Amandaa Gormaan: Waloon US beekamtuun waardiyyaan ‘shakkamtuu fakkaatta' naan jedhe jettee himatte

Madda suuraa, AFP
Waloon Ameerikaa sirna muudama pirezedantii Ameerikaa Joo Baayideen iratti walaloo dhiyeessite booda beekamtii akka addunyaa gonfatte Amandaa Gormaan, eegdonni nageenyaa sanyummaan ishee qoodanii akka shakkamtuutti ramaduu himatte.
Shamarree ganna 22 Gormaan toora tiwitaraa gubbaatti akka ibsitetti, Jimaata darbe gara mana isheetti wayita deebitu ’’shakkamtuu fakkaatta’' waardiyyaan jechuuni dubbate.
‘’Kuni dhugaa dubartoota gurraachota ta’aniiti: Gaafa kaan akka nama fakkeenyaatti waamamta, guyyaa ittaanummoo akka nama balaa buusa jedhame shakkamutti ilaalamta’’ jettee barrreessite.
Gormaan walaloo ’The Hill We Climb’ jedhu erga dhiyeessite beekamtii guddaa argatte.
Walaloon isheen bareessite tokkummaa biyyaleessaaf waamicha kan dhiyeessuu fi kakaasu yoo ta’u, US Kaappitaalitti jeequmsi wayita uumame torban muraasa booda walaloo dhiyeessite.
Gorman waardiyaan ‘’eege kan qabdu’ jedhee ishee waamu fi appaartamaa gamoon keessa jiraattu erga itti himtee boodas dhiifama akka ishee hin gaafanne dubbatte.
Mudannoo ishee erga ibsiteen booda barreeffama kana dura Guraandhala darbe maxxansite deebiste qoodde.
Barreeffamichis akkas jedha: ’’Hawaasa hojiin isaa walfaallessuu keessa jiraanna, gama tokkoon dubartii waloo gurraatti taate tokko leellisu, gama kaanin daa’ima ganna sagaliitti mimmixa biifu’’ jechuun taate Niwu Yoork, Rochistaritti qaqqabe akeekte.
‘’Eyyee, anas ilaala akkasumalle dubartoota gurraachota akka hin mul’anne taasifamanis ilaala. Ani qophaatti ol hin qabamu’’ jettee barreessite turte.
Boodarra namoota ishee deeggaran galateeffatte. BBC’n akka yaada ishee dhimma kanarratti kennitu gaafateera.
Maxxansi ishee miidiyaalee hawaasaarratti heddumminaan qoodamuun - guyyaa guyyaan dubartoota gurrachota Ameerikaarra qoollifannaa qaqqabu amma tokko mul’iseera.
Gormaan bara 1998 Los Anjalasitti kan dhalatte yoo taatu, umrii ganna 16tti waloo taate.
Waggaa sadiin booda wayita Yunvarsiitii Harvaarditti Sosholoojii barattu waloo dargaggeetti badhaasa lootereetii akka biyyaaleessaatti gonfatte taate.















