaanitti himeera, tarii qo’annoon naannoo fudhatamu jiraa? jedhee gaafadheera.

Ogeettiin ani gaafadhe, amma saayinsiin haaraan dhufutti anaafu gaaffiidha naan jette. Amajjii 18, bara 2021 irraa kaase kaansariirra bilisa ta’eera, gammadeeras.

Fuulduratti Abbaa alangaa dhimma siviliif falmu ta’ee hojjachuu fi gara boodammoo siyaasa keessatti hirmaachuun fedha.