Jeesikaa Kiruug: Dubartii adii bara hedduu 'ani gurraacha' jettee sobde

Madda suuraa, Duke University Press
Yuunivarsiitii Joorji Waashingitanitti piroofeesar kan taate Jeesikaa Kiruug dhimmoota Afriikaa fi daayispooraa Afriikaarratti xiyyeeffachuun hojjataa turte.
Baroota hedduu ani gurraattiidha jechuun sobaa kan turte pifofeesar Jeesikaan dubartii adii warra Jeewish yoo taatu magaalaa Kansaas Siitii irraati.
“Jireenya kiyya soba farra-gurraachotaa ta'e irratti ijaare,” jedha barreeffamni marsariitii tokkorratti maqaa isheen maxxanfame.
Yuunivarsiitichi maxxansa san qorataa turuusa himee dubartiinkun amma booda daree seentee akka hin barsiifne murteessuu isaa himeera.
Gochi pirofeesar Jeesikaa namoota ishee beekaniin kan qeeqame yoo ta’u, gochaa falmattuu warra adii kan taatee fi ani gurraatti ofiin jedhaa turte Raakeel Dolezaal waliin wal fakkaata.
Raakeel yeroo maatiin ishee adii ta’uushee himan ture kan bara 2015’tti dhimmi ishee miidiyaalee adda addaan gabaafame.
Falmattuun mirga namummaa fi barsiistuun qorannoo Afriikaa duranii US keessatti waggoota hedduuf gurraattiidha ofiin jechaa turanis boodarratti “akka nama Afriikaatti of ilaala” jedhan.
Pirofeesar Jesikaan takka gurraattii Afrikaa Kaabaa, takka ammoo gurraattii Ameerikaa takka ammoo warra Kariibiyaan of fakkeessuun sobaa turan.
Piroofeesar Jeesikaan gurraattii ta’uusaanii kan sobaniif sababa rakkoo fayyaa sammuu fi dhiphina ijoollummaasaanitti isaan mudateen akka ta’e ibsaniiru.
Kuni gocha isaan raawwataniif dhiifama kan argamsiisu miti jedhan.
Yuunivarsiitiin Joorji Waashingitan maxxansa piroofeesar Jeesikaa quba qabaachuusaa fi “wanta mudate qorachaa jira” jechuun himeera.
Dhimma kanarratti namoonni maal jedhan?
Dhugaa jiru himuun pirofeesar Jeesikaa namoota isaan beekan, barattoota, hiriyyoota akkasumas namoota ogummaasaanii keessa jiran haalan dallansiiseera.
Pirofeesar Jeesikaan sababa ammatti dhugaa jiru dubbataniif wanti ifa godhan hin jiru.
Barreessaan filmii Haarii Ziyaad “sababa irratti beekameef” dhugaa jiru dubbachuu barbaadan jechuun waan itti dhagahame ibseera.
“Jees Kiruug… hamma ganama kana naa bilbilanii maxxansi sun dhugaa ta’uu natti himanitti nama hiriyyaa kiyya jedhu turan. Nama gaarii waan ta’aniifii miti kan dhugaa dubbatan,” jechuun Tiwiitara irratti maxxanseera.
BarattuunYuunivarsiitii Joorji Waashiingitan kan taatee shamarreen ganna 21 Ariyaa Sakoonaa dhugaa dubbachuuf pirofeesar Jeesikaatti “baay’ee naheera” jechuun miirashee ibsiti.
Isheenis Wiixata dhufu pirofeesar Jeesikaa waliin barnoota seenaa Ameerikaa jalqabuuf akka jirtu ibsitee jirti.
“Barattoonni seenaa Laatiin barachuuf abdii guutuun yoo dhufan arguun baay’ee onnee kiyya madeesseera,” jechuun ‘Washington Post’ himteetti.
“Isaan amannee turre” jetti.















